Ameerikaan Yeruusaalem akka magaalaa guddittii Israa'el taate addunyaarra dursa beekamtii kennuufi

Alaabaa Israa'el magaalaa Jaruusalem keessaa mul'atu. Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Israa'el Yaruusalem akka magaalaa guddoo isheetti ilaalti, Palestaayin ammoo ni mormu

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi gam-tokkeemaan Yerusaalemiin akka magaalaa guddittii Israa'el taate beekamtii kennuufiif jiru, jedhu anga'oonni ol aanoo bulchiisichaa.

Garuu jedhu anga'oonni kunneen, Tiraampi Imbaasii Ameerikaa yerosuma Teel Aviivirraa gara Yerusaalemitti hin geessan.

Oduun kun haasawa Tiraampi gaafa Roobii taasisuuf jiru dursee kan ba'edha.

Kanaan dura gaggeessitoonni Arabaa Imbaasii Ameerikaa Israa'e keessa jiru gara yerusaalem geessuun "Musiliimaaf qoccolluu cimaadha" jechuudhaan akeekkachiisanii turan.

Haalli Yerusaalem itti jirtu - Israa'eliifi Filisxeemiif akka bakka qulqulluu kan taate - akka malee mormisiisaadha.

Israa'el Yerusaalemiin akka magaalaa guddittiisheetti yeroo ilaaltu, Filisxeemimmoo Yerusaalem Bahaa akka magaalaa guddittii biyya Filisxeem gara fuula duraati jetti.

Erga biyyatiin bara 1948 hundeeffamtee, Yerusaalemiin akka magaalaa guddittii Israa'elitti beekamtii kennuudhaan Ameerikaan biyya jalqabaati.

Waa'ee Yeruusaalem ilaalchisee maaltu mormisiisaadha?

Dhimmichi walitti bu'insa Israa'el Filisxeem, kan deggersa biyyoota Arabaafi Islaamaa qabdu waliin qabduuf, dhimma ijoodha.

Magaalattiin bakka argama amantaaleen gurguddoo akka warra Yihudii, Islaamaafi Kiristaanaaf, keessumaa Yerusaalem Bahaa bakka qulqullooftuudha.

Israa'el bakkicha kan duraan Yordaanosiin qabamtee turte lola Baha Giddu-galeessaa bara 1967 gaggeeffameen qabattee waan turteef guutummaa magaalattii akka magaalaa dhuunfaa mataasheetiitti fudhatti.

Image copyright rrodrickbeiler
Goodayyaa suuraa Biyyi mirga Israa'el Yaruusalem irratti qabduus beekamti kenne hin jiru

Filisxeemonni Yerusaalem Bahaa akka magaalaa guddittiisaanii fuula duraati kan ilaalan yemmuu ta'u, akka waliigaltee Israa'eliifi Filisxeem gidduutti bara 1993 turetti dhumarratti sadarkaan magaala kanaa maal ta'uu akka qa'u maree nagaa gara dhumaarratti gaggeeffamuun ilaalama jedhamee ture.

Abbummaa Israa'el Yerusaalemirratti qabdu hanga ammaatti akka addunyaatti beekamtii beekamtiin hin kennamneef, kanaafis biyyoonni hundinuu imbaasota isaanii Teel Aviiv keessa tursiisaniiru.

Bara 967 irraa eegaltee Israa'el manneen jiraanyaa heduu, kan Jiwushoota 200,000 ta'aniif mana jireenyaa ta'e ijaaraa turteetti. Israa'el mormittulleen kun seera addunyaatiin akka seeraan ala ta'etti ilaalama.

Yerusaaleemiin akka magaalaa guddittii Israa'el taate beekamtii kennuudhaan, Ameerikaan ejjennoo Israa'el buufanni gara bahaa jiran uummata Israa'elidha kan jedhu cimsa.

Ameerikaan maal beeksiftee?

Anga'oonni bulchiinsa Tiraampi akka jedhanitti Yerusaalemiin akka magaalaa guddittii Israa'el taate beekamtii kennuun "Beekamtii haqaa" pirezidantichaan kennamedha, jedhu.

Haa ta'u mallee, tokkoo tokkoon daangaa magaalattii dhimma maree walii galtee dhumaa ta'a jechuun dubbatu anga'oonni kun. Sadarkaa bakka qulqulluu ta'uusheerraan dhiibbaan ga'u hin jiru.

Tiraampi adeemsa Imbaasii Ameerikaa gara Yerusaalem geessuu bulchiisa aajaa halaaf qajeelfama keennuuf jiru garuu waggoota baayyee gaafata.

Yeroo duula na filadhaa filannoo pirezidaantii darbeetti akka Israa'eliin tumsu deggertootasaaf waadaa galee ture.

Akka anga'oonni jedhanitti pirezidaantichi hanga gamoon haarawaa ijaaramee dhumutti Imbaasii Ameerikaa osoo Teel Aviivii gara Yerusaalem hingeessiisn tursisuun itti danda'amu mallatteessuuf jiru.

Seeraan osoo hin beeksisiin dura, Imbaasii Ameerikaa Teel Aviivii gara Yerusaalem akka geeffamu yaada qabu gaggeessitoota naanoottti himuuf bilbilee ture.

Deebiin addunyaa maal ture?

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Mormitoonni Filisxeemotaa gaafa Kibxataa suurawwan Donaaldi Tiraampi guban

Addemsa Ameerikaa kan mirkaneessuu dura, Mootiin Sawudi-Arabiyaa Salmaan biin Abdullaaziz al-Sawudii imbaasii bakka jirjjiiiruun ykn Yerusaalem akka magaala guddittii Israa'el taatetti beekamtii kennuun "Qoccolloo Muusiliimota guutummaa addunyaa of keessaa qaba," jechuun Tiraampitti himaniiru.

Akka Waayit Hawusitti pirezidaantichi mootota Baha Giddu-galeessaa Muummicha Ministeeraa Beeniyaamiin Neetnaahoo dabalatee gaafa Kibxataa waliin dubbateera.

Yaada gaggeessitoota kana keessaa:

  • "Rakkoo sababa murtee kanaatiin adeemsa nagaafi nageenyaafi tasgabbii naannichaafi addunyaaf" akeekkachiisan gaggeessaan Filisxeem Mahaamun Abbaas
  • Mootiin Yordaanos Abdullah, murteen kun "Deemsa nagaa akka irra deebiyamee jalqabamuuf yaalamu gatii dhowwata akkasumas Musiiliimota kakaasa. Yordaanos Yordaanos eegduu bakkawwan Islaamaa Yerusaalem ta'uun sochooti.
  • Pirezidaantiin Masirii Abdul Fattaah al-Sisii Tiraampi "haala naannichaa akka walxaxaa hin taasifne" gaafate.

Saababii rakkoo nageenyaatiif mormii karoorfame dura hojjetoonni mootummaa Ameerikaafi maatiin isaanii dhuunfaa isaaniitiin Magaalaa Durii Yerusaalemiifi Wasti Baankii keessa akka hin deemne dhowwaman.

Pirezidaantii Turkii Reseep Xayyip Erdogaan yoo Ameerikaan Yerusaalemiin akka magaalaa guddittii Israa'el taate beekamtii kenninaaniif biyyi isaanii hariiraa Israa'el waliin qabdu akka addaan kuttu akeekkachiifteetti.

Ismaayil Haniyaaa, dursaan garee warra Islaamaa Hamaas kan Gaazaa gaggeessu, imbaasii jijjiiruufi Yerusaalem akka magaalaa guddittii Israa'el taatetti baakamtii kennuun "sarara diimaa" kan ce'u ta'a.

Firaasi, Gamtaan Awurooppaafi Liigiin Arabaas yaaddoo qaban ibsaniiru.

Ministeerri Basaasaa Israa'el Katzii Raadiyoo Raayyaatti walitti bu'insa dabalatee "filannoo kamiifiyyu qophiidha" jedhan.


Kun maaliif ta'aa jiraa?

Xiinxaltuu Barbaraa Pilettii-Asher, barreessituu kutaa dhimmaa alaa

Yerusaalem akka magaalaa guddittii Israa'el taate beekamtii kennuun Pirezidaanti Tiraampi waadaa yeroo duulaa guutuudha. Waan amma hojjetaa jiru kanaaf sababiin biroon hin jiru.

Oggantoonni bulchiinsa akka jedhanitti inni salphaadhumatti dhugaa jiru, Yerusaalem akka magaalaa guddittii Israa'elitti gargaarti kan jedhu beeksise. Murtichi dhimmoota sadarkaa hanga dhumaatti jiru kan akka dhimma daangaafi mirga ofii hin murteessu - sun ammallee mariidhaaf dhiifama.

Gama dhimmoota ijoo walitti bu'insa Israa'eliifi Filisxeemiin, gaggeessitoonni Arabaafi Musiliimaa jijjiirama adeemsa gama Ameerikaatiin jiru waliin hojjechuu danda'uu male jedhu.

Yordaanosiifi Sawudi-Arabiyaa eegdota bakkeewwan qulqulluu Islaamaati waan ta'eef tarkaanfiin kun addunyaa Musiliimaa haarsuu akka danda'u cimsanii akeekkachiisaniiru. Akka anga'oota kanaatti kun adeemsa nagaa miidhuuf waan hojjetamudha kan jedhu waanti agarsiisu hin jiru. Tiraampi furmaata gama lamaanii ifatti mirkaneessuun irraa hin eegamu.

Filisxeemonni akka waan tokkoyyu hin argannetti waan ilaalamu fakkaata. Tarsiimoon ballaan hojjetamaa jiru jira ta'a garuu waan pirezidaantichi filattoota deggertoota Israa'el gammachiisuuf waan ta'e fakkaata.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata