''Rakkoo Abbayyaa kan guddisu yaada warra siyaasaati''

Hidha haaromsaa Laga Abbayyaa Image copyright Facebook/MoFA
Goodayyaa suuraa Ijaarsi hidha kanaa harka 65 irra gahuunsaa dubbatama

Mohaammad Waadeen, gaazeexeessaa miidiyaa Saadaa Ilbaalaad keessa hojjetu yommuu ta'u, waa'ee bishaan Abbayyaa barreessa.

''Jiruun biyya keessaa qaala'eera. Waan hundaaf hedduu kaffalla. Uummanni bishaaniif akka hin kaffalle soda keessa jira,'' jechuun BBC'f hime.

Mohaammad waggaa darbe ji'a Hagayya keessa, Hidha Haaromsa Guddicha daawwateera. ''Hidhni kun uummata Masriif rakkoo akka qaqqabsiisne barreesseera. Siriiyuu hidhni faayidaa Masriif qabu hubadheen gale,'' jedha.

''Obboleewwan koo Itiyoophiyaaf, piroojektii guddaadha. Bishaan isaanii fayyadamuu fi guddachuun mirga isaaniiti. Fedhiin uummata Masrii bishaan akka jalaa addaan hin cinnef qofa,'' jedha, miidiyaan biyyattii Itiyoophiyaan bishaan Abbayyaa addaan kutuuf akka jettu, ilaalcha dogoggoraa uumuusaanii eeruun.

Hidhi Haaromsaa Guddichi ALH Ebla, 5 bara 2004 wayita ifa ta'u, gama Itiyoophiyaa fi Masrii irraa jechoonni garagaraa darbatamaa turan.

Hidhni kun Afriikaatti guddicha wayita ta'u, waggaatti human elektirikaa Meeggaa Waatii 6,000 ol maddisiisa jedhamee eegama. Baasiin isaas Birrii biiliyoona 80.

Waggaa shanitti xumurama jedhamus, haga yoonaa %65 gaheera jedhamaa jira.

'Xiiqii' lammiillee Itiyoophiyaa

Alam Alamaayyoo Naayiroobii keessa jiraata. Waggaa jaha dura wayita oduun hidha kanaa dhagahamu, hedduu gammadee akka ture yaadata. 'Miirri jijjiiramaa natti dhagahamee ture,'' jedha. Amma garuu duubatti harkifachuun hidha kanaa, hamileesaa gadi akka buuse dubbata.

''Garmalee yeroo dheeraa akka fudhate natti dhagahama,'' jechuunis ibsa.

Wondosan Michaagoo Sayid, Yunivarsiitii biyya Swiidiniittii argamu, Lund jedhamu keessa Digrii Doktireetaa barachaa jira. Kana malees waa'ee dippiloomaasii bishaan laga Abbayyaas qorannoo taasisaa jira.

''Lammiileen Itiyoophiyaa hiyyeessa ta'uu danda'u, garuummoo uummata sabboontota. Dhimma laga Abbayyaarra ammoo yaadni tokkummaa uumameera,'' jedha.

Image copyright Nile Basin Initiative

''Itiyoophiyaan akka kuusaa bishaaniitti ilaalamti turte. Hidhni kun yaada kana hanga ta'es tahu jijjiireera,'' jedha Wondosan.

''Dhimma kana haala adda ta'een ilaalaa jira,'' kan jedhu Obbo Wondosan, ilaalcha, bulchiinsaa fi dhiibbaa waa'ee bishaanirratti biyyoonni qaban, 'hydro mentality' qorachaan jira jedha.

Fakkeenyaaf hariiroon gumaachaa fi fayyadamiinsaa biyyoota lamaanii kan fuggisooti jedha. Itiyoophiyaan bishaan %85 wayita gumaachitu, kanneen fayyadaman ammo biyyoota gara gadii jiraniidha.

Kanaafis, ''biyyoota yaa'a gadii fi olii jechuun seera qabeessa ta'ee tureera,'' jedha. Ilaalchi kunis walitti dhufeenyaafi waliigaltee kamirrayyuu dhiibbaa uumaa jira jedha.

'Qooda bishaanii isa kam?'

Bara 1959tti Suudaaniifi Masriin mallatteessan qaamolee hedduu qooda jedhamee qeeqama. Waliigalteen kunis, 'Bishaan kana faayidaa guutuurra oolchuu,'' kan jedhu yommuu ta'u, lagni Abbayyaa Masrii fi Suudaan qofaaf akka tajaajilu eera.

Biyyoonni yaa'aa wayita sana 9 turan. Amma garuu 11 gahaniiru.

''Biyyoonni sagal haa turan malee, lama kophaasaaniif oolfatan. Kana egaa kan xiinsammuu biyyoota yaa'a gadii kan jedhamu. Warra kaan keessaa baasuun, of qofa tajaajiluu,'' jechuun ibsa.

Haa ta'u malee, bara 2015tti biyyoonni jaha 'Seera fayyadamiinsa bishaan Abbayyaa' jechuun akka haaraatti mallatteessaniiru. Seerri kunis waliigaltee 1959'f beekamtii hin kennu.

Dhiheenya kana pireezidantiin Masrii Abdal Fattaah al-Siisii, 'qoodni bishaanii Masrii hin tuqamu,' jedhaniiru.

Obbo Wondosaniis 'qooda isa kam?' jechuun gaafata. ''Qooda kana Itiyoophiyaan kan beektu miti,''.

Biyyoonni sadan waa'ee hidha kanaa fi dhiibbaa naannoorratti qabu ilaalchisee mariin taasisaa turan rakkoon akka isa mudate dubbatamaa jira.

Hidhni kun %65 irra gahuunsaa dubbatamaa jira. Rakkoon inni guddaan hidhaan kun akkamitti guutama kan jedhudha.

'Bishaan socho'u'

Image copyright JOSE CENDON

Dhimmi Abbayyaa qaama jeequmsa Biyyoota Giddugala Bahaa ta'ee ilaalamaa ture.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa dhiheenyatti gara Kaataar imaluun isaanii warrai Masrii hiika biraa kennaafi akka jiran dubbata Obbo Wondosan. Waldhabdeen amma jiru kun dhiibbaa rakkoo naannoo biyyoota Giddugala Bahaa irratti mullachaa jirudha.

''Inni biraan, warri biyyota yaa'a gadii, Itiuyoophiyaan yeeroo mara rooba qabdi jedhanii fudhachuu isaaniiti.''

''Biyyattii keessa hongeen akka jiru hin beekan, bishaaniifi hongeen Itiyoophiyaa keessa jiru,'' jedha.

Akka jecha ogeessa kanaatti, dhimmi bishaan Abbayyaa dhimmi warra siyaasa keessa jiran qofaaf gatamee hafuunsaa, walxaxaa taasisa jedhama.

''Rakkoo Abbayyaa kan guddisu, xiinsammuu namoota siyaasaati. Ummanni biyyoota kanneenii kana caalaa waan waliigalan natti fakkaata,'' jedheera.

DhKD bara 500 jechi Herodotas '''Masriin bu'aa Abbayyaati'' jedhe hanga har'aallee eerama.

''Kun ilaalcha hin geeddaramne agarsiisa. Herodotas wayita kana dubbatu, waa'ee burqaa Abbayyaa wanti inni beeku hinturre,'' jedha Wandosan.

''Bishaan yeroo mara sochoa'a, yaa'as. Sammuun keenya garuu achuma hafee jira. Kana hubachuu qabna natti fakkaata.''

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata