Baqattoota Itoophiyaa keessa jiran irratti qabxiilee muraasa

Mooraa baqataa Doolloo Addoo Image copyright ROBERTO SCHMIDT
Goodayyaa suuraa Itoophiyaa keessa baqattoonni biyyoota biroo kuma 847 ol ta'anitu jiru

Itoophiyaa keessa baqattoota kuma 847 ol ta'anitu jiru. Akka odeeffannoo Mootummoota Gamtoomanii Komishinii Baqattootaa mullisutti, lakkoofsi kun biyyattiin baqattoota simachuudhaan Afirikaa keessatti lammaffaa ishee taasisa.

Baqattoonni kun yeroo baayyee biyyoota rakkoon walitti bu'insaafi tasgabbin hin jirre kan akka Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa, Ertiraafi Sudaanirraa kan dhufanillee walumaa galatti baqattoota lammummaa biyyoota 19 kan qabaniha.

Baqattoonni kun baay'inaan buufata naannoo Tigiraay keessa kan jiran yoo ta'u, dabalataanis naannolee Affaar, Beneshaangul Gumuz, Gaambeellaa fi Somaaleetti baqatanii argamu.

Akka odeefannoon Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Baqattootaa argame agarsiisutti, karri mootummaa Itoophiyaa baqattoota da'oo barbaadaniif banaa dha. Kana gochuufis Itoophiyaan walii galteewwan addunyaa addaa addaa mallatteesiteetti.

Baqattoonni bu'aa ba'ii tokko malee kolu galtummaa argatu. Dhimmi isaanis kan murtaa'u mootumaa Itoophiyaatiin yoo ta'u, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Baqattootaa akka taajjabaatti hordofa.

Kanneen biyyattiin baqattummaan simatteefis ta'e, warreen kolu galtummaaf gaafatan buufata mootummaan itti ramade keessa taa'uu kan qaban yoo ta'u, lakkoofsi isaanii hedduu ta'uu baatulleen magaalaa keesa jiraachuuf kan heyyama qaban jiru.

Isaan akkasii kunis, wallaansa fayyaa, nageenya akkasumas rakkoowwan biroo waliin walqabatee buufata baqattootaa keessa ture warra hin dandeenyedha.

Finfinnee keessa baqattoota 17,345 jiru. Kun imaammata mootummaan "Buufataan alatti" biratti baqattoonni Ertiraa Finfinnees haa ta'u magaalota biroo keessa ofiisaaniitiin of bulchuu yoo danda'an akka jiraachuu danda'aniif haalli mijaa'eeraaf.

Image copyright ROBERTO SCHMIDT

Bakka buufataan alatti mootummaan kan xiyyeeffannaa itti kennu qaba; isaanis baqattoota daa'immaniif eegumsa, barnoota, dhiibbaawwan saalqunnamtiis ta'e dhiibbaa saalarratti hundaa'e ittisuudha.

Keessattuu gargaarsa maatii malee Ertiraarraa ijoolleen qofaa isaanii dhufan, naannoo Shireetti mootummaafis ta'e dhaabbileen miti-mootummaa gara garaaf dhimma yaachisaa akka ta'e ibsamaa jiru.

Lakkoofsi baqattootaas waggaa waggaan dabalaa kan jiru yoo ta'u, keessattuu waraana Sudaan Kibbaa waliin walqabatee baqattoonni kuma 200tti tilmaaman Itoophiyaa galaniiru.

Jireenya baqattoota buufata garaa garaa keessa jiran jijjiiruufis pirojektoonni qophaa'aa jiru. Kanneen keessaa karoorri gara fuula duraatti qabaman, bakkeewaan buufata ala jiran ballisuufi yoo xiqqate baqattoonni %10 ta'an fayyaadamoo taasisuu.

Heyyama hojii kennuu, ijoollee baqattootaa barnoota sadarkaa adda addaatti akka hirmaatan gochuu.

Akkasumas lafa qonnaa hektaara kuma 10 baqattoota kuma 20 ta'aniif kennuun akka misoomsan mijeessuu, fi Itoophiyaa waliinsalphaatti walitti akka makamaniif sagantaawwan walitti fiduu qopheessuu kan jedhan keessatti argamu.