Nuti Saba, Sablammootaafi Uummatoota Itoophiyaa. . .?

Heera Itoophiyaa

Guyyaa sabaafi sablammootaa waggaa waggaan Sadaasa 29 kabajuun erga jalqabamee waggota 12 ta'eera. Yeroo hunda garuu Heera Mootummaarra kan taa'e "Nuti saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa" ibsa jedhurratti gaaffiitu ka'a.

Ogeessa seeraa kan ta'an Obbo Wubisheet Mulaatiif yeroo gaaffii kana dhiyeessinuuf, "saba, sablammootaafi uummata" kan jedhu jechoota sadii malee hiika tokko qofa gaalee qabu hin fakkaatu," jedhu.

Akka jecha isaaniitti kana sirriitti hubachuudhaaf ibsa gabaabaa warreen heericha mootummaa wixineessanii ilaaluun ga'aadha.

Ibsicharratti " 'saba' 'sablammiifi 'uummata' gidduu hanga guddinaafi ballinaa kan jiru ta'ullee…" jedha.

Kanaaf, garaa garummaa ibsicharratti tarreessuu baatanillee dimshaashumatti garaa garummaa "hangaafi ballinaa akka qaban kaa'eera jechuun ibsu.

Itoophiyaa keessatti kan jiran akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, Oromoo "saba", Affaariin "sablammii", Kolon ammoo "uummata" jechuudhaan agarsiisa kana cimsu.

Ogeessa Seeraa kan ta'an Obbo Ababawu Ayyaaloo yaada ogeessa seeraa kana waliin walii galu. Saba jechuun hiika tokko qaba; sablammiinis hiika biraa qaba; uummannis akkuma kana.

''Heerri mootummaa Itoophiyaa garuu jechoota sadan walitti qabee bakka tokkotti kaa'uudhaan dhimma biyyaa callisaniituma hiikkaa akka Istaaliinitti itti kennan,'' jedha Obbo Ababawu.

Heera mootummaa Itoophiyaa keessatti sadan isaaniif bifa walfakkaatuun hiikuma tokkotu kennameef. Kuniis:

Image copyright Ethiopian Foreign Affairs
Goodayyaa suuraa Alaabaa Itoophiyaa

"Aadaa amala bal'aa waliin qaban ykn muuxannoo wal fakkaatan kan qaban; afaan ittiin walii galuu danda'an kan qaban; warreen qalbii eenyummaa firooma qaban jedhanii kan yaadaniifi tokkummaa qoor-qalbii kan qabaniifi yeroo baayyee haala teessuma lafaa wal fakkaaturraa kan jiraatanidha" jedha.

Obbo Ababawy amala waliinii namoota dhuunfaaf malee sabaaf kan itti fayyadamnu hin turre jechuun falmu. Amalli sablammii tokkoo waan attamiiti? jechuudhaan gaaffii dhiyeessu.

Akka ibsa Wubisheetitti ammoo Heeroota mootummaawwan naannoorratti garuu hiikni kan itti kenname walumaagalatti saba, sablammiifi uummata jechuun osoo hin taane maqaa saba sanaa caqasuun. Kanarraa kan hafe rakkoon hiika itti kennuu hin mul'atu.

Obbo Ababawu gamasaaniitiin sablammii kan jedhu fudhannee kan naannoo tokko qubataniidha jennee hubachuudhaaf saba Ayihudii ilaaluun ga'aadha.

Kutaa Addunyaa gara garaarra jiraataa afaan tokkoo dubbachuufi aadaa tokko waliin qabachuun qofti sablammii taasisa. Dirqama naannoo tokko qubachuu hin qaban. Bakka gara garaa jiraachuu ni danda'u garuu aadaafi afaan walfakkaatu qabaatu. Saba jechuu garuu hin dandeenyu.

Uummata kan jedhu yoo fudhannee ammoo, bifaafi afaanirra darbee uummata tokko kan tokko taasisu biyya of danda'e tokko jiraachuudha. Heerri mootummaa Itoophiyaa isaan kana adda baasee hin keenye jechuudhaan yaadasaanii xumuru.

Seenaa achii dhufteesaa gabaabinaan

Pirezidaantiin duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaa yeroo heera mootummaa wixineessan kan ture ni yaadatau.

"Duraan dursa heera mootichaa keessa maaltuu galuu qabu jennee gaaffiiwwan 73 qopheessine. Gaafiiwwan sun bifa filannootiin qophaa'anii gara uummataatti gadi bu'an."

Gaafiiwwan sanarratti uummanni erga mariyatee booda yaada akka gandaatti kenname akka naannootti erga walitti qabamee booda gaafiiwwan sana akka keeyyata heericha mootummaatti qoqqoodan. Keeyyattoonni kunneen yeroo qoqqoodaman 106 ta'an jedhu.

"Heericha mootummaa wixineessuu keessatti namoonni heera mootummaa Dargii wixineessaniifi ogeessonni biroon qooda fudhataniiru. Garuu ibsi Heera Mootummaa kun ibsamuu akka qabu gaafatamuusaa hin yaadadhu."

Obbo Wubisheet yeroo sanatti yaa'ii heera mootummaa kan gaggeessaa turan Obbo Kifilee Wadaajoo " Heerrichi mootummaa yeroo wixineeffamaa turetti kutaawwan mormiin bal'inaan itti dhiyaataa ture keessaa seensi tokko ture. Warra wixineessan keessaa gareen Kifilee Wadaajoo bifa kanaan akka hin barreeffamne mormii qabu ture" jechuun yaadatu.

Hunduu kan jedhan garuu Heericha mootummaa ka'umsaafi dhuma ta'e kan gargaare Istaaliinummaadha.

Goodayyaa suuraa Seensa heera Mootummaa itoophiyaa

Saba, Sablammii fi uummata

Akka ibsa Obbo Wubsheetitti warri Sooviyeeti "sabni adeemsa seenaa keessa walitti qabama namootaa uumamedha'' jedhu. Sabni tokko jalqabarratti kan adda ba'u waantoota jireenyaa waliin qabaatuun.

Teessuma lafaa tokko keessa jiraachuu, walitti dhufeenya hawaasi dinagdeen walitti hidhamuu, afaan tokkoo fayyadamuu adeemsa seenaa waliinii keessatti bifa qoor-qalbiifi ilaalcha aadaa waloon uumamuu ka'umsa sabaa akka ta'e ibsu.

Akka hiikkaa warra Sooviyeetitti ''sablamiin kan hundaa'e tokkummaa dhiigaa caalaa tokkummaa naannoo, afaaniifi aadaarratti. Sablammiin sadarkaa ol-aanaa qomaa kan ta'e bu'aa walitti makamuu qomoowwan hedduudha.''

Galmee Jechootaa Amaariffaa Yunivarsiitii Finfinnee Dhaabbata Qorannoo Afaanotaatti giddu-galli qorannoo maxxansiise hiika inni sablammiif kenne 'tokkummaa dhiigaa caalaa bu'aa walitti makama qomoowwan hedduu godheeti.'

Akka hubannaa warra Sooviyeetitti sochii dinagdee ol aanaa agrsiisuudhaaf kan yaalu, sirna hawwaasummaa keessatti dhiibbaa guddaa keessa hawaasa galedha.

Adeemsa keessa dinagdee keessatti mullachaa dhufee, hariiroowwan dinagdee ballaa yeroo uumu eenyummaa sablammuumaa isaa dhiisee gara isa ol aanaa ta'etti jijjiiramuun saba ta'a jedhu.

Akka ibsa Obbo Wubsheetitti garaa garummaan sabaafi sablammootaa qal'aa ta'us garaa garummaan isaanii caalmaatti fedhii ejjennoo siyaasaa murteessuu jiraachuufi jiraachuu dhabuudha.

Akka hubannaa warra Sooviyeetiitti uummanni hangaafi ballinaan sablamii gadidha. Bu'aa qomoo ta'uu danda'a. Lakkoofsaan ni xiqqaata, gama qoor-qalbiitiinis akka sablammiifi sabaa tokkummaa hin qabu.

Haaluma kanaan sabni ol aanaa, sablammiin giddu-galeessaafi uummani ammoo gadi aanaarratti akka argamuufi Heera Mootummaa Itoophiyaarrattis bifuma kanaan taa'e kan jedhuun hubannoo kan qabanis jiru.

Waa'ee Heericha mootummaa foyyeessuu

Dr. Nagaasootiif kan Heerrichi mootummaa saba, sablammootaafi uummatoota Itoophiyaa kan jedhu duunyaamaan kaa'uun rakkoo hin qabu.

Isa caalaa Heericha mootummaarratti irra deddeebiyee kan gaaffiin irratti ka'u keessaa Keewwanni 39, dhimmoota federaalisimiifi alaabaa, boordii filannoo, akkasumas aangoo Mana Maree Federeeshinii Heericha mootummaa ilaaluufi hiikuudha.

Kanaaf, carraan Itoophiyaa gara fuula duraa na galcha qaamni jedhan walitti qabamanii osoo ilaalanii foyyaa'ee gaariidha jedhanii yaadu.

Obbo Ababawuufi Obbo Wubsheet Heerri Mootummaa foyyeessuun osoo jiraatee gaarii ture jedhu. Haa ta'umalee jedhu Obbo Wubsheet, kana foyyeessuun akka jijjiiruu ta'a.

"Seensa isaa, keewwata saddeet, keewwata 39 caaseffama Mana Maree Federeeshinii jijjiiruu ta'a," jechuun xumuru.

Obbo Ababawu dabalataan "Heerricha mootummaatiin itti fayyadamni afaanii akka feeteedha. Amma danda'ametti qaamni heera mootummaa wixineessu ifa ta'uu qaba. "

"Heerrichi mootummaa yeroo abbummaa murteessu Saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa abbaa qabeenya Itoophiyaati jedha garuu uummatoota Itoophiyaan ga'aa ture. Sosochii uummataa, walqixa murtee argachuu kan dhowwaa jiru tokko isa kana waan ta'eef keessa deebiyamuun yoo barbaachise tokko isa kana jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan