Qubsuma koo 11: 'Biyya Ingiliizitti kophummaan namoota hedduu dhukkuba sammuuf saaxila'

Abdii Boruu Image copyright Abdii Boru

Maqaan kiyya Abdii Boruu jedhama. Mirga nagaan jiraachuufi hojjechuu dhabuun, gidiraan narra gahu daran hammaachaa dhufuun xumura bara 2005 keessaa jireenya baqaa filadhee gara biyya ollaatti fuulakoo qajeelfadhe.

Jalqaba bara 2006'tti daangaa qaxxaamuruun Keeniyaa gale.

Waggoota 10'f mooraa baqattootaa Kaakumaa keessan jiraachaa ture. Boodarra carraa UNHCR fi mootummaan Ingilizii (UK) irraa argadheen, Hagayyaa 2015 gara UK dhufeen, naannoo kutaa kibba Yookshaayer magaalaa Shilfiild qubadhe.

Ingiliiz wanti biyya keenya irra adda ishee baasu inni guddaan guddina fi qaroomina biyyatti keessatti mul'atu utuu hinta'iin kabaajaa mirga dhala namaaf jirudha.

Namni hundi yaada ofii bilisummaan ibsachuu fi dhimma kamiin iyyuu ilaalchisee mirga walqixa qaba.

Kophummaa

Yeroo hunda biyyakoo akkan yaadu kan nagodhu keessaa jireenya hawaasummaa (social life) achi jiruudha. Biyya kana wanti akkasii hin jiru. Maatiin, firaa fi ollaan waliin jiraachuun hin jiru.

Manni nuti keessa jiraannu gamoodha. Gamoo kana keessatti manan itti galuu jala, irra fi maddii namoonni ni jiraatu, haa ta'u malee eenyu akka ta'an illee hin beeknu isaanis eenyumma keenya nunbeekani.

Gaafa rakkoos ta'e gaafa gammachuu wal gaafachuun hin jiru. Martuu jireenya dhuunfaa ofii jiraata. Kana dhabuun biyyakoo akkan yaadu nagodha.

Image copyright Abdii Boru

Biyya kanatti waanti rakkisaan namudate jedhu inni guddaan tokko kophummaadha. Jireenyii hawaasummaa yookaan akka biyya keenyaa waliin haasa'uun taphachuun walitti mukuu bahuun hinjiru.

Kophaa nyaachuu, qophaa jiraachuu, gammachuu fi gaddakee bakka itti hafuura baafattu dhabuun namoota akka keenyaa bakka biroo irraa dhufaniif keessattuu immoo maatii kan hin qabneef qofaa ulfaataadha.

Heeduun isaanii qalbii darbuun daandii irraa wayita isaan asiif achi jedhan agarta. Kashalabbaawuu, araadaa fi waan addaa addaa keessa galu, bakka hintaane ooluufis saxilamu.

An illee lammi, firaa fi maatii koorraa fagaachuun hanga tokko kan na hube ta'ulle maatii fi ijoollee kiyyaa waliin waanan jiruuf rakkoo cimaan narra hin geenye.

Ijoollee sadiin qaba, dhiira lamaa fi durba tokko.

Maal jaalatta?

Magaalaa Shifiild keessaa paarkii Wiinter Gaarden nan jaaladha. Bakki bashananaa kun wayita cabbii akka qorri nama hin rakkisne jecha qilleensa kan ho'isu of keessaa qaba.

Yeroo ho'aas akkasuma qilleensa qabaneessuun akka mijatu ta'e kan hojjetameedha.

Image copyright Abdii Boru

Kana qofa miti, fakkiiwwan adda addaatu keessa jira. Bakki maatii waliin taa'anii itti nyaataniifi dhuganii itti bashannananis ni jira.

Bishaani ol faca'aniif kan akka geengootti ijoolleen irra gaggalagalan jiraachuun isaa ijoolleen daran caalchiftee bakka kana akka filattu waan tasisuuf wayita boqonnaa fi manneen barmootaa cufaman baay'inaan ijoollee as fiduun nus bashannanna.

Image copyright Abdii Boru

Akka nama mirgi isaa sarbamee biyyaa baqate tokkootti as dhufuu kootti kan guddaa nagammachiisu nageenya koof yaaddoo obbaafachuukooti.

Ijooleen koos barmoota qulqullina olaanaa qabuufi, umurii fi dandeettii isaanii madaalli keessa galchuun keennamu argachuu danda'uun isanii guddo na gammachiisa.

Magaalaa ala yeroon imalu baadiyyaa keessatti huuruu qamadii, garbuu fi midhaan addaa addaa, akkasumas hoolota fi fardeen, lagaa fi mukeen gaafan argu hoorii, fardeen abba kiyyaa fi kan Oromiyaa waan na yadachiisuuf hedduu biyya akkan yaadu na godha.

Nyaati biyya kana nan gammachiisu. Nyaata isaanii keessaa kanan jaaladhu hinqabu. Aadaa nyaata isaanii, akkaata itti qopheessanii fi gurguran sanan hin jaaladhu.

Faast Fuud isa jedhamutu baay'ata kunis jarjartiin itti goranii kan bitatanii darban jechuudha. Bakka ta'aani nyaatanillee hin qabu, bitte deemte bakka biraatti nyaata. Bakka hojiitti, mana ofiitti ykn konkoolaata keessatti.

Haa ta'u malee ijoolleen koo Piizaa fi Lukkuu Chiipsiin nyaachuu jaalatu. Anaa fi haadha warraan kiyya ammo yoo gad baane alaa nyaachuun nu barbaachiseef namoota biyyoota Afriikaa fi Arabaa irraa dhufaniin nyaata hojjetamu kessaa ''Zuurbiyaa'' isa jedhamu nyaachuu jaalanna.

Maal jijjiirta?

Utuun aangoo addaa tokko qabaadhee magaalaa kana keessatti waantan geeddaru daandii dha.

Daandiiwwan jiran baay'ee dhidhiphoo waan ta'aniif akka bal'atan gochuu dha. Dhiphinni daandiiwwan magaalawwan biyya kana baay'ee rakkisaadha, kan akkanaa Afriikaa keessa iyyu hin jiru.

Image copyright DANIEL LEAL-OLIVAS

Kana biratti ammoo xiqqaa fi guddaan biyya kanaa konkoolaataan adeemu, namni miilaan deemu hinjiru yookaan baay'ee xiqqoodha.

Kanaafuu hojii dhaquufis ta'e galuuf akkasumas ijoollee mana barmootaan gahuun yeroo hedduu namarraa fixa. Egaa rakkoon biyya kanatti arge kessaa daandiin isa guddaa waan ta'eef utuun carraa guyyaa tokkoof illee argadhee kana jijiiruun barbaada.

Humni na butee biyya na buusu utuu argame Oromiyaa keessa bakka kamitti iyyu utuun of argee hin jibbu. Keessattu naannoon itti dhaladhee fi guddadhe, bakka maatiin kiyya jiran Baalee Agaarfaa, geese waanti nabuusu utuu argamee guddoon gammada.

Odeessa kana irratti dabalata