Walitti bu'insi Sudaan Kibbaa lubbuu '170 galaafate'

Ijoolleen wayita sangaa harkiftu, mandara Niyaal keessatti, Onkololeessa 25, 2015. Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Yeroo hedduu walitti bu'insi kan ka'an dhimma looniin ture

Sudaan Kibbaatti walitti bu'insa torban darbe keessa gosoota gidduutti uumamaniin namoonni 170 ol lubbuu dhabuu isaanii, miseensi paarlaamaa dubbatan.

Waldhabdeen naaannoo Westarn Leeks jedhamutti ka'e kun, namoota 200 olis kan miidhae ta'uu miseensi paarlaamaa naannichaa, Dharuai Mabor Teny dabalanii himaniiru.

Sudaan Kibbaatti waldhabdeen kan barame ta'us, lakkoofsi namootaa yeroo kana du'anii rifachiisaa ta'uusaa, gaazexeessaan BBC Fardinaand Omondii gabaaseera.

Pireezidant Saalvaa Kiiris akka labsii yeroo muddamaa labsan dirqisiiseera.

Labsiin kun naannolee sadii kan hammatu wayita ta'u, qondaaltonni waraanaa meeshaa ji'a sadiif gahaa ta'e akka naannoo sanatti sochosan ajajamaniiru.

Obbo Kiir yoo lammiileen meeshaa waraanaa isaanii nagayaan hiikkachuu didan, waraanni humna akka fayyadamus aangoo kennaniiru.

Walitti bu'insi kun, dargaggoota hidhatan kan gosa tokko Dinkaa ta'an gidduutti kan uumame wayita ta'u, torban tokko dura eegale.

''Ammaan tana, gama lamaaniinuu namoonni 170 ol lubbuu dhabaniiru. Manneen 342 ta'an wayita gubatan, namoonni 1,800 ta'an ammoo iddoo jireenyasaanii irraa buqqa'aniiru,'' jechuun Abba Teenii ejensii oduu Reuters'itti himan.

Dubbi himaan pireezidaantii labsiin yeroo hatattamaa kun ''waldhabdee kan ni fura' jennee abdanna jedhan.

Sudaan Kibbaa, addunyaarra biyyattiin haaraan kun, ALA 2011tti Sudaan irraa fottoquun bilisoomte.

Ergasiis waldhabdeewwan gosaa fi siyaasaa hedduun raafamaa jirti.

Yaaliin araaraa Gamtaan Afriikaa (AU) fi mootummoonni biyyootaa taasisaniis, nagaya fiduu hin dandeenye.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata