Dhuguma hirribni hangas waan barbaachisaadhaa?

Dubartii sireerra ciiftee jirtu Image copyright Getty Images

Waa'ee bu'aa hirribaa hangam beekna laata? Waa'ee walitti dhufeenya inni fayyaa, amalaafi umurii keenya waliin qabu hoo? Mee waa'ee hirribaa qabxiilee bu'a qabeessoo 10'n kanneen yaa ilaallu.

1. Sa'aatii saddeetiif rafuu

Yeroo baayyee guyyaatti sa'aatii saddeetiif rafu akka qabnu yoo dubbatamu ni dhageenya. Garuu ragaan kun eessaa dhufe?

Namoonnis hir'ina hirribaa qabu kan jedhaman, isaan sa'aatii jahaan gadi rafaniidha. Baayyee kan jedhamu ammoo isaan sa'aatii 9 hanga 10 rafaniidha.

Qorannooleen akka mul'isanitti namoonni hir'ina hirribaa qabanis ta'e isaan baayyee rafan, lamaanuu dhukuboota adda addaatif saaxilamu.

Ijoolleen reefu lafaa guddattu hanga sa'aatii 11 akka rafan kan gorfamu yoo ta'u daa'imti dhalattu garuu haala adda ta'een hanga sa'aatii 18 rafan gorfama.

Sheen Omaar Profesarri Kolejjii Tirinitii Dabliin akka jedhanitti, "yeroo tokko tokkos hirriba dhabuun rakkina fayyaatiif madda yaa ta'u, ykn mallattoo isaa adda baasuun baayyee rakkisaa dha.''

Dhigaan haalamu hindanda'amne garuu namoonni hirriba dhaban baayyeen rakkina fayyaatiif kan saaxilamaniidha.

2. Hir'ina hirribaafi qaama keenya

Hir'inni hirribaa rakkina fayyaa qofa osoo hintaane rakkoolee baay'eef akka nama saaxilu qorannooleen ni mul'isu.

Qorannoowwan 153 kan namoonni miliyoona shanii keessatti qooda fudhatan akka mul'isanitti, namoonni hirriba gahaa hin arganne dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi furdina garmaleetiif haalaan saaxilamu danda'u.

Namoota qorannicha irratti qooda fudhatan keessaayis isaan hirriba sa'aatii torbaa gadii rafan dhukubaaf saaxilamaniiru.

Aarii, rakkina sammuu fi furdinni garmalees rakkoolee guguddoo isaan qunnamanidha.

Namoonni hirriba dhabanis wayita haala isaanii qorichaan to'achuuf yaalan humni qaamni isaanii dhibee dandamachu itti danda'u akka dadhabu qorannoon ni mul'isa.

Image copyright Getty Images

Akkasumas hirriba garmalee rafuun balaa akka qabu qorattoonni ni kaa'u. Rakkinni hirriba baay'isu inni guddaan dandeettii yaaduu namootaa miidhu akka ta'e profesar Sheen Omaaraa ni dubbatu.

3. Hirriba sadarkaadhaan

Hirribni sadarkaawwan daqiiqaa 60 hanga 100 gahan qaba. Sadarkaan inni duraa kutaa qaama keenya waljalaan gadhiisaa itti dhufu kan rafuu fi dhiisuu jidduutti argamuudha. Sadarkaa lammaffaan ammo haala waljalaan gara hirriba gutuutti kan itti galuudha.

Sadarkaa sadaffaan kan jedhamu ammo yeroo gutummaatti hirribni nu fudhachuun ka'uu itti hindanda'amne jechuudha.

Namoonni hundinuu haala hirriba guyyaa guyyaa keenyaan sadarkaalee kanneen keessa kan dabarru yoo ta'u, jeequmsi sadarkaalee hirriba kanneen irra gahuus fayyummaa irratti dhiibbaa akka qabaatu dubbatama.

4. Hirribaa fi hojii dabaree

Yeroo baay'ee hojiin dabaree(shiiftii) fayyaa dhabuuf sababa akka ta'u dubbatama.

Qorattooni akka jedhanitti, hojattoonni hirriba sadarkaa barbaadamuun gadii qofa rafan, furdina garmaleefi dhukkuba sukkaaraatif saaxilamu.

Kanas jechuu hojjattoonni shiftiin hojjetan hundumtuu rakkina fayyaa kanaaf saaxilamu jechuu miti. Namoonni dhukkuba dandamachuun bara dheeraaf fayyummaan hojii shiftii hojjatanis jiraachusaanii qorannichi ibseera.

5. Yeroo gara yerootti hirriba dhabuun nu hubaa jira moo....?

Hirriba dhabuun isin rakkisaa jiraa jedhamuun osoo gaafatamtanii, eeyyeen akka jettan hinshakkisiisu.

Qorannoon biyyoota 15 keessatti gaggeefame garuu raga kanaan faallaa ta'e qabachuun baheera.

