Gamtaan Awurooppaa dararaa Liibiyaatti godaantootarra gahu keessaa harka qaba jedha Amnestiin

Bidiruun godaantota baatte wayita eegdota qarara galaana Libiyaatiin qabame. Waxabaji 27, 2017 Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Bidiruun godaantotaa yeroo yerootti eegdota qarqara galaana Libiyaatiin qabamu

Mootummoonni Awurooppaa dararaa fi sarbama mirgaa Liibiyaa keessatti baqattootaa fi godaantoota irra gahaa jiru utuu beekanii gargaarsa godhuuf jechuun dhaabbanni 'Amnesty international' beeksiseera.

Yaalii godaantummaa dhaabuu jedhuun, Gamtaan Awurooppaa ''cunqursaa fi saamicha'' qarqarawwan galaana Liibiyaatti raawwatamuuf haalaan qarqaarsa godhaafi jiraa jedha gaabaasni gartuu kanaa.

Maallaqni Gamtaan Awurooppaa kennus karaa aangawootaa hidhattoota warra namoota daddabarsaaniif qaqqabaa akka jirus gaabaasni kun ibseera.

Gamtaan Awurooppaa doonii, leenjii fi maallaqa eegdota qarqara galaana Liibiyaaf kennaa turuun isaa ni beekama.

Godaantoota gara Awurooppaa galaniif Liibiyaan daandii isa guddoo taatee turuunshee ni beekama.

Warra bidiruun cehaniifis - Xaliyaaniin bakka gahumsa isaanii turte - Gamtaan Awurooppaa maallaqa eegdoota qarqara galaana Liibiyaaf kennuu wayita jalqabee kaasee lakkoofsi godaantoota haalaan gad bu'ee jira.

Haa ta'u malee, utuma aangawoonni Gamtaa Awurooppaa beekanii, eegdonni qarqara galaanaa kunneen gartuu yakkamtootaa namoota dabarsaan waliin hojjechuun, dararaa godaantotarra gahu daran hammeessa turaniru jedha Amnestiin.

Adeemsa godaantota dhaabu jedhuun baqattootaa fi godaantoonni ''karaa seeraan alaa fi yeroo hin beekamneef jumlaan akka hidhaman'' isaan godheera jechuunnis dhabbanni kun yakkeera.

Goodayyaa suuraa Hidhamtoota mara tajaajiluuf maalaqa gaahaan hinjiru

Baqattoonnii fi godaantoonni eegdoota qarqara galaana Liibiyaatti qabaman gara mana hidhaa kan direktooreetii waliigalaa farra godaansa seeraan alaa Liibiyaan hogganamuutti ergamu.

Namoonni 20,000 ta'an wayita ammaatti manneen hidhaa kana keessatti argamu kan jedhu Amnestiin ''dararaa, hojii humnaa, saamichaa fi seera malee ajjefamuun'' akka irra gahaa jiru ragaa agarsiisu akka qabus dubbateera.

''Namoonni kumaatama hedduutti lakkawaman dandeetti manneen hidhaa ol ta'een walitti baay'ifamanii hidhamuun dararrii qindaawaaf saxilamanii jiru jechuun '' Amnestii Awuroopaatti direektara kan ta'e Joon Dalhuuseen dubbateera.

''Mootummoonni Awurooppaa waan ta'aa jiru kana sirriitti quba qabaachuu qofa utuu hin taane, namoonni Liibiyaa keessatti qabamanii akka turaniif gargaarsi isaan angaawootaa Liibiyaaf cimsanii godhaniin harka keessa qabaachuu isaaniis ni agarsiisa jedhaniiru.''


Jalqaba wagga kana gabaasaan BBC manneen hidhaa kana deeme wayita daawwateetti, dararrii fi reebichi isaan irra gahu mana hidhaarra akka caaluu fi ''jaannamaan akka wal fakkaatu'' hidhamtoonni dubbatniiru.

Ji'oota sadiif mana hidhaa keessa kan ture namni lammii Gaambiyaa tokkos nyata dhowwatamee beeleffamuun reebamaa akka ture Amnestiitti himeera.

''Maallaqa fudhatanii gad nadhiisuuf jecha ujjummoo gommaatiin na tumu. Maatiin kiyya maallaqa akka erganiif jechas na tumaa isaaniif bilbilu,'' jechuun dubbateera.

Gartuun mirga namoomaa kun, Gamtaa Awurooppaa gara mana murtiitti geessuuf ragaa gahaa qaba jedheen amana jedha.

Image copyright AFP

Humna Naatoon deeggaramuun erga Kolooneel Muammar Gaadaafiin bara 2011 angoo irraa buufamanii as biyyi Liibiyaa hidhattoota lakkoofsa hin qabne biyyatti to'achuuf dorgommi godhaniin seer-maleessummaa keessatti kuftee jiraachuun ishee ni beekama.

Odeessa kana irratti dabalata