Guyyaa sabaa fi sablammootaa: deebii inni kennurra gaaffiin inni kaasu caaleera

Agarsiisa Aadaa ayyaana Saboota Sab-lammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa 12ffaa Image copyright Alex Solomon
Goodayyaa suuraa Agarsiisa Aadaa ayyaana Saboota Sab-lammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa 12ffaa

Ayyaanni saboota, sablammootaa fi Uummattoota Itophiyaa yeroo 12ffaaf magaala guddoo naannoo Affaar, Samaraatti kabajamaa jiru barbaachisummaa isaa irratti gaaffilee hedduutu ka'aa jira.

Gaaffiiwwan ayyaana Saboota, Sablammootaafii Uummatoota Itoophiyaarratti ka'aa jiran faayidaa guyyaa kana kabajuun qabu qofa irratti osoo hin daanga'iin kabaja guyyaa kanaa keessatti dhimmoota bakka guddaa qabu jedhaman akka heera mootummaa fi sirna fedaraalaa biyyattiis ni xuxxuqa.

Ji'oota darban kutaalee biyyaatti garaagaraa keessatti walitti bu'iinsa saboota gidduutti uumameen lubbuun namoota hedduu darbeera.

Lammiileen kuma dhibbaan lakkaawaman qee'ee isaaniirraa buqqaafamaniiru, qabeenyi isaaniis manca'eera.

Yeroo amma Walitti bu'iinsa daangaatiin lammiileen qe'ee isaaniirraa buqqaafaman kumoota dhibbaan lakkaawaman bayyanachiisuuf baasii guddaa osoo gaafatuu ayyaanicha maallaqa qarshii miliyoona dhibbaan lakkaa'amu baasuun kabajuun sirrii miti jedhu hayyoonni.

Agarsiisaa dirree guyyoota muraasaa fi waltajjii waraqaaleen qorannoo wal-kabajuu, wal-qixxuumaa hirmaannaa siyaasaa fi fayyadamummaa dinagdee saboota sab-lammootaa fi uummattoota biyyattii mirkaneessuu keessatti gahee xiqqaa qaban irratti dhiyaatan kana irratti akka hin hirmaanne rogeeyyiin Oromoo waamicha gochaa turan.

'Galtee Ololaa'

Bu'uuruma Kanaan ayyaanni guyyaa sabaafi sablammoota baranaa ayyaana hiika hin qabne ta'uu dubbatu hayyoonni.

"Biyyoota garaagarummaan ilaalchaa, fedhaa fi ejjennoon siyaasaa itti dagaage keessatti guyyoota akka kanaa ayyaanessuun nagaa fii araaraa labsuuf shoora bahuu kan danda'an ta'us biyya keenya keessatti kan ta'aa jiru waan biraa dha," jedhu koollejii Indikootitti barsiisaa seera Idil-addunyaa fi mirgoota namoomaa kan ta'aan Dr. Semmaheenyi Goshu.

Itoophiyaa keessatti guyyaan Sabootaa, sablammootaa fi ummatootaa kan kabajamu olalaafi fudhatamummaa sirnichi ummata biratti qabu dabaluu irratti kaayeffateetti jedhu Dr. Semmaahenyi.

Sirni Ayyaanni kun bakka bu'u akka sirnaatti rakkoowwan bu'uuraa hedduu kan of keessaa qabu ta'uusatti dabalee duudhaaleen dimookraasii fi mirgoota namoomaa kabajamuu dhabuu isaaniitiin siyaasni biyyaatti fanxoorratti cobxoo akka jedhan ta'eera jedhu.

Image copyright Alex Solomon
Goodayyaa suuraa Magaalaan Samaraa ayyaana kana irratti hirmaachuuf keessumoota dhufan haalaan simatte.

'Heddumminni rakkoorra jira'

"Haalli siyaasa biyyattii amma jiru guyyicha ayyaaneffachuun hangam barbaachisaa akka ta'e agarsiisa," jedhu Yuunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Federaalizimii kan ta'an Obbo Nahusannaay Balaay.

''Guyyaa kanatti kan kabajnu qajeeltoo heeraarra jiru dha. Qajeeltoon kun gaafa haalli gaarii ta'u kabajnee yeroo rakkoon akka amma keessa jirru kun dhalatu kan dhiisnu ta'uu hin qabu,'' jedhan Obbo Nahusannaay haasaa BBC waliin taasisaniin.

Guyyaa Sabaa fi Sablammii yeroo jennu hedduummina keenyatti amanuu jechuu dha. Hedduummina keessatti tokkummaa uumamu leellisuu jechuudha. Maarree yoo yoona hin kabajnu ta'e yoom kabajna? Yeroo qormaanni itti baay'ate dha amma, heddumminni yeroo itti yaaddoo keessa galedha jechuunis dubbatu.

Gaaffiiwwan mirgaa naannoo naannootti ka'an, mormii, walitti bu'iinsi fi haleellaawwan raawwataman heera mootummaa fi sirna Federaalizimii ayyaana akka kanaa irratti leellifaman wajjin waanti walitti isa fidu hin jiru jedhanii mormu obbo Obbo Nahusannaay.

"Gaaffileen uummataa gaaffii Diimookiraasii fi hirmaannaa walqixaa bu'aa guddina diinagdeeti. Mirgi naaf haa kabajamu yeroo jennu gaaffii Dimookraasiiti."

"Mirgi Federaalizimiin naa kenne natti baayyate jedhee qaamni dhufe garuu hin jiru, afaan kootiin dubbachuun nuffe jedhee uummata iyyate hin argine, saba nama kootiin hoogganamun jibbe jedhe argee hin beeku," kan jedhan Dr, Nahusannaay, "Yeroo kun jedhamuudha Federaalizimiin rakkoo keessa gale kan jennu, gaaffilee kun mara rakkoo sirnichaa gochuun sirri miti," jedhu.

'Heerri biyyittii hirmaachisaa miti'

Furmaanni kennamuu baannaan balaa dhufuu danda'u irraatti waliigalaa bubbee hamaa dhufuuf jiru hambisuuf yaaluun tarkaanfii isa jalqabaati kan jedhan Obbo Nawsannaay ilaalchi hoogantoota siyaasaa Federaalizimii fi hedduminaaf qaban cimuu dhabuun rakkoo ta'uu eeraniiru.

Siyaasichi fakkaattii heeraa biyyaatti akka qabaatu yaaluun furmaata caaseffamaa dorgomaa hin qabnedhas jedhu Obbo Nahusannaay.

Dhimmichi abaluu abaluun bakka buusuu miti. Fedha hawaasaa gidduu galeefachuun heera biyyatti raawwachiisuu dha. Lammummaan Itoophiyaa uummata hundaaf hiika kan qabaatu bu'uura heera biyyattiin mirgi isaanii yeroo kabajamuuf qofa dhas jedhu.

Yunivarsiitii Keelitti barsiisaa seeraa kan ta'an Dr. Awal Aloo sirna bulchiinsa tokko jalatti buluu caalaa federaalizimiin teessuma lafaas ta'e sabummaa bu'uureffate ijaarame rakkoo hin dhabu jedhu.

''Biyya cunqursaan siyaasaa jiru, hirmaannaa qixxeen guddina diinagdee hin jirree fi cunqursaan aadaa mallattoo addaa itti ta'e keessatti federaalizimiin sabummaa irratti bu'uureffamee ijaarameen carraan walitti bu'iinsii uumamuu guddaa dha,'' jechuun Dr. Awal BBC'tti himaniiru.

Ta'us garuu sirni federaalaa sabummaa bu'uureeffachuun heera amma biyyattiin ittiin bultuun hundaa'ee, rakkoo amma biyyattiin keessa jirtuuf sababa ta'eera jechuun hin danda'amu, sababni isaas heerichi hojiirra hin oolle waan ta'eef jedhu Dr. Awwal.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata