Jarusaalemii fi Itoophiyaa: seenaan walitti michoomse?

Amantoota ibsaa qabatan Image copyright Ilia Yefimovich

Durii eegalee lammiileen Itoophiyaa garee gareen ta'uun gara Jarusaaleem akka imalan seenaan ni hima.

Amma ammoo dhaabileen daawwachisan garaagaraa heddumachuun namoonni hedduun Jarusaalemitti akka imalan haala mijeeseera.

Jarusaalem lafa hawwii haadholii, abbootii fi dargaggeeyyii hedduti.

Heenook Tsehayyee Ameeriikaatti jireenya eegaluusaan dura, harmeesaa hawwii jarusaalemiin daawwachuuf qabdu akka milkeessuf waadaa galeefiit ture.

Bara darbe hawwii harmeesaatii milkeesuf wayita dhihaatee turetti abban isaa lubuun darbuun karooricha jalaa fashaleesse. Haati Heenook garuu gadda keessas ta'anii hawwiin Jarusaalem daawwachuuf qaban hin hir'isne.

Ayyaan qillee baranaatti harmeesaa daawwanaa kanaatti erguuf murteeseera. Hawwii harmeesaatii milkeesuun gammachuu daanga hin qabne akka kennuuf Henok dubbateera.

Ameeriikan Magaalaa guddoon Israa'eel Jarusaalem ta'uu qabdi jechuu isheen walqabatee Heenok yaadaa BBC f kenneen erga waliigaltee Baalfoor bara 1917 hudeefama biyya Israa'eel mirkaneesse as Jarusaalem bakka walitti bu'iinsaa ta'uu yaadachuun durumaa kaasee Jarusaalem kan Paalestaayin miti jedhe akka amanu ibseera.

bu'uuruma kanaan ''garri lixa Jarusaalem kan Israa'eel garri bahaa ammo kan Paalestaayin ta'uu akka qabun amana'' jedheera

Image copyright Ilia Yefimovich

''Biyyi qulqullooftuun Jarusaalem kun bu'uura amantaa, seenaa fi aadaa ta'uu isheetiin bakka hiika addaa qabduu dha. Lakkoofsi baraa Itoophiyaan itti fayyadamtu jalqabnisaas dhumnisaas biyya qulqullooftuu kana wajjin hariiroo qaba. Gooftaan keenya Iyasuus Kiristoos bakka itti dhalatee guddate dhas waan ta'eef,'' jedha barsiisaa barnoota amantii fi gaazexessaa kan ta'e Heenook Yaared.

Abba isaa waliin waggaa shan dura gara Jarusaaleem kan deeme ji'a barri haaraa beeta-Israa'eelotaa itti kabajamu Fulbaan keessa akka ta'e ni yaadata. Kitaaba qulqulluu, kitaaba seenaa fi maddeen garagaraa irraa kan dhagahaniin dabalatatti lafa hawwii lammilee Itoophiyaa hedduu Jarusaalemiin arguun miira addaa qaba jedha.

Dhaloota kiristoos dura daawwannaan mootittiin Saabaan gara Jarusaalem taasifteefi mooti Solomoon wajjin wal argitee akkasumas dhalachuun Minilik isa duraa hariiroon Itoophiyaa fi Isra'eel adda akka ta'e ibsas jedhu.

Hundeesituu fi hooggantuu dhaabbata daawwattoota gara Jarusaalemitti imalchiisuu 'Qaraaniyoo ba Iyarusaalemi' jedhamu kan ta'an Aadde Ijjigaayyoo Beyyenee bara bulchiinsaa Haylasillaasee miseensaa waldaa daawwannaa Jarusaalem mijeessu tokko turan. Ammas miseensa waldichaati.

Fedhiin lammiileen Itoophiyaa Jarusaaleemiin daawwachuuf qaban guddaa ta'uu hubachuun bara 2002 tti dhaabata isaanii hudeesuuf akka isaan kakaasee himu.

''Kaayyoo koo bu'aa buufachuu miti. Namoonni hedduun lafa sana ejjetanii akka deebi'aniin barbaada. Ilmi harmeesaa ishee buddeen gurgurtee isa guddiste gammachiisuuf waan godhau dha wanti kun'' jedhu aadde Ijjigaayyoon.

Image copyright AFP

Gadaamiwwan Itoophiyaa Jarusaalemitti

Waldaan Ortodoxii Itoophiyaa Jarusaalem keessaatti gadaamiiwwan torba qabdi.

Isaanis Dira Silxan, Kidaana Mihirat, qidus Filiphoos, Qidist Sillaasee, Qidus Gabreel, Qidus Alazariifi Beteliheemi.

isaan keessa tokko Dira Silxan yoo ta'u afaan Gi'iiziitiin hiika Debire Silxaan jedhu kan qabuu fi bakka awaala gooftaan Iyasuus itti awaalame irraa gara lixaatti argama.

Seenaa manneen amantaa waabefachuun Heenok yoo ibsu Dira Silxaan mootiichi Solomoon keessummoota, daawwatootaa fi ergamtoonni Itoophiyaatii dhufan bakka itti boqotan gochuun mootittii Saabaaf bakka kennedha jedha. Boodas gadaamii ta'uun mootota Itoophiyaan gargaaramaa akka jiru himama.

ammas lammileen Itoophiya gadaamota kana hirphaa akka jiran Aadde Ijjigaayyoon ni himu. Gadaamii Qidus Gabreel jiguuf jedhuufis gargaarsi godhamuu dubbataniiru,

Image copyright THOMAS COEX

Magaala Barootaaf walfalmisiifte

lammilileen Israa'eeliis Paalistaayiniis magaala Jarusaaleem akka magaala guddoo isaanitti ilaaluun gidduugala bahaatti dhimma falmisiisaa giddaa ta'ee itti fufeera. Dhimmichi sadarkaa idil-addunyaattis falmisiisaa dha.

Amma ammoo Ameerikaan Jarusaalemiin akka magaala guddoo Isra'eelitti fudhachuun beekamtii kennuun ishee daranuu falmisisaa godheera.

Jarusaalem sababoota garaagaraan hordoftoota amantaa Kiristaanaa, Ayiihuudii fi Islaamaaf lafa qulqulloofte dha

Israa'eel bara 1980 Jarusaaleem magaala guddoo ishee akka taate labsuu isheen walqabatee warri Paalestaayinis biyya gara fuulduraatti hundeeffataniif magaala guddoo akka taasifatan dubbatu.