Furmaata waldhabdee: Sirni Gadaa sirna badaaf qoricha ture

Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo. Image copyright AMENSISA IFA

Sirni Gadaa duraan sirna badaa ittiin qolachaa yoona geenye babal'achuu waraana hammaataa fi meeshaa ammayyaan deggerameen murtee dabarsuuf humna dhabaa jirra jedhu abbootiin gadaa dhimma walitti bu'iinsa daangaa Naannoo somaalee wajjinii irratti.

Walitti bu'iinsa daangaa Naannolee Oromiyaa fi Sumaalee gidduutti mudateen lubbuun namoota hedduu darbee kuma 600 ol ammoo qe'eerraa buqqaafamaniiru.

Walitti bu'iinsi daangaa kun Harargeerraa eegalee hanga Booranaatti walqabatee kan fulla'u waan ta'eef ummanni hedduun daangaarra jiran rakkoo kanaaf saaxilamaniiru, saaxilamaas jiru.

"Boorana keessumaa Mooyaaleetti rakkoon daangaa daranuu hammaate, uummata nagaarratti haleellaan humna addaa Sumaaleen raawwatamaa jiru akka malee nu yaaddesseera," jedhu Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo.

"Torbee darbe walitti bu'iinsa Oromoo Booranaa fi gosoota Garrii gidduutti uumamen lubbuun namaa badeera kan jedhan Abbaa Gadaa Kuraan, akkaataa seera Gadaatiin araarsuuf waraanni nuuf hin eyyamne jedhu.

''Gadaan keenya waldhabdee Oromoo gidduuttis ta'e saba biraa wajjiin jiru hiikuuf seera araaraa qaba, haa ta'u malee waraanni humnaa olii akka marii araaraaf hin teenye nu sakaaleera, afaan dubbannu nu wallaalchiseera, kan duraaniirraa adda humnaa ol nutti ta'eera," jedhan Abbaa Gadaa Kuraan.

''Baroota hedduuf sirna gadaatiin saba araarsinee akka maatii tokkoottti yoona geenye. Inni alanaa garuu waraanaa ammayyaan waan deggerameef humna gadaatii ol ta'eera. Mootummaan federaalaa maaliif akka akkas godhe nuuf hin galle'' jedhan.

Goodayyaa suuraa Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo fi yaa'a isaa Ardaa jilaa Badhaasaatti

Sirni Gadaa Oromoon eegee har'aan ga'ee addunyaaf qusate ummaticha biratti kabaja guddaa qaba, murtoo gadaan dabarsu hundaa Oromoon ni kabaja.

Garuu murteen gadaa murtee siyaasa biyyattii waliin yoo wal bira qabamu hammam fudhatama qaba kan jedhu baayyee nu yaachiseera jedhan.

Rakkoo keessoo Oromiyaa furuuf garuu sadarkaa barbaadamuun ta'uu baatus hojii tasgabbii uumuu hojjechaa jiraachuu dubbatan Aab Kuraa Jaarsoon.

Oromoo sirna gadaan buluu fi siyaasa biyyattii keessa jiru akkamiin walitti araarsuun akka danda'amu akkasumas gadaan addunyaan akka hambaa kiliyaa tokkootti galmeesse kun ga'ee adda durummaa akka gumaachuuf ni hojjenna jedhu.

Qorataa seenaa Oromoo fi sirna gadaa kan ta'an Dr. Bokkuu Xachee ummanni Oromoo maloota ittiin waldhabdee furan lama jechuunis dhoowwuu (pre-emptive measure) fi ittisuu ( Mitigative measure) waan qabuuf madaala isaa eegee nageenyaan jiraatee har'a ga'e jedhu.

Oromoon waan hunda dhugaa fi seera araaraatiin waan xumuraa tureef haaloo qabatee waliin hin dhiphatu, kan amma daangaarratti uumamaa jiru garuu kallattii dhibii waan qabateef waraana waraanatu deebisa jedhan.

''Yoo dhugaan haalame ni muran. Namni dhugaa hin quufne dhugullee hin quufu'' jedhu Dr. Bokkuun.

''Hanga gaaddisi gadaa argamutti ofirraa ittisuudha. Gadaan ga'ee bulchiinsummaasaa ba'uu qaba. Dhiibbaan siyaasaa (state factor) gadaarraa fonqolfamuu qaba. Nagaan kan gadaati, nagaa fiduuf uummanni gadaa dhaggeeffachuu qaba. Qoodi uummata mariisisuu qooda gadaati. Ga'een gadaa kan ammaa caaluunsaa hin hafu.''jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata