Daldala garbaa Liibiyaa: Galaanarra akka yaaliitti nutti fayyadaman

Karaa Leencoon irra imalee Jarman gahe

Leencoo Abdulsamad jedhama. Dargaggoo ganna 20ti. Godina Baalee Magaalaa Roobeetti dhalatee, hanga sadarkaa qophaa'inaatti barateera.

Amma biyya Jarmanii, Magaalaa Firaankifart keessa jiraata. ''Waa hedduu dabarseera ,'' jedha dargaggoon kun. Guutummaatti Hubadhaa!

Imala

Bara 2014 hiriira mormii Maastar Pilaanii Finfinnee irratti hirmaachuun, poolisii koora bittinneessaan qabamee mana hidhaa akka gale kan dubbatu Leencoon, ''Wayita hidhaa bahus sodaa hidhaa lammaffaa baqachuun biyyaa godaane,'' jedha.

Baalee Roobeerraa Finfinnee, achis Baahirdaar irraan, Matammaa. Daangaa cehuun Suudaan galan.

''Wayita Sudaan geenyeetti mana hidhaa nu galchanii, mataa nurraa haadan. Maatiirraa qarshii akka ergisiisnu nu dirqisiisan,'' jechuun eegala.

Image copyright LENCHO ABDUSAMAD

Qarshii gaafataman erga kaffalanii booda, dallaalaan achii baasee imala Liibiyaa eegalan. Gammoojjii Sahaaraa keessa guyyoota jahaaf erga deemanii booda, Liibiyaa gahan.

'Lafee namootaa'

Sudaanii kan ka'an ijoollee Oromoo 87 tahaniiti.

''Konkolaataa tokko keessa hanga namoota 50 nu fe'anii deeman. Namoonni achirraa jigan jiru,'' jechuun ibsa Leencoon. Namni kufeera jedhanii akka hin dhaabneefi itti fufuun akka oofanis dubbata.

Kana malees, ''Sahaaraa kana keessa haga deemnu, lafee nama du'e baay'ee argaa bira tarra,'' jedha.

Liibiyaatti, magaalaa Ayidaabiyaa jedhamtu keessa dallaalaan fidee dhufe, dallaalota biraatti gurguratee sokke. Isaan kunis, ''Maallaqni isinii hin buune jechuun, Birrii nu gaafatanii konteeynara xiqqoo keessa nu seensisan,'' jedha Leencoon.

Konteeyinarri hedduu xiqqoo fi balbala malee foddaa kan hin hinqabne wayita taatu, namoota dhibbaa ol ta'an achi keessa naqan.

Namoonni kaffalan wayita bahan, kan hin kaffalle ammoo konteenara keessatti hambisan.

'Guyyaa ho'aaf keessa taa'uu yookaan hirkachuu hin dandeessu. Halkan ammoo qorrisaa hamaadha.'' Kana malees jedha dargaggoon kun, ''guyyaa lamaafi sadi achi keessa turtee kan baatu taate, qaamni kee adii taha,'' jedha.

Dabalataanis gammoojjii sana keessa 'bishaan argachuun waan yaadamu miti' jedha.

'Bishaan sii fuuldura kaayanii, yoo nan dhuga jette siin obaasan, si duraa gadinaqan,''jedha. Sababni kanaas dargaggoonni kun cinqamuun maallaqa akka ergisiisan gochuufis jedheera.

Leencoonis maallaqni guuteefi koonteeynara keessaa bahuu danda'e. Ijoolleen carra-qabeeyyii hintaane afur tahan ammoo achumatti Leencoofaa biraa hafan.

Achiin booda dallaalaan biraa dhufee gara magaalaa qarqara galaana Meediteraaniyaan argamtuufi magaalaa guddittii Libiyaa kan taate Triipoolii (Tiraablos)'tti imala eegalan.

Konkolaataa 'LandCruiser' gubbaa akka 'hoolaa ciciibsanii', deemuun dallaalaa biraatti kennan. Isaaanis dargaggoota Suudaan, Ertiraafi Somaalee itti dabalanii namoota 200 ol konkolaataa fee'umsaarratti fe'an.

Image copyright LENCHO ABDUSAMAD
Goodayyaa suuraa Sahaaraa kana keessa haga deemnu, lafee nama du'e baay'ee ta'an argaa bira tarra,

Akkaataan itti fe'amanis suukanneessaa ture.

Leencoon wayita ibsu, ''Gubbaa konkolaataa kanarra muka [ciciibsanii], harka keenyammoo gubbaarratti hidhan. Achiin booda ammoo sharaa nutti uwwisan. Akka itti hafuura baafatan hin jiru.

''Anuma biratti mucaa du'etu jira. Homachi afaanii bahee. ''

Gidduutti wayita cinqamanii iyyan, keellaarratti poolisoonni biyyattii qabanii, mana hidhaatti naqan. Mana hidhaa keessas guyyoota 15'f turan. ''Rabbii garaasaanii nu laaffisee mana hidhaa keessaa nu baasan,'' jedha dargaggoon kun.

Achii erga bahanii booda dallaalota bishaanirra dabarsuun gara Awurooppaatti geessan bira dhaqan. Jarreen kunis tola ooltota hin turre. Akkuma barame maallaqa hedduu gaafataniin - Birrii 32,000.

'Feerroon dugda keessa na rukute'

Amma imala kanaan booda Leencoo fi ijoolleen kaan abdiin Awurooppaa galuuf qaban dhugoomuuf waan dhihaate itti fakkaate. Abdiin isaanii garuu yeroo dheeraaf isaan waliin hin turre. Gidduutti wanti hin eegamne isaan mudate.

'Kara bahaaraa nu fe'anii wayita deemaa jiranitti, warri akka loltootaatti hidhatan karaa qixxee nu qabatan.'

Achiis konkolaataa keessa turan irraa buusanii, konkolaataa biraatti dabarsuun karaa tilmaamaan km30 tahu gammoojjii keesa fudhatanii kutan. Achiis guyyoota lama erga kutaa tokko keessa bulchanii booda, gara ooyruutti bobbaasan.

'Guyyaa guutuu oyruu keessa qotaa, bishaan obaasaa, balfafaa nu guursiisaa oolanii, galgala galleetu ka waa nyaannu,'' jedha Leencoon.

''Gaaf tokko dadhabee dhaabadhe jennaan, feerroon (sibiila cimaa) dhufee dugda keessa na rukute. Guyyoota heedduufis dhukkubsadhe,'' jechuun dararama dabarse yaadata.

Guyyoota 15'niin boodas jarreen kun fuudhanii, iddoo qabatanitti deebisan. Dhumarrattis qarqara galaanaa gahan.

'Akka yaaliitti nutti fayyadaman'

Image copyright LENCHO ABDUSAMAD
Goodayyaa suuraa Leencoon wayita ammaa Jarman jiraata

Asittis wanta suukanneessaa argeera jedha Leencoon.

Galaanni Meediteeraaniyaan yeroon inni itti tasgabbaa'uufi imalaaf mijatu jira. Yeroo kaan ammoo akka malee danbaliin heddummaachuun imalaaf sodaachisaa ta'uufii dooniis ta'e bidiruu kamuu gargalchuun lubbuu galaafatutu jira.

Namoonni hedduunis imalasaanii kan taasisan, wayita tasgabbaa'utti. Wanti Leencoon arge jedhu garuu, ''Wayita bishaan ka'ee jirutti, ijoollee Oromoo hanga 85 gahan filatanii, yaaliif jedhanii bishaaniitti fe'an.''

''Yoo kan dhuman ta'e haa dhumanii, yoo ka bahan taatellee haa bahan jedhanii bahaararra gadhiisan.''

Guyyoota lamaan booda wayita dhagahan, ijoolleen sun marti dhumaniiru. ''Hiriyoonni ani beekullee achi keessa turan,'' jedha Leencoon.

'Guyyoota afur galaanarra joorre'

Balaa suukanneessaa kana dhaga'anis Leencoonfaa galaana ce'uuf qophiirra turan. Bidiruu mukarraa hojjatamte irratti namoota 410 ta'anii, halkaniin imala bishaaniirraa eegalan.

Dubartootaafi ijoolleen xixiqqoos isaan wajjiin turan.

Ciinqii hedduun galaana kanarra deemuun wayita daangaa bishaanii idil-addunyaarra wayita gahanitti lubbuu baraartonni dhufanii fudhatan dhabaman. Akka jecha Leencootti sababni kanaa 'Dilbata ta'uusaatin' jarri nama oolchan hojiirra hinturre.

'Deemnee wayita [doonii] tokko bira geenyee 'kuni nu fudhata' jennu, doonii qurxummii ta'a,'' jechuun yaadata.

Akkuma kana osoo galaanarra jooranii guyyoonni afur darban. Guyyaa afraffaatti dooniin lubbuu baraartotaa gahuun gara Xaaliyaanitti galchan. Achiis takka turuun gara Jarman cehe.

Wayita amma taa'e yaadu, ''Irra guddaan kan garaa na nyaatu, wanta dubartootarra gahuudha,'' jedha. Shamarran Jimmaa fi Baaleerraa dhufan isaan waliin akka turanis ni yaadata.

''Ijoollee dubartootaa kana fudhatanii waan barbaadan irratti dalagan. Namni dhiisaas jechuun gidduu galu yoo jiraate, caccabsanii lafa kaa'u,'' jechuun gocha dhala namaarraa hin eegamne akka isaaniirratti raawwatan gadda waliin ibsa.

Gatii bilisummaaf kaffalame

Leencoon biyyaa ba'ee hanga galaana ce'utti ida'amaan maallaqa Itoophiyaa Birrii 103,000 (hanga Doolaara 4000) ol dallaalota nama daddabarsaniifi gurguraniif kaffaleera.

Goodayyaa suuraa Leencoon hanga bishaan cehutti Birrii 103,000 ol kaffaleera

Ayivoorii Koost, Abijaanitti walgahii dhiheenya kana Gamtaaleen Afriikaa fi Awurooppaa taa'an irratti, baqattoota kaampiiwwan hidhaa Liibiyaa keessa jiran hatattamaan baasuu irratti karoorri bahuusaa gabaasnee turre.

Odeessa kana irratti dabalata