Dubartoota aangessuun hawaasa rakkina jalaa baasuudha: Aadde Dureettii Taaddasaa

Torbee lama lamaan walgahiin garee ni geggeefamaa leenjiinis ni kennama Image copyright Duretti Taddesse

Dubartoota aangeessuun guddina diingadee maatiif qofa osoo hin taanee, kan hawaasaa waliigalaa irratti dhiibbaa guddaa qaba, jetti Addee Dureettii Taaddasaa, jiraattuun Ameerikaa, kutaa biyyaa Ohaayoo, magaalaa Kolambas.

Addee Dureettiin dhaabbata 'Cawwaaqee Guuttataa Angeessa Dubartoota (CGAD) jedhamu hundessuun hojjiiwwan fooyya'insa jireenya dubartoota baadiiyaatiif bu'aa ni qabaata jedhan hojachaa jiru.

Dureettiin BBC'tti akka himteetti, erga biyyaa baattee gara waggoota 20 ol kan lakkoofsiifte yoo ta'u, osuma biyyaa hin bahiin dura bu'aa bahii hedduu keessa dabartee jirti. Kanaafuu dhiibbaa dubartummaa qabee hanga dhiibbaa hawaasi-dinagdee dubartoonni keessa jiran akka sirritti hubattu himti.

Jireenyi isheen duraan keessa dabarte kunis dhaabbata tola-oltummaa ''Cawwaaqee Guuttataa Angeessa Dubartootaa (CGAD) kana hundeessuuf ka'umsa akka ta'eef dubbatti, Dureettiin.

''Jechoota kumaatama dubbachuu irra waan qabatamaa xiqqoo hojjechuu wayya,'' kan jettu aadde Dureettiin, hacuuccaafi gadadoo dubartoonni keessa darban argaa guddadhee cal-jedhee ilaaluu hindaandeenye' jetti.

Dubartoota aangessuun hawwii fi mul'ata ishee kan ijoollummaa akka ta'e kan dubbattu Aadde Dureettiin, carraa fi muxannoon biyya Ameerikaatti argatte gara biyyaatti deebii'tee dubartoota irratti akka hojjetuuf akka ishee kakaases himti.

Image copyright Duretti Taddesse

"Jalqaba Ameerikaa gara biyyatti yoon deebii'uu, hanga tokko ijoollee gargaaruu irratti hojjeechuuf yaaleen ture. Daa'imman muraasa argachuun gargaaruu jalqabuyyuu, gargaarsi nu taasifnu jireenya maatii wayyeessuu waan hin dandeenyeef tooftaa keenya gara haadholii aangeessuutti jijjiiruuf dirqamne," jetti.

Yoo itti yaadame ka'umsa xiqqoon hojii guddaa hojjechuu ni danda'ama kan jettu aadde Durettiin, fakkeenyaaf, dubartoota qofa aangessuun kallattii hedduun hawaasaaf faayidaa akka qabu dubbatti.

Hubbaannoon dubartootaa kunis kunuunsa daa'immanii kaasee, fooyya'iinsi jireenya maatii, hawasaafi biyyaa akka safisiisuu gochuun jireenya fayyaalessa, walqixxaataa, tasgabbaa'aafi hammayyaa akka jiraataniif ni gargaara jetti.

Mula'ata kana dhugoomsuufis dhaabbata tola ooltummaa ishee hojiirra oolchuuf gara biyyaatti marmaaruun hojii erga eegaltee ooltee bulteetti.

Tarsiimoo ''Dabaree'' jedhuu hojii irra kan oolchuu dhaabni CGAD kun, kaayyoon isaa inni guddaan lafee dugdaa hawaasaa kan ta'an dubartoota aangeessuun beela, dheebuu, gadadoofi hiyyummaa hir'isuuf gahee akka qabu Aadde Dureettiin ni dubbatti.

Dabaree jechuun aadaa Oromoo keessatti sirna ittiin walgargaaran, dudda walfudhatanii walii deebiisan, ykn warrii horii hedduu qaban isa hin qabneef kan ittiin gumaatii fi inni argate mmoo isaa hinqabneef dabaree dabarsee kan ittiin kennuudha.

Image copyright Duretti Taddesse
Goodayyaa suuraa Dubartootaa harka qalleeyyii of dandeesisuuf Aadde Dureettiin tarsiimoo Dabareetti dhimma bahaa jiru

''Malli dabaree kun aadaa Oromoo keessa kan tureefi nutis muuxanno kana ergifauun itti fayyadamaa jirra.'' jechuun dubbatti.

Haaluma kanaanis, hameessa bituun dubartootaaf keennu. Dubartoonnis hameessa kennameef elmachuun aannanii ijoollee guddisuu. Dhadhaa gurgurachuunis galii horatu, dhoqqee loon kanaa ammoo akka xaa'ootti itti fayyadamuun oomisha guddifatu.