Biyyoota jaha keessatti hanqinnii yeroo hirribaa jiraachusaa kan bira gahamee yoo ta'u, biyyoota torba keessatti namoonni yeroo hirriba fooyya'aa argachaa jiru. Lammiileen biyyoota lamaanii hafan ammo, hirriba madaalamaa argataa jiru.

Qorannoon dargaggoota lammii Ingilizii kuma lama irratti gaggeefame tokko akka mul'isetti, dubartoonni haala dhiirotaan adda ta'een hirriba dhabuun isaan rakkisa. Darbee darbees kaafeyiin bunaafi kookaa keessa argamuu fi alkooliinis dhiibbaa mataasaanii akka qabaatan dagatamuun irra hinjiraatu.

Sochiiwwan akka barmaatileetti raawwannu akka TV doowwachuu, bilbila mobaayilii fayyadamuufi bahanii bashannanuunis hirriba dhabuuf gahee olaanaa qabaatu.

6. Gara boodaa

Yunivarsitii Varjiniyaatti Profeesara Seenaa kan ta'an Jarkee Akiriichi akka jedhanitti, ''dhaloonni waggoota 100'n dura turan guyyaatti yeroo hirribaa lama qabu turan.'' Qorattoonni yaada Pirofeesar kanaatiin walii hingallee tokko tokkos garuu bara ibsaan elektirikaa hinturreetti namoonni adamoon jiraacha turan guyyaatti yeroo tokkicha qofa rafaa turan jechuun mormu.

Kunis sirni hirriba ilmaan namootaa bara durii kaasuun kan walfakkaatuuf baay'ee kan hingeeddaramne ta'u dubbatu.

7. Bilbila mobaayilii, hirribaa fi ijoollee

Qorattoonni akka jedhanitti, ijoolleen lafaa guddattu guyyaatti yoo xinnaate hirriba sa'aatii 10 argachuu qabaatu.

Dhugaansaa garuu isaan walakkaa ta'aniyyuu haala kanaan hirriba argachaa hinjiran. Kutaan ciisichaa lafa hirriba haala gaariidhaan itti argatamu ta'uun osoo irra jiraatuu, teknolojiiwwan akka bilbila mobaayiliifi laap tooppi hirriba nu dhorkaa jiru.

Keessatti ijoolleen umurii 10 fi isaan olitti argaman caalaa haala kanaaf saaxilamaa jiru.

Image copyright Thinkstock

8. Yaalii jeeqamuu hirribaa

Tibba kana keessas namoonni baayyeen jeequmsa hirribaatin walqabatee rakkina fayyaa isaan mudateef yaalii argachuuf baay'een gara dhaabbilee walaansaa dhaqaa akka jiran dubbatama.

Kanaafis sababiin waan hedduu ta'us, inni guddaan garmalee furdachuu akka ta'e qorattoonni cimsuun dubbatu. ogeessonni yaalaas yeroo gara yerootti wal'aanamtootaaf qoricha hirribaa ajajuu dhaabaa jiru.

Qoricha irraas yaaliin walitti fufiinsa qabu caalaa bu'aa qabeessa ta'ee argameera. Akkasis ta'e ammo, ammas hedduun qoricha hirribaa akka mala ittisaatti fudhataa jiru.

9. Garaa garummaan biyyoota jiddu jiruu hoo...?

Qorannoon biyyoota industiriin keessatti babal'atee 20 keessatti gaggeefame tokko akka mul'isetti, haalli hirribaa biyyoota kanneen keessa jiruu walfakkaachu kajeela.

Akka qorannichaatti, haala ifa uumamaa caalaa yeroon hojii, yeroon mana barnootaa fi yeroon bashanannaa haala irraa caaluun sirna hirribaa namoota irratti dhiibbaa taasisa.

Qorannoon gara biraa naannawa ibsaan elektirikii hinjirreetti biyyoota Taanzaaniyaa, Naamibiyaa fi Booliviyaatti gaggeefameen ammo, namoonni giddugaleessaan sa'aatii 7.7 hirriba ni argatu. Kunis kan biyyoota keessatti industiriin babal'ateen baayyee adda miti.

10. Isin nama ganamaa moo kan galgalaati...?

Namoonni bariin ka'uun hojii isaanii eegalan akkuma jiran, isaan halkan guutuu osoo hirribni ijarra isaan hinmariin dabarsanis ni jiraatu.

Namoota osoo hirriba hinrafne halkan dabarsanif ibsaa nam-tolcheen boqonnaa gaarii umeefi jira. Qorannoof jecha namni lafa ibsaan nam-tolcheen hinjirreetti geeffamanis, sa'aatii 48 keessatti yeroo duraan itti rafan irraa sa'aatii lamaan dursanii rafuu eegalan.

Innaadhuma biiftuun galuuf qara dhaabuu eegaltu gara cisiichaatti deemuu itti fufan.

Kanaafuu, sirna uumamaa qaamni keenya hordofuus sababii ibsaa nam-tolcheetin jeeqamuu hinqabaatu jechuun qorattoonni gorsu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan