Filannoo Laayibeeriyaa: Manni murtii marsaan lammataa akka itti fufu jedhe

Joorj Wiihaa (B) and Joseef Bowakaay (M) Image copyright Reuters/ EPA
Goodayyaa suuraa Joorj Wiihaa (B) and Jooseef Bowakaay (M) marsaa lammataaf waliin dorgomu

Manni Murtii Waliigalaa Laayibeeriyaa himata filannoon pireezidantummaa marsaa dura Onkoloolessa keessaa adeemsifame akka irra deebi'amuuf dhiyaate irratti ragaa gahaa hin arganne jedha.

Kana jechuun filannoon marsaa xumuraa kaadhimamtoota lamaan - taphataa kubbaa miilaa duraanii Joorj Wiihaa fi Pirezidaantii itti aanaa Jooseef Bowakaay gidduutti adeemsifamu itti fufa.

Komishiniin filannoos kana booda guyyaa itti filannichi gaggeeffamu murteessa.

Filannoon marsaa duraa hanni irratti raawwatamee jira jechuun akka irra deebi'amuuf kan mana murtiitti himate, filannoo marsaa duraan sadaffaa kan bahe bakka bu'aa Paartii Liibartii Chaarles Biruumskiin ture.

Filannoon marsaa lammeessoo namni pireezidantii amma jirtu Elan Joonsan Sarleef bakka bu'u irratti beekamu Sadaasa 7 ture kan gaggeeffamu.

Biyyi namoota akka garbaatti gurguramaniin jaarraa 19ffaa keessa Ameerikaan hundoofte, waggoota 73 keessatti nagaan aangoo walitti dabarsitee hin beektu.

Aadde Sarleef bara 2006 kan gara aangootti dhufan waraana waliinii waggoota dheeraa booda erga finciltoonni pireezidantii duraanii Chaarlas Teeylar humnaan aangoo irraa ari'anii nooda ture.

Teeylar wayita ammaa walitti bu'iinsa biyya ollaa Seeraa Liyoon keessa ture irratti yakka waraanaa raawwateen hidhaan waggaa 50 itti murtaa'ee UK keessatti hidhamee jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata