Barbaachi carrallaa balaafamaa attamiin raadaarii abuure

iskriinii raadaarii Image copyright Getty Images

Argannoowwan hedduudhaaf hangam akka uumamuu xiyaaraa irratti hundoofne faana dhahuu dandeessa. Tarii motora jeettii, ykn xiyaaruma mataasaa.

Yeroo tokko tokko garuu humna jiru guutummaatti fayyadamuuf argannoowan argannoowwan biroo barbaadu.

Industirii aveeshinii keessatti, seenaa argannoo carallaa balaafamaa ykn (Death ray) irraa eegala, ykn yoo xiqqate caarraaqqii balaafamaa tolchuu bara 1935tti deebii'a.

Anga'oonni Ministeera Xiyaaraa Biriitish dorgommii tekinooloojii humna waraanaan Naazii Jarmanii gadi ta'uun isaan yaaddessee ture.

Yaadni death ray isaan kakaase: Nama oolaa tokko sadarkaawwan dhibbaan balleessuu danda'uuf badhaasa £1,000 kennaa turan. Amma sanatti garuu, namni nan danda'a jedhe hin ture.

Kanaaf garuu qorannoo si'ataa dabalataan maallaqaan degeruu qabuu? Carallaa balaafamaa ykn (Death ray) danda'amayyu turee?

Seeraan ala, Rooberti Waatsaan Waat, Buufata Qorannoo Raadiyoo, beeksisan.

Image copyright Sasha
Goodayyaa suuraa Haarii Grindeel Maatiiwoos bara 1923tti carallaa balaafamaa kalaquu dubbateera, garuu akka butiif motummaa Biritishiin amansiisu hindandenye ture.

Achumaan jaallee hojiisaa kan ta'e Iskiip wiilkinsiif gaaffii herregaa hojii sammuu dhiyeesseef.

"Haa jennu, mee haa jennu," Waatsaan Waat wilkiinsiin akkas jedhe, " bishaanii saddeti, km1 [trakaanfii 3,000] lafarraa ol qabda ture.

"Bishaan sun ammo F98 [37C] jira haa jennu, atimmoo hanga F105 ga'utti danfisuu barbaadda.

"Fageenya km5 irraa humna firikuweensii raadiyoo hangam barbaaddaa?"

Carraa

Iskiip Wiilkinsi gowwaa hin turre.

Dhiigni kooktaaliin saddeet hamma dhiigaa dardara tokko keessa jiru ta'uu, temireecharri qaamaa sirriin digirii faranaayitii 98 ta'uu, akkasumas 105 ammoo baayyee ho'aa fi du'arraan kan nama ga'u ta'uu, yookiin akka of wallaaltu kan nama taasisu ta'uu fi to'annoo ala taanaan roophilaarrattis taatee wal fakkaataan akka mudatu ni beeka.

Kanaafuu Wiilkiinsii fi Waatsoon wal hubatu, carallaan miidhaa hamaa qaqqabsiisu akka abdii hin qabnerrattis waliif galu: human guddaa gaafata.

Garuu carraa argan qabu.

Dhaabbatichi qorannoo qorachuuf baasii guddaaf akka saaxilame ifadha. Watsan Waat fi Wiilkiins garuu filannoo baasii baajataa fooyya'aa tarii kaa'anii turanii laata?

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Roobarti Waatsoon Waatt taknolojii raadaarii umuu keessatti gahee olaanaa xabateera

Wiilkiinsi baayyee itti yaadeera. Tarii ni danda'ama ta'a jedhee yaadrimeesse, danbalii raadiyootiin yaaluu. Danbalii sagaleetiin qofa otoo hin argamin fageenyarraa argamasaa baruun itti ba'amaa dhufe.

Watsan argannoosaa kana hatattamaan Koree Dhimma Qorannoo Saayinsaawaa Humna Qilleensaa Ministirichaatiin ga'e. yaada kana gabbisanii itti fufsiisuu laata? Eeyyeen sirriitti ta'eera.

Wanti Wiilkiins ibsaa ture kun Raadar jedhama.

Namtichi Rooberti Budeerii jedhamu kitaabasaa 'The Invention That Changed the World' jedhu keessatti akka ibsetti, Jarmanoonni, Jappaanonnii fi Warri Ameerkaas of danda'anii teeknooloojii kanatti fayyadamuu eegalan.

Jalqabbii ajaa'ibsiisaa

Bara 1940 keessa garuu jalqabbii ajaa'ibsiisaa kan raawwatte Biriiteeni. Ujummoo bareedaa fi ajaa'ibsiisaa kan raadaariidhaan danbalii sagalee haala fooyya'aa ta'een daddabarsu hojjette Biriiteen.

Boombii warra Naaziitiin kan barbadaa'e warshaan Biriiteen meeshaa kana oomishuuf akka ifaajaa turan ni dubbatama.Warri Ameerkaa garuu oomishuu danda'aniiru.

Ji'ootaaf warri Biriiteen meeshaa maagniitiroon jedhamuun kan warra ameerkaatiin geeddarachuuf tarsimoo daldalaaa baasanii hojjechaa turan.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Ministirri mumichaa Winsitoon Charchiil Biritishi qorannoo raadaarii ishee US waliin akka qooduu murteesse.

Booda Wiinistan Chaarchil aangoo qabatee murtee yaaddessaa tureef yeroon yaaddessaan akka barbaachisu murteessan.

Ulaagaa kamiinuu Laaboraatooriin carallaa 'MIT Rad Lab' jedhamu milkaa'aa ture. Badhaafamtoota Noobelii 10 horateera. Raadaariin inni oomishe kan roophilaa fi doonii ta'achuu danda'u waraana irra aanuuf fayyadeera.

Garuu qophaa'ummaan yeroo waraanaa yeroo nageenyaa hatattamaan dhabamuu danda'a.

Tajaajilli geejjiba qilleensarraa ummataas raadaarii fayyadamuu akka barbaachisu ni hubatama,saffisaan babal'achaa jira waan ta'eef.

Bara 1945 xumura waraana addunyaa lammaffaarratti humni qilleensaa biyya keessaa Yuunaayitiid Isteetis imaltoota miiliyoona 7 fe'ee ture.bara 1955 lakkoobsi kun gara miiliyoona 38tti guddate.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Yeroon xiyyaara nama malee fi xiyyiyaaroota kaan jidduu itti dabamuuf jedhees tureera.

Akkuma samiin xiyyaaraan guutamaa dhufeen raadaariin walitti bu'uu xiyyaarotaa hambisuuf jecha barbaachisummaansaa baayyee dabale.

Akkaataan biyyoonni itti hojiirra oolchan garuu baayyee duubatti harkifataadha.

Ta'us galatni teeknooloojii raadaarii fa hata'uutii walitti bu'iinsi xiyyaaraa hafeera, duumessi hangam yoo heddummaatellee jechuudha.