Raadi jalqaba dhalattu wayita guddattu dubartoota haala walfakaataa irra argamaniif haaluma aadaa Oromootiin eebbifamanii dabarsanii kennuu irratti kan xiyyeefatuudha.

Madda maqaa 'Cawwaaqee Guuttataa'

''Cawwaaqee Guuttataa maqaa akko kooti. Isheenis dubartii baay'ee cimtuu fi haalawwan irra gahan dandamachuun deeggarsa abbaa warraa malee ijoolleeshee fi akkoowwan shee barsiifatee sadarkaa guddaan geessedha'' jetti Dureettiin. Jireenyi isaanii qabatamaatti fakkeenya ciminaa waan ta'eef jecha maqaa kanaan dhaabbata tola oltummaa kana moggaasuu dubbatti.

Aadde Cawwaaqeen akkuma dubartoota Oromoo kaanii mirgi isaanii sarbamee, fedhii malee ijoolummaatti butamanii kan heeruman fi abbaan warraa isaanii haadha warraa biraa fuudhuun ijoollee waliin dhiisee deemun rakkina cimaan ijoolle guddifachu isaan ni yaadatti.

Image copyright Duretti Tadesse

Hojiwwan hojjetaman

''Hanga ammaatti sagantaa kanaan hameessi 144 bituun dubartoota harka qalleeyyii ta'aniif kan kennaman yoo ta'u, isaan keessaayis 66 dhalaniiru.

Isaanuma dhalatan keessaayis, mijuu 'dabaree' marsaa sadiif qophaa'een raadonni 16 dubartoota harka qalleeyyi biroof haaluma aadaa Oromootti dabarfamanii kennamaniirus jetteeti.

Hojjiwwan bu'uraa tarsiimoo dabareen kanaan wal qabatee, rakkoo dubartootaa ni furuu jedhaman kan akka:

  • Leenjii akkaataa kunuunsa loonii irratti marsaa hedduun kennameera
  • Hubannoo qusannaa kenameen hanga ammaatti galii argatan irraa birrii kuma 20 ol qusataniiru.
  • Ibsaa humna aduutiin hojjatu 500 bituun maatii 500 niif kennuun ijoolleen ifichaan barnoota isaanii akka qayyabachuu danda'an taasifameeras jetti.

Akkasumas rakkina fayyaa keessattu dhukkuba dhiitaa miillaa fidu itti toatamu irratti barnoonni yeroo heddu kan kennamee fi ammas akka itti fufuus, Aaddee Dureettiin ni dubbatti.

Image copyright Duretti Tadesse
Goodayyaa suuraa Dhibee dhiita miillaa irratti barmoonni fayyaa ni kennama

Dhaabbata 'Columbus Rotary Club' jedhamu waliin ta'uun boolla bishaanii gadi fagoo qotuun bishaan qulqulluu tajaajila uummataaf kan saaqame yoo ta'u, boolli lama ammo yeroo gabaabaa keessatti tajajilarra akka oolu dubbattee jirti.

Image copyright Dureetti Taddesse

Dhaamsa dubartoota haala walfakkaataa keessa jiraniif:

Dubartoonni biyya keenyaa bakka addaa addaatti argaman rakkoo walfakkaataa akka qaban beekamaadha. Kanaafuu jireenya isaanii hanga tokko wayyeessuuf wantan gorsuu barbaaduu:

  • Aadaa duubatti hafaa akka lagatan: kan akka dhaqna qabaa, buttii fi umurii malee dirqisisuun shamarran heerumsiisu.
  • Ijoollee ofii jabaatanii akka barsiisan: barnoonni ija namaa bana waan ta'eef ijoollee isaanii akka barsiifatan.
  • Qusannaa akka aadaa godhatan: galii argatan irraa hanga tokko ol kaawwachuu aadaa akka godhatan.
  • Mirga ofiif akka dhaabbatan: Mirgaa fi dirqama ofii beekuun kabajuu fi ofis kabajchiisuu akka baran.
  • Aadaa walgargaarsaa fi walii-tumsuutti akka cichan: daboo fi daadoo jabbeessuun akka itti fufaniis nan gorsa jechuun BBC'tti himtee jirti.
Image copyright Dureetti Tadesse
Goodayyaa suuraa Hundeessa dhaabbata HUNDEE jedhamuu Obbo Zagayyee Asfaawuu, Dureetti Tadasaa fi Teerii Kiirk

Akkasuma namoota fiixaan bahiinsa dhaabbata isheetiif gumaachan Obbo Zagayyee Asfaawu hundeessaa HUNDEE ,abbaa warraa isaanii obbo Daani'eel Dafaa fi kanneen isaan waliin hojatan hunda galateefataniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata