Dafanii molachuun furdina gar-malee caalaa dhukkuba onneef saaxila jedha qorannoon

A bald man Image copyright Getty Images

Qorannoon haarawaa tookko akka agarsiisutti dhiironni osoo umuriin hin ga'iin harraa'an dhiirota umuriin isaanii waggaa 40 gadi ta'aniif furdina gar-malee qaban caalaa, dhukkuba onneetiif akka saaxilu agarsiisa.

Qorannoon namoota dargaggeeyyii 2000 irratti biyya Indiitti gaggeeffame akka agarsisuutti, namoonni dhukkuba onnee qaban warra rifeensa mataa guutuu qaban caalaa warra dursanii umuriin malee molatan ykn harraa'an akka ta'e mullisa.

Daayireektara gargaaraan Fayyaa Dr. Maayik Kinaapton BBCtti akka himetti: "Qorannichi kan agarsiisu dhiiroota warra umurii malee dursanii molataniifi harrii baasan adda baasuun, isaan dhukkuba onneetiif caalmaatti saaxilaman adda baafachuuf gargaara.

"Haa ta'u malee kun waan namni jijjiiruu danda'u miti, akkaataa jireenyaa fi kolestiroolii guddaafi dhiibba dhiigaa jijjiiruun ni danda'ama."

Dafanii harrii baasuu

Qorannoon konfaraansii waggaa CSI 69ffaa Kolkaataatti dhiyaassuuf jiru kunis, namoota umuriin isaanii waggaa 40 gadi ta'e kan dhukkuba onnee qaban 790fi dhiirota fayyaa 1270 umurii walfakkaataa keessa jiran akka garee to'ataa qorannichaatti gargaaran irratti deemsifame.

Seenaan fayyaa hirmaattota kanaa bifa moluu qabaniin kan fudhataman - umurii ta'erratti dhumaatii rifeensaa namoota hedduurratti mullatuufi rifeensi addaachuu duraan fudhatame.

Qorattoonni kun bu'aa kana mallattoo dhukkuba onnee hamaa waliin wal bira qabanii ilaalan.

Dhiironni rakka fayyaa onnee qaban caalmaatti osoo umuriin hin ga'iin harrii baasu.

Dr. Kamaal Shaarmaa, qorannicharratti Qorataan Ol-aanaa: "Sababiin ta'uu danda'u adeemsa dulluma uumamaa kan tarii dhukkubsatoota garrii biratti saaffisuu kan danda'uufi kan rifeensa jijjiirsisudha."

Attamitti akka fayyaa onnee keetii foyyeeffattu

Image copyright PA
  • Guyyaatti akaakuu fuduraafi mudurraa shan nyaadhu
  • Tamboo haarsuu dhiisi
  • Dammaqinsa qabaadhu
  • Ulfina qaama kee to'adhu
  • Waan hiddaa caalaa nyaadhu
  • Cooma hir'isi
  • Soogidda hir'isi
  • Qurxummii nyaadhu
  • Dhugaatii alkoolii xiqqoo dhugi
  • Moggaasaa maraa nyaataafi dhugaatiirra jiru qalbiin ilaali.

Barreessaan qorannoo Dr. Dhaamdiip Humaanee, kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Wiirtuu Onneefi Qoraannoo Dhaabbata Mehaataa Ahedabaaditti argamu akka jedhetti dhiironni warri molataa jiraniifi umurii malee dafanii harrii baasan "hordoffii dhukkuba onnee caalmaatti argachuu qabau; akkasumas mala jireenyaa jijjiruurratti kan akka sirna nyaata fayyaalessaa, sochii qaamaafi muddama xiqqeessuurratti gorsa argachuu qabu jedha."

"Rakkoon beekamoon kan akka dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee maatiirraa darbu, tamboo haarsuu, jireenya godaansaa, sadarkaa kolestiroolii ol aanaa fi dhiibbaa dhiigaa warra dhukkuba lapheetiif sababa ta'an keessaati.

"Rakkoon biraa dhukkuba onneef saaxiluu danda'an kan akka isa amma ibsamee kun qorannoo rakkoowwan dhukkuba onneef saaxiluu danda'an caalmaatti qorachuuf gargaara."

Mata dureewwan walitti dhiyaatan