Faalama ifaa: Biyyoota hedduu keessatti alkan baduurra jira

Suuraalee NASA'n lafti halkaniin maal akka fakkaattu ittiin hordofan Image copyright NASA
Goodayyaa suuraa Qarqaroonni bishaanii, naannolee ibsaan namtolchee itti baay'atu ta'anii mullatu

Qorannoon suuraa lafaa halkaniin ka'e irratti taasifame, ifaan namtolchee waggaadhaa waggaatti bal'achaa jiraachuu mullisa.

Bara 2012 hanga 2016 tti, ifaan alaa pilaaneetiin dachee waggaatti %2'n guddachaa ture.

Akka riippoortara Saayinsii, Viiktooriyaa Giil tti, 'halkan dhabamuun isaa' biyyoota hedduu keessatti nageenya biqiltootaa, bineensotaa fi dhala namaa irratti rakkoo uumaa jiraachuu saayintistoonni ni dubbatu.

Qorannoon barruu 'Saayins Advaans' irratti ba'e ragaalee saatalaayitii 'NASA' ifaa halkanii safaran fayyadamee jira.

Biyyoonni ifaan keessatti baay'atu Ameerikaa fi Ispeen idduma turan yoo jiran, biyyoonni Laatiin Ameerikaa, Afriikaa fi Eeshiyaa ifaan keessatti babl'achaa jira.

Biyyoonni kan akka Yeman fi Siiriyaa ifaadhaan warreen gadi bu'aniidha.

Suuraan saatalaayitii - magaaloota ifaandhaan badhaadhan mul'isu baay'ee kan miidhagu ta'us, naannoo fi namoota irratti miidhaa hin yaadamne geessisaa akka jiru himama.

Image copyright NASA
Goodayyaa suuraa Suuraaleen haala Awuurooppaa ibsuuf walitti qabaman kunneen ji'oota hedduuf kan sassaabamani dha

Aduun akka lixxuuf haa eeyyamnu

  • 2016 tti Gamtaan Fayyaa Ameerikaa ibsaawwan haala gaariin hin hojjatamiin, namoonni bal'inaan akka fayyadaman ta'uusaatti 'ifaan cuquliisaa', hoormoonii hirribaa meelaatooniin xiqqeessuu irratti gahee guddaa akka qabu mirkaneessee ture. Meelaatooniin ifaa cuquliisaa waliin hidhata qaba.
  • Qorannoon dhihootti ba'e kan biraas ibsaan namtolchee hormaata biqilootaa irratti gahee kan qaban ilbistu miidhuun, gama kanaanis sodaa uumeera jedha.
  • Qorannoon Yunaayitid Kingidam tokko ammoo, mukkeen naannoo ifaa namtolchee keessa jiran kan hin jirreen yoo walbira qabaman, firii/abaaboo isaanii baasuuf hanga torbee tokkoo tursu.
  • Qorannoon jalqaba bara kanaarra ba'e tokkoos ibsaan naannoo magaalaatti diriirfamee jiru, amala shimbirroota baqatanii dhufan akka jijjiiru ni ibsa.

Ifaan namtolchee jijjiiramoota qabatamoo gurguddoo namoonni naannootti ariitiidhaan beeksisan keessaa tokko akka ta'e, dursaan qorattootaa giddu gala qorannoo Jarman, Kiriistoofer Kiyibaa ni dubbatu.

Image copyright Science Photo Library
Goodayyaa suuraa Yunaayitid Kingidamitti iddoowwan ifaa turan caalaatti ifaa jiru

Miiltoowwan isaanii, magaalonni badhaadhan fi indastiriiwwan gurguddoon ifaa keelloo irraa gara 'LED' tti jijjiiraa jiraachuu isaaniitiin fooyya'iinsi baay'ina ifaa mullachuu akka malu ni abdatu

''Ameerikaa, UK fi Jarman keessatti jijjiiramni ni dhufa jennee abdannus kan argaa jirru garuu Ameerikaan idduma jirtutti, UK fi Jarman ammoo caalaatti ifaa jiraachuu dha'' jechuun BBC tti himaniiru.

Ifa xiqqoo, dandeettii arguu fooyya'aa.

Image copyright NASA
Goodayyaa suuraa Suuraan kun akka mullisutti, Hindiin kan bara 2012 caalaa iftee jirti

''Awurooppaa keessatti samii qulqulluu ifaa hin baramneen hin guutaman arguun baramaa miti''.

Piroofeesar Gaatisan dabaluun faalama ibsaadhaan dhufu dabalaa jiraachuu yaaddoo qaban ibsu. ''Yeroo dhalli namaa akkamiin naannoo akka balleessaa jiru yaadnu, rakkoo cimaa deebisanii sirreessuuf hin danda'amne'' jechuun dubbatu.

Image copyright NASA
Goodayyaa suuraa Naannoon laga Naayil halkaniin maal akka fakkaatan adda baafameera

Magaalonni keenya ifa xiqqoo akka qabaatan gochuun miidhaa argaa irratti ga'u xiqqeessuun ni danda'ama jedhu Dooktar Kiiybaa

''Dandeettiin arguu namootaa jijjiirama ifaa malee, ammeentaa ifaarratti hin hundaa'u'' jechuun ibsu.

''Kanaafuu, ifaa alaa sirreessuun, ampuuliiwwan calaqqisan xiqqeessinee - ifaa xiqqoodhaan dandeettii arguu keenya fooyyessuu dandeenya.''

''Kana jechuun ammoo annisaa qusachuu ta'uu danda'a - garuu ragaan keenya kan mullisu akka biyyaattis ta'e adduunyaatti, kun ta'uuf akka hin deemne dha.''