MIDROC miidhaa warshaan Lagadambii jiraatotarraan geessise haale

MIDROC miidhaa warshaan Lagadambii jiraatotarraan geessise haale
Goodayyaa suuraa MIDROC miidhaa warshaan Lagadambii jiraatotarraan geessise haale

Aadde Huxee Dhanqoo, eela fayyuu hin dandeenye gaddi cimaa du'a daa'imman isaanii lamaa fi qaama miidhamummaan intala isaanii angafaa itti uumee waliin, godina Gujii Aanaa Oddo Shaakkisoo ganda Dhibbaa Battee keessa jiraatu.

Haati tun intala isaanii hangafaa miidhama qaama miila ishee lamaan laamshesse waliin jiraattu booda, daa'imman dahan lama battala dhalatanitti jalaa du'an.

Aadde Huxeen dhukkuba hammaataa yeroo ulfa turan isaan mudateen booda dabalataan amma dhukkubni lafee jireenya isaanitti cimseera.

Ogeeyyiin fayyaa dhimmasaanii fi daa'imasaanii hordofaa turan sababni qaama miidhamummaa intala isaaniis ta'ee dhukkuba lafee isaanii keemikaala warshaa ta'uusaa akka itti himan aadde Huxeen BBC'tti himaniiru.

Gandi Dhibba Battee aadde Huxeen keessa jiraatan kan warshan omisha warqee MIDROC Lagadambii jedhamu keessatti argamudha.

Keemikaalli lubbuu ijoollee aadde Huxee lama galaafate, intala isaanii angafa qaama miidhamummaaf isaan ammoo dhukkuba lafeef saaxiles kan warshaa kana keessaa gadi dhiifamu akka ta'e dubbatu.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
'Ilmoo godhachuun yaaddoo nutti ta'ee jira'

"Dubartootni ulfi irraa hanqatee baha, ijoolleen yemmuu dhalatan mataa malee dhalatu, mataan bulbulamee badeera, harkaafi ijji isaanis miidhamee dhalatu. Namni dhukkubsatee gara mana yaalaa yeroo deemu narviidha jedhama," jechuun jiraataa gandichaa kan ta'an obbo Duube Gashara Mijuu BBC'tti himanii jiru.

Gandicha keessatti dhalatanii kan guddatan manguddoon kun "dur rakkoon akkanaa hin turre," jedhu.

Ijji isaanii sababa keemikaala warshaa kana keessaa bahuun miidhamuusaa fi haalaan dhaabbatanii deemuun akka itti ulfaatus nutti himan.

Dabalataanis dhumaatiin sababuma kanaan loon fi bineeldota bosonaa irra gahaa jiru rakkoo guddaaf nu saaxilee jira jedhu.

Saanaayidii fi Qaama miidhamummaa

Dhaabbatni omisha warqee 'MIDROC' Lagadambii wayita warqee fi meetii omishu keemikaala warqee qulqulleessuuf oolu Saanaayid jedhamutti fayyadama.

Keemikaalli kun bowwoo mataatii hanga dhukkuba onnee, sammuu fi narvii namarraan gahuu bira darbee, albuudawwan lafee namaa jabeessan kan akka aayiranii qaama namaa fi loon keessatti xiqqeessuun laafina fi caccabuu lafeetiif akka nama saaxilu dubbatu, itti gaaftamaa itti aanaan waajjira eegumsa fayyaa aanaa Oddo Shaakkisoo Obbo Xoonaa Waaree.

Ganda warshichi keessatti argamu Dhibbaa Battee keessattis qaama miidhamummaan saffisaan dabalaa jira. Rippoortarri BBC qaamaan gandichatti argame ollaa kiloomeetira tokko hin caalle keessatti daa'imman qaama miidhamtoota 3 argeera.

Qaama miidhamummaan daa'immanii gandichatti saffisaan dabalaa waan jiruuf dhala godhachuuf siqiqiitti akka jiran dubbatu jiraattonni.

Daa'ima qaama miidhamtuu kan qaban jiraattuun gandichaa adde Dambalii Heexoo, "Hanguma daa'immni na jalaa dhukkubsattu sodaan na qaba. Itti deebi'ee ulfaa'uufis akkuma ishee kanaa na jalaa taatii kan jedhu yaaddoon qaba," jedhu.

"Fooliin warshicha keessaa ganamaa galgala bahu yoo funyaanin nu seenu garaan nu bokoka, mataan nu bowwaafata nafa keenyas nu boca" jedhu.

Kana malees, dubartootni ulfa ta'an hanga daa'imni dhalatee qaama miidhamaa ta'uu dhabuu mirkaneefatanitti ulfa isaanii akka dhoksan, kanneen daa'ima qaama miidhamaa dahanis mana keessatti dhoksanii akka turan dubbatu jiraatoonni.

Horiin bishaan keemikaala sanaayidiin makamee yaa'u dhugan battalatti akka du'an, kunnen qilleensa faalame keessa turan immoo yeroo wal haadhanii wal kuffisanitti danda'anii lafaa akka hin kaane, lafeensaanis salphaatti akka cabu jiraatoonni naannoo dubbatu.

Rakkoolee Hawaas-diinagdee

Waardiyyootni hidhannoo cimaan warshaa kanaa eegan miidhaa adda addaa hawaasarraan gahuunis komii birooti.

Komii kana jiraattota qofa osoo hin taane bulchitoonni aanichaallee ni qooddatu.

Eegumsa cimaa warshichaaf godhamurraa kan ka'e, aangoo mootummaan kenneefitti fayyadamuun warshaa kana keessa seenanii to'annoo fi sakkatta'insa haala hojii gochuu akka hin dandeenye itti gaafatamaa itti aanaan waajjira dhimma hojjataa fi hawaasummaa aanaa Oddoo Shaakkisoo Obbo Boree Xoonaa himu.

Hojjetoota yeroo qacarus haala seerri ajajuun akka isaan hin hirmaachisne, deebiin dhaabbaticha irraa argatanis "nuti isinin osoo hin taane federaalaan hogganamna" kan jedhu akka ta'e himu.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
'Homaa irraa hin fayyadamne'

Carraa hojii argachuu dabalatee dhaabbilee omisha albuudaa aanicha keessa jiran irraa fayyadamaa hin jirru, kanarra darbee rakkoo nurratti uumaa jira jechuun jiraattonni aanichaa yeroo gara garaatti hiriira mormii bahaniiru.

Deebii

Komii hawaasaa fi angawoota mootummaa kanaaf deebii barbaacha gara warshichaa wayita deemnee turreti sababoota gara garaa eeruun hoggantoonni deebii nuuf kennan akka hin jirre nutti himan.

Haa ta'u malee erga odeessi kun maxxanfamee booda xalayaa dhaabbatichii BBC'f barreesseen, warshichi bifa sadarkaa isaa eeggatee fi saayinsawaa ta'een hojjetaa akka jiruu fi "keemikaalli warshicha keessaa bahu naannoo irrattis ta'e jiraattotarraan miidhaan geessise hin jiru," jedheera.

Hawaasa nannoo waliin walii galteen hojjataa akka jiruufi jiraattotaafis carraa hojii banuu bira darbee, manneen barnootaa, keellaawwan fayyaa fi misoomawwan bu'uraa kanneen biroo ijaaruun bilisaan hawaasni akka irraa fayyadaman gochaan jira, rakkoon warshichi geesisaa jiru hin jiru jedheera.

Ministeera albuudaa, Boba'aa fi Gaazii Uumamaatti daayirektarri daayrektoreetii naannoo fi misooma hawaasaa aadde Innaat Fantaas "Sakkata'iinsa hanga bitootessa bara 2009 taasifneen miidhaa keemikaalichaan qaqqabe hin agarre, komiin uummatas ta'e qaama mootummaa irraa nu bira gahe hin jiru" jechuun BBC'tti himaniiru.

Haa ta'u malee gaaffii faayidaafi itti fayyadama warqee osoo hin taanee dhimmi lubbuu isaanii yaaddoo kan itti ta'e jiraatootni ganda Dhibbaa Battee "harka mootummaati furmaata barbaadna" jechaa jiru.

Ministirri Albuuda, Boba'aa fi Gaazii Uumamaa obbo Mootummaa Maqasaa, komii"MIDROC" irratti ka'u hiikuuf dhaabbatichi mootummaa waliin hojjechuu qaba, miidhaan kunuunsa naannoo, keemikaalaa fi dhimmoota gara garaatiin wal qabates ariitiin qaama adda ta'een qoratamuu qaba jedhaniiru jechuun FBC gabaasee jira.

Dhaabatni MIDROC iddoo omisha warqee Lagadambii bara 1989 ture harka mootummaaraa gatii doolaara Ameerikaa miliyoona 172'n waggoota 20'f kan fudhate.

Gabaasa dhaabbatichi bara 2014 fooramii Baankii Addunyaatiin qophaa'e irratti dhiyeesseen warshaan omisha warqee MIDROC Lagadambii bara faranjootaa 1997 hanga 2014 waggoota 16 fi walakkaa keessatti warqee kilogiraama 52,044.71 fi meeti kiloogiraama 14,670.6 omishuun birrii billiyoona 17.24'tti gurguruusaa agarsiisa.

Waliigaltee omisha warqee waggoota 20'f mallatteesse dhuma bara faranjootaa kanatti kan xumuru dhaabbatni kun waliigalteensaa akka haaromfamuuf iyyatee jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata