Barnooti umurii dheereessa jedha qorannoon

Barnoota

Waggaan tokko namoonni barnoota irratti dabarsanii jiddu galaan umurii isaanii irratti baatii 11 dabala jedhan saayintistoonni mirkanneessan.

Qorattoonni akka jedhanitti, ulfina qaamaa garmalee kg tokko yoo dabau, umurii isaa irraa baatii lama hir'isa. Namni guyyaatti sijaaraa paakkoo tokko xuuxu ammoo umurii isaa irraa waaggaa torba hir'isa.

Qorannoon garee yunivarsiitii Edinbarg bu'aa kana kan argate, haala hin baramneen mallattoo DNA fi garaa garummaa sanyii ilma namaa ilaaluun ture.

Qorattoonni kunneen akka yaadanittis, bu'aan kunis daandii haaraa namoonnii umurii dheeraa akka jiraatan dandeessisuu dha.

Gareen qorattootaas sanyii namoota kuma 600 olii yaalii umamaa isa guddaa ta'e irratti hirmaataniitti fayyadamaniiru.

Namni tokko kan sijaaraa xuuxuu, kan dhugu, kan barnoota addaan kute yoo ta'ee, akkasumas ulfina qaamaa olaanaa yoo qabaate dhiibbaa fayyaa adda baasuun isa rakkisu mala.

Kana irraas qorattoonni gara yaalii uumamaa ta'eetti fuulasaanii garagalfataniiru.

Namoonni tokko tokkos cittuu sanyii isaanii keessatti haalli nyaata baayyee akka sooratan ykn baay'ee akka furdatan isaan taasisu argamu mala.

Kanaafuu qorattoonni baay'isanii fi haaluma sirrii ta'een sooratan dabalatee, osoo haala jireenya isaanii hindabalatiin madaalu danda'aniiru.

Image copyright Getty Images

Akka Dr. Piitar Jooshi jedhanitti ''dhiibbaa ulfinni qaamaa dabaluun kallattiin umurii irratti qabaatu baruun danda'ameera. Kunis xinxalicha hin diiguu.

Qabiyyeewwan umamaa wal fakkaatuunis yeroo namoonni barnoota irratti dabarsanii fi gammachuun namoonni dhuguufi sijaaraa xuxuun argataniin akka walqabatan taasifamaniiru.

Kana malees, gareen qorannichaa qabiyyeewwan garaa garaa DNA keessaa umurii irratti dhiibbaa taasisan argachuu isaanii barruu qorannoon saayinsii irratti maxxanfamu irratti baasaniiru.

  • DNA dandeettii dhukkuba ittisuu sochoosanis umurii keenya irraatti baatii torba dabalu danda'u.
  • Yoo jijiraamni kolostirooliin (coomni) akka dabalu taasisan DNA irratti umamamu, umurii keenya irraa baatii saddeettiin hir'isa.
  • Rakkinni sammuu fi qaamaa umuriin walqabatee dhufuu ammoo umurii baatii 11 hir'iisa.

Dr. Joshii itti, garaa garummaan qabiyyee DNA irratti mul'atan ''dhimmoota baay'ee xiqqoodha'' jedhu.

Dhimmota umurii irratti gara garummaa uman keessaa hark 20 kan ta'an kanneen sanyiin darban ta'u malu. Haa ta'u malee, hanga ammaatti adda baafamuun kan baraman %1 qofaadha.

Dr. akka jedhanitti, DNA umurii jiraannu irratti dhiibbaa qabaatu iyyuu, ''tokkoon tokkoo keenyaas filannoowwan haala jireenyaa keenyaatiif taasifnuun caalaa dandeettii dhiibbaa gochuu qabna,'' jedhaniiru.

Dr Josh BBC'tti akka himanitti ''cittii DNA umurii irratti dhiibbaa taasisan kan duraa adda baasuuf, waa'ee dulumaa fi fala isanii irratti ragaalee harawaa ni arganna jennee abdanna.''

Gosti dhibee akka umurii dheeraa hinjiraannee taasisan jiraachus oggeessoonni dubbataniiru.