Itophiyaan biyyoota lammileen isaanii hin dubbifne keessatti akka ramadamtu beektuu?

Manguddoo kitaaba dubbisaa jiran. Image copyright Getty Images

Biyyoonni qabeenya uumamaatiin badhaadhoo ta'an qofti siyaasaafi dinagdee addunyaa to'achuuf kaan irratti dhiibbaa taasisaa turan amma seenaa yeroo dhiyooti.

Yeroo ammaa kana garuu kun hafee, biyyoonni dinagdee beekumsaa fi qarooma irratti ijaarame qaban addunyaa akka garaa isaanii ogganan mullata jechuun ibsu hayyoonni.

Sammuu lammiilee isaanii misoomsuuf qabeenya guddaa irratti baasuu. Kanaafu dinagdee beekumsarratti hundaa'e gama ijaaruutiin milkaa'aniiru. Isaan keessaayis biyyoonni jedhaman Isiraa'el, Jaappaan, Chaayinaa, Hindiifi Masiri ni eeramu.

Hawaasni aadaa dubbisuu guddifate wantoota gara garaa qalbiifi tasgabbiidhaan ilaaluu cinaatti miira caalaarra sababiitti akka amanu isa gargaara kan jedhan Diiniin Kollejjee Saayinsii Hawaasaa Yuunivarsiitii Maqalee Dr. Zeenawii Zarihun, Itoophiyaan biyyoota lammiileen isaanii hin dubbisne keessatti akka ramadamtu ibsaniiru.

Aadaan dubbisuu lammileen Itoophiyaa hangami?

Finfinneetti sagantaa raadiyoo aadaa dubbisuu hawwaasaa guddisu qopheessuun kan beekamu Raadiyoo Biraannaatti.

Qopheessaan Ol-aanaa Bafiqaaduu Abarraa aadaan dubbisuu lammilee Itoophiyaa yeroodhaa gara yerootti hir'achaa akka dhufe dubbatu.

"Waggoota saddeettan darban keessa Raadiyoo Itoophiyaafi FM 97.1 waliin ta'uudhaan namoonni faayidaa dubbisuu akka hubatan gochuudhaaf sagantaawwan qopheessaa akka turre," kan jedhu Bafiqaaduun dhaloonni haaraan qormaataaf na fayyada kan jedhu qofa malee kitaabolee jijjiirama yaadaa fiduuf dandeessisan dubbisaa akka hin jiree dubbata.

Sagantaa raadiyoo Finfinneetti darbaa jiru cinaatti Wiirtuu Aadaa Jarman waliin ta'uudhaan ji'atti takka kan gaggeeffamu guyyaa dubbisuu qopheessuudhaan namoonni beekumsa qaban akka wal jijjiiran gochuuf yaaliin taasifamaa jira. Waltajicharrattis yoo xiqqate namoonni 150 ta'an akka hirmaatan dubbata Obbo Bafiqaaduun.

"Aadaa dubbisuu hawwaasa tokkoo guddisuudhaaf irra caalaan maatiirra jalqabuu qaba. Itti aansuun barsiisotaafi manneen barnootaa jechuun itti fufa'' kan jedha.

Muuxannoo Tigiraay

USAID aadaa dubbisuu Itoophiyaa ilaalchisee akka qoratetti, naannoon Tigiraay sadarkaa gad-aanaarra jira.

Kun kan isaan yaachise fayyadamtoonni miidiyaaleen hawwaasaa tokko tokko feesbuukii fayyadamuun kitaabota walitti qabuun gara manneen barnootaa gara garaatti geessaniiru.

Fakkeenyaaf ayyaana amantaa waliin wal-qabsiisanii akka namoonni feesbuukiidhaan kitaabota hanga danda'an akka gumaachan gaafachuun kitaabota kumaan lakkaa'aman Tembeen Abiyyee Adii, Adiwaa, Maayicewuufi Shiree Indaasillaaseetti manneen barnootaa argamaniif erguusaanii qindeessitoonni sagantichaa ni ibsu.

Carraa tekinooloojiin fideef fayyadamuun aadaa dubbisuu dargaggootaa guddisuuf kan hojjechaa jiru dargaggoo Yirgaa Gebremediin, kitaabota guuranii deemuun qofti ga'aa waan hin taaneef akka hawaasni faayidaa aadaa dubbisuu hubatu kan gargaaru simpooziyeemii qopheessuun barbaachisaadha jedha.

Image copyright Kahsu

Waggaa darbe kitaabota kuma tokkoo ol walitti qabee gara Shiree Indaasillaasee akka deeme kan dubbatu Yirgaan, yunivarsiitii Aksuum waliin ta'uudhaan simpooziyeemiin barattoonni ciccimoo dhibba ja'aa ol ta'an irratti hirmaatan akka qophaa'e dubbata.

Kan jireenyi isaa Ameerikaa ta'eefi kitaaba arjoomuu irratti kan hirmaatu Obbo Tsagguu Birhaanee muuxannoo Isiraa'el kaasuun Itoophiyaanis akkasuma guddachuu kan dandeessu yoo hawwaasa dubbisuu danda'an uummattedha jedhu.

Hidaar Tsihoniifi Dubbisuu

Ayyaana amantaa 'Hidaar Tsihon' waggaa waggaan magaalaa Aksuumitti kabajamu kan keessummoonni miliyoona walakkaa ta'an akka irratti hirmaatan himamu irratti, simpooziyeemiin aadaa dubbisuu hawaasaa ni gaggeeffama.

Kitaabonni kuma 3 ta'an walitti qabamanii manneen barnootaa magaalaa Aksuumiif akka rabsaman kan dubbatu Yirgaan, simpooziyeemicharratti hayyoonni waraqaa qorannoo dhiyeessu, hirmaattotaafis gorsa ni kennu jedha.

"Guddinni hawwaasa tokkoo walitti fufinsaan kan mirkanaa'u, dinagdeen beekumsa irratti yoo ijaarame qofaadha' ejjennoo jedhu akka qabu ture kan dubbatamu, hundeeessaan Waldaa Misooma Tigiraay Obbo Araayyaa Zarihun yaada kana milkeessuufis mana barumsaa barattoonni ciccimoo keessaa ba'an Mana Barnoota Addaa Qalaminoo hundeesse.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan