Aannan harmaa fi kan daakuu walitti dhufeenya qabaatu laata?

Aannaan daakuu bulbulamee qophaa'ee Image copyright Getty Images

Makaan gaazii summii fi dharaa baqee tulluu Taamboraa irraa sigigaatee bu'eetiin gara haarikeeniitti geeddaramuun kumaatama galaafate. Tulluun Taamboraas gara meetira 1,220'tti gabaabatte.

Barrisaas 1815 ture. Duummessi volkaanoo asii ol daraa darbatuus Kaaba goladuu guutuun, aduu dhorke.

Awurooppaatti barri 1816 'bara rooba malee'' ta'e. Midhaanis ni bade. Namoonni beela'anis antuuta, adurreefi ofilaali nyaatan.

Magaalaa Jarman Daarmsitaadtitti miidhamni mucaa waggaa 13 irratti yaaddoo cimaa uume. Jastiis Von Liyibig gargaarsa bakka hojii abbaa isaatti taasisu barbaade.

Qorannoo gadifagoo

Liyibig guddatee nama ogummaa kemistii beekamaa ta'e. Achinis namoota hubaman gargaaruuf fedhii olaanaa horachaa dhufe. Xaa'oo irrattis qorannoo durii taasise. Innis gama saayinsii umamaa qofaa osoo hintaane waan gara biraas kalaqe. Kunis annan formulaa daa'imman dhalatuu.

Annan formulaa bara 1865tti Liyebigiin kalaqame kunis annaan daakuu annan sa'aa, daaku qamadii, daakuu garbuufi potashiyeem qabu ifa taasise.

Innis aannan harmaatiif bakka bu'uuf qorannoo saayinsii olaanaa booda argamuuf gabaaf kan dhiyeete kan jalqabaati.

Akkuma Liyebig beeku, ijoollee hundi haadha harma hoosiftu hin qaban.

Waldhaansi ammayyaatiin dura, dahumsa 100 keessa tokko lubbuu haadhootii dabarsa ture. Biyyoota iyyeeyyii keessatti har'a garuu fooyyee'aa jira.

Haadhooliin muraasni aanna gahaa hinqaban. Baayyinni isaa irratti waliigalamu baatamu illeen garuu 20 keessaa tokko akka ta'an dubbatama.

Annaan formulaatiin dura daa'imman maal ta'u turan?

Kenneen dandeettii qaban, ijjoollee isaanitiif narsoota hosiisan qaxaruuf turan. Garuu qalaqa Liyibegin dura hojii madda galiin ittiin hinargamne ture. Kaanis ree'ee ykn harreetti fayyadamu ture.

Image copyright Getty Images

Walitti dhuufeenya gaarii

Ijoollee xiqqoo baayyeen daaboo bishaaniin nyaatu ture. Kun ammoo qoodaan itti nyaataan haala salphaa ta'ee waan baakteeriyaan faalamu danda'uufuu fayyaa daa'immanii balaaf saaxila.

Baroota 1800 irratti ijoollee aannan haadhaa isaanii haala gahaa ta'ee argachu hindandeenye sadii keessaa lama qofaatu lubbuun ture waaggaa itti dhalatan gaha ture.

Aanaan daakuu kalaqamee kunis bara murteessaa sanatti gabaaf kan dhiyaate.

Itti aansuunis fiixeen xuxxoo ni omishame. Kanaafuu daakuun aannaniis haalaa saffiisuun babalachuu eegale.

Aannan Liyibiig kunis aanna daakuu kan duraan namoota jireenya gaarii ogganatan qofaaf ture amma hundumaaf ta'uu eegale.

Wayita ammaa kanattis aanna kun kan bakka hojii ammayyaa gargaaru ta'uun beekamaa dhufeera. Haadhoolii erga dahaniin booda gara hojiitti deebii'uuf barbaadaniif, daakuun annanii waan gaarii ta'uun dhaiyaateera.

Hiriina Galii

Dhiheenyattis Yunivarsitii Chikaakoo namoota diigrii lammafaan heebiifamuun hojii gorsaa fi faayinaansii irratti hirmaacha jiran irratti qorannoo gaggeesse jira.

Jalqabaratti galiin dubartootaafi dhiiroota jidduu jiru walgitaafakkaata ture.

Yeroo booda garuu garaa garummaan galii olaanaa ta'e mulachuu eegale. Kunis kan ta'e wayita dahumsaatti. Dubartoonni yoo daham joollee isaanii kunuunsuuf boqnnaa bahu. Mindeessitooni ammoo yeroo kana kanfaltii gadaanaa kanfaluuf.

Faallaa kana garuu irraa caalaa ijoollee baayyee kan qaban garuu dhiiroota. Ta'us yeroon hojiisaanii hingeedaramu.

Dubartoonni qofti miixatanii dahusaanii waan geedaramu danda'amu miti. Haa ta'u malee haala bakka hojii geedaruun ni danda'ama.

Haatii tokkos dahumsaa booda gara hojiitti yoo deebiitu abbaan akka mucaa sana kunuunsuuf aannan daakuu haala salphiseera.

Akkasumsa filannoon meeshaa ittiin aannan harmaa eelmanillee jira. Haadhoolii tokko tokkoof kunis aannaan daaku caalaa kan waldhaansoo gaafatu ta'a.

Barullee qorannoo waldhaansaa bara 2016 irrattis miidhaa aannan daakutiin walqabatee jiran baraa'aniiru.

Ijoolleen aannan daaku hodhan kanneen kan harma haadhaa honii caalaa dhukkubsatu. Kanaanis kan ka'ee maatiin baasiin walaansaa itti dabala. Akkasumas lafa hojii isaanitii yeroo yeroon hafu.

Harma hosiisu qofaan ijoolleen walakkaa ta'an balaa garaa kaasaa fi kanneen harka sadi ta'an ammoo rakkina faalamu (infekshinii) qaamoolee arganfuutiif ittisuun akka danda'amu dubbata.

Haala qorannoo kanatiin aannan harma haadhaa waggaatti du'aa ijoollee kuma 800 olchuuf ni dandeessisa.

Kun ammoo kalaqaa Jasitis Voon Liyibiig lubbuu daa'immanii baraaruuf yaaleef naasiisaa ture.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Daa'imman harma haadhaa hosiisuun waggaatti du'a ijoollee 800,000 ol akka olchu dubbatu qorattoonni

Dhiibbaa Dinagdee

Biyyoota guddataniif waa'een qulqullinaa bishaaniifi hanqiinni bishaan rakkina miti.

Daakuun aannanii garuu bifa dinagdee kan biraas qaba.

Haala qorannoo Laansantiin, ijoolleen harma haadhaa hodhaa guddatan, dandeettiin samuu isaanii (IQ) warreen kaan qabxii sadiin ol aanaadha. Kunis egaa dhaloota warra dandeetii cimaa taasisuuf hangam kan gargaaru ta'a laata?

Qorannichi kanas xiyyeefannaa keessa galchee jira. Waggaatti doolaara Amerikaa miliyoona 300 baasu. Kunis ammoo hanga gabaa aannnan daakuu addunyaa ta'a.

Sooranni Liyibiig ofiin daa'immaniif kalaqee aannan harma haadhaa ni caala jedhamee yaadaame hinkeemu. Garuu hanga danda'ameen kan qabiiyyeen sorattummaa isaa aannan haadhaatiin walfakkaatu akka omishe dubbatama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan