Sharafni alaa hanqina qorichaa fidaa jira

Lilmoo, Qorichaa fi Isteeteskoopp Image copyright FRANCK FIFE

Obbo Giruum Fallaqaa dhibee shukkaaraa kan qabu wayita ta'u, ji'oota sadi irraa eegalee hanqinni insulinaa akka jiru dubbata. Gosa insulinaa isaaf ta'u barbaadee argachuun rakkisaa ta'aa akka dhufe dubbata.

Akka jecha Giruumitti biyya Deenmaarkitti kan oomishamu 'insulaataard' jedhamu, manneen qorichaa dhuunfaa keessa hanga Birrii 130 gurgurama ture. Erga humni bittaa Birrii hir'atee booda qoricha kana barbaadanii argachuun rakkisaa ta'eera. Yoo argames hanga Birrii 175tti gurguram jedha.

Rippoortarri BBC manneen qorichaa dhuunfaa fi mootummaatti argamanitti naanna'uun hanqinni qorichoota kanneenii akka jiru hubachuu danda'eera.

Akka ibsa ogeeyyiitti, oomishtoonni qoricha oomishuuf haalli hordofan, goosonni (brands) qorichaa garagaraa akka argaman taasisa.

Fakkeenyaaf biyya keenyatti fayyadamtoota biratti kan barataman goosonni insuliinaa shan jiru. Kanneen keessaayis manneen qoricha dhuunfaa keessatti, goosota kanneen keessaa tokkollee argachuun rakkisaa akka tahe hubaneerra.

Dabalataanis, qorichoonni dhibee onnee yaaluuf gargaaranis, argachuuf rakkisaa ta'aa jiru.

Fakkeenyaaf, qorichoota dhukkuba onnee yaaluuf gargaaran keessaa qoricha 'Naayifeedeeppin' jedhamu, miiliigiraama 20n argachuun waan yaadamu akka hin taane, ogeeyyiin ni dubbatu.

Qorichoota dhabaman

Ogeeyyiin faarmaasii manneen qorichaa dhuunfaatti dubbisne waan jedhan, warri maallaqa qaban oomishaalee insuliinaa Dubaayirraa fichisiisu.

Gama biraatin, manneen qorichaa mootummaa keessatti qorichoota hedduu argachuun danda'amuu dhabus, insulinas ta'e, qorichoota onnee argineerra.

Mana qorichaa mootummaa keessatti ogeettii kan taate Seenaa Guddisaa (maqaanshee kan jijjiirame) wayita nutti himtu, yeroo hedduu fayyadamtoonni kan fedhan gosuma qoricha baran sana.

Fakkeennaaf, oomishoonni insulinaa hedduutu jiru. Kanneen keessaa namoonni hedduu kan bara insulaataard kan jedhamudha.

Yeroo hedduu fayyadamtoonni filannoo biroo qabaatanis, 'qorichi dhabame' jechuun komatu jetti.

Seenaan kan jettus, Obbo Giruum kanaan wal hin galan. Obbo Giruum, ''naaf kan ta'u oomisha biyya Deenmaark kan ta'e insuulaataard qofa. Kanaan dura isa dhabee, gosa biraa fayyadamee rakkoo keessa galeen ture,'' jechuun himu.

Image copyright Getty Images

''Hanqinni insuliinaa irra deddeebiin waan mudatuuf, guyyaa itti oomishaman ilaalee baay'inaan bituun, qabbaneessituu keessan kaa'an ture. Amma garuu qoricha koo waanin fixeefin rakkadhe,'' jechuun ibsu.

Hanqinni maaliif mudate?

Hanqinni qorichaa irra deddeebiin akka mudatu, namoonni dhimmi ilaallatu dubbisne waliigalu.

Gidduu kana hanqinni qorichoota insuliinaa fi onnee maaliif mudate? gaaffii jedhuuf deebii argachuuf; Ejensii Fandii fi Dhiheessa Qorichaa, al galchitoonni (importers) fi raabsitoota qorichaa fi Waldaa Dhibee Shukkaaraa Itiyoophiyaa dubbisneerra.

Kana malees BBC'n daarektara itti aanaa, kaampaanii Finfinnee keessa al-galchaa guddaa jedhamus maqaan kaampaanii fi isaanii akka eeramu kan hin barbaadne dubbiseera.

Akka jecha isaanitti, ''Rakkoon inni guddaan hanqinna qorichaa, rakkoo hanqina sharafa alaati''.

Amma dura insuliinaa fi qorichoota yeroo namaaf hin kennine jedhaman biyya keessatti galchuuf, ulaagaa barbaachisu hunda xumurraan, Baankiin Biyyaalessaa sharafa alaa akka fudhannu heeyyama ture. Wayita amma garuu hanqina jiru irraa kan ka'e, kun hafeera,'' jechuun ibsu.

Daarektarri itti aanaan kun, ''Hojii kanarratti waggoota hedduu dabarseera. Akka ammaa kanatti qoricha gara biyya keessaa galchuun ulfaatee hin agarre,'' jedhu.

Raabsitoota qoricha jimlaa magaala Finfinnee keessaa Ishuu Meed isa tokko. Dhaabbata kanatti hojjataan daldalaa maqaansaa akka eeramu hin barbaanne tokko waan jedhe, erga gatiin bittaa Birrii hir'ate booda qorichoota garagaraa malee, aannan daa'immanii irrattis gatiin dabaleera.

Ejensii Fandii fi Dhiheessa Qorichaa Federaalaatti, daarektarri itti aanaa kan tahan Obbo Tasfaa Mikaa'el Afaworq waan jedhan, ejensichi qoricha kan dhiheessu, hospitaalotaa fi manneen qorichaa mootummaafi. Kanumaafis qorichoota jaarmiyaalee mootummaa keessatti argachuun ni danda'ama.

Daldaltoota rakkoo namaarraa buufachuu barbaadan

Hojjetaan ejensichaa biroon maqaan isaa akka hin eeramne gaafate akka jedhutti hanqina qorichaa mudateen saabni inni guddaan waan biraati jedha.

''Dhaabileen dhuunfaa qoricha biyya alaatii galchaniifi raabsan sharafnii doolaaraa dabaluu isaan dura qoricha galchan irratti daballi gatii gochuun gurguruu waan barbaadaniifi. Yeroo omishaa isaanii ilaalcha keessa galchuun wayita kuufamni mootummaan qabu dhumatee hanqinni mudatu gatii guddaan gurguruufi. Kanas yeroo muraas keessatti kan laallu ta'a. ''jedha

Akka namni kun jedhutti qoricha biyya alaatii galchuuf ji'a 2-3 fudhata. Kana jechuun ammo qorichi amma gabaarra jiru kan gale osoo dandeettiin waa bituu birri hin bu'iin dura dha.

Hanqinni Insuliinii waldaa dhukkubsattoota sukkaaraa mudateeraa laata jennee gaafanneerra. Waldaa dhibamtoota Sukkaaraa Itoophiyaatti hooganaa Maallaqaa projeekti kan ta'an Obbo Azmaach tsagaaye Waldaan isaanii hanqina Insuliinii fi qorichaa biro akka hin qabne himaniiru. Deegartoota isaanii biyya Deenmaarkitti argaman irraa qorichi kallattiin dhufee nu harka waan galuuf rakkoo hin qabnus jedhaniiru.

Gabaasa dhaabbanni Federeeshinii dhibamtoota sukkaaraa idil-addunyaa sadarkaa dhiheenya baaseen Itoophiyaa keessatti dhukkubsattoonni sukkaaraa miiliyoona 2.6 akka argamaniifii lakkoofsa Kanaan biyyoota sahaaraa gadii keessa adda duree ta'uu ibseera.

Akka gabaasni federeshinichaa ibsutti dhibamtoota kana keessaa % 46 kan ta'an wal-dhaansa barbaachisu argachaa hin jiran yookaan dhibee isaanii adda baasanii hin barre.

Federeeshinichi akk jedhutti bara 2045tti lakkoofsi dhukkubsattoota sukkaaraa harka 162 ni dabala.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan