Lafeen angafa Luusii Afriikaa Kibbaatti argamte

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Lafeen nama durii hangafa Luusii Afriikaa Kibbaatti argame

Lafeen sanyii ilmaan namaa kan baara dheeraa fi gutuun tokko Afriikaa Kibbaa keessatti argamte.

Garee qotiinsaan, qulqulleessaa fi laficha sirreessaa waggoota 20 dabarsaniiru.

Saayintistoonni Afriikaa Kibbaas argannoon lafee kun kan waggoota miliiyoona 3.67 lakkoofsise ta'u dubbatu.

Kana jechuunis, kan amma argame kun bara Luusii, sanyii ilmaan namaa kan duraa Itoophiyaatti argamteen, dura waggaa kuma 500 jiraataa ture.

Lusiinis ta'e kan ammma argameefi mogaafni 'Litiil Fuut' jedhamu kennameef kunis qaccee -Awustraalopitekus jedhamu irraa kan dhufan yoo ta'u, sanyii isaanii garuu adda adda.

Qorattoonis kun kan duraan yaadamuun adda sanyiin ilmaan namaa Afriikaa keessa baayyee babalachaa jiraachuu turu kan agarsiisu ta'u amanu. Kunis sanyii hedduu jiraachusaa kan agarsiisuudha.

'Litiil Fuut' kaaba-lixa magaalaa Afriikaa Kibbaa Johaansibaritti holqawwan Isteerkifonteeyin keessaatti Pirofeesar Roon Kilaarkii kan argameedha.

Isheenis shamarree dardara qarqara holqawwanii kuftee ta'u akka hinollee yaadama.

"Kun xiqqoo ta'u danda'a, garuu baay'ee barbaachisaa ta'u mala. Sababiin isaas kun lafee xiqoo takkaan kan jalqabe waan ta'eefiidha. Achinis madda keenya akka hubannuuf nu gargaara,'' Pirofeesar Kilaark akka jedhanitti.

Image copyright Paul Myburgh
Goodayyaa suuraa Gareen qorattootaa lafeewwan qotuufi qulqulleessuuf baroota dabarsaniiru.

''Lafeenwwan baay'ee kan cacaban waan ta'eef , adeemsii lafeewwan holqicha keessaa funaanuu baay'e cimaa ture. Innis garmalee lalaafi kan dhakaa umamaa fakkaatu jala awwaalamee ture,'' jedhu itti dabaluun.

"Qotuudhaafis meeeshaalee xixiqoo kan akka lilmoo fa'iitti fayyadamaa turee. Kanaaf yeroo dheeraa fudhate," jedhanu Pirofesar Kilaark.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan