Qonnaan bultoonni attamiin akka waldhabdee lafaa furatan

Family in farmyard Image copyright Landmapp
Goodayyaa suuraa Qonnaan bultoonni Afirikaa miliyoona hedduun lafa qabaachuufi dhabuu isaanii mirkaneeffatoo miti

Qonni yeroo baa'yee hojii dadhabsiisaa ta'uu danda'a. Keessattuu, yoo lafti qotamu kan kee ta'uun isaa hin mirkanoofne ta'e ammam akka caalaa rakkisaa ta'u yaadi.

Biyyaa Gaanaatti fakkeenyaaf, qonnaan bultoota %10 qofatu ragaa mirga abbaa qabeenyummaa mul'isu qaba.

Kun haala yaachisaa keessa akka galan taasisuu qofas miti, gara walitti bu'insaattis ni geessa. Lafti kee qabeenya guddaa ati qabdu, kan ittiin liqeeffatu yoo ta'e, liqaa argachuunis rakkisaa ta'uu danda'a.

Kanaaf, kaampaaniin 'Teek Laand Maap' jedhamu kalaqa karaa mobaayiliitiin kaartaa kaasuufi qonnaan bultoota qorachuun bakkeewwan GPS'n agarsiifaman hojiirra oolche.

Qonnaan bultoonni safara lafaatiif ragaa abbaa qabeenyummaa qoratamee, gaggeessaafi manni murtii ol-aanaa itti mallatteesse fudhatu.

"Abbaan qabeenyummaa lafaa amansiisaa ta'uu dhabuun misooma lafaafi qonnaa irratti gufuu guddaadha," jechuun ibsa, warra Laandi maappii hundeessan keessa tokko kan ta'eefi hojjetaa tekinika ol-aanaa Tomaas Vaasen.

Image copyright Landmapp
Goodayyaa suuraa Laanid maappiin lafa qonnaan bultootaa qorannoo dijitaalaa sirrii taasisa

"Ragaan sirriitti qindaa'e yoo hin jiraanne, yaaddoon lafa ofii dhabuun ni danda'ama. Qonnaan bultoota irra caalaaniif ragaan qabeenya qabsiisan ittiin liqeeffatan tokkichi of harkaa qaban waan ta'eef ragaa sirriitti qindaa'e malee maallaqa argachuun hin danda'amu."

Kontiraata milka'aadhaaf

Waldhabdeen qonnaan bultootaafi kaampaanota nyaata omisha qonnaan bulaa bitan gidduuttis uumamuu ni danda'a.

Walii galteen baramaan qonnaan bulaafi kaampaanota nyaataa gidduutti taasifamu wal amantaa guddaa gama-lameerratti hundaa'a. Yeroo baayyee garuu yeroo kampaaninni nyaataa qonnaan bultoonni waadaa galan hin ba'anne jedhanii amanan qonnaan bultoonni kun kaffaltaa kana hin argatan.

Kanaaf Fireeshmaarti omishtootaaf appilikeeshinii mobaayilii kan qonnaan bultootaafi kaampaanota nyaataa kontiraata dijitaala ta'een walii galuu danda'an qopheesseera. Tekinooloojiin sharafa BiCoin deeggera.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Appilikeeshiniin Fireeshmaarti qonnaan bultootaafi warra omisha irra bitan gidduutti waliigalteen milkaa'aa kontiraata dijitaalaa uuma

Appilikeeshiniin kun fakkiiwwan saatalaayitii waltaasisuun haala adeemsa pirojektii qonnaa to'ata. Sassaabbiitti aansuun, gatiin omishaa shallaga seera qabeessa ta'een murtaa'a.

Tekinooloojiin kun faayidaa biraas qaba.

Fireeshmaarti daataa banaarratti hundaa'uun madda omisha gurguramuu sana agarsiisu. Warri bitatan humni daa'immanii akka hin fayyadamne mirkaneeffachuu danda'u. Fakkeenyaaf warri omishan gatii gitaa akka argatan mirkaneeffachuuf gargaara.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Kontiraanni milkaa'aa qonnaan bultoonni akka omishasaaniif gatii sirrii fudhatan mirkaneessuu danda'a

"Waanti nuti qopheessine kun daataa banaa of danda'een (APIs) namni ilaallatu kamiyyu nyaata isaan sooratan attamitti, yoom, eessatti, haala humna attamiitiin fi gatii ammamiit omishamee, qophaa'ee geejjibamee isaaniif akka dhiyaatu qorachuu danda'u," jedha hundeessaan kanaa Oyebiisi.

Rakkoo waliin qooddatan

Tekinooloojii ol-aanaa qofa miti kan qonnaan bultoota gargaaru. Bilbiloonni tekinooloojii gadi aanaa ta'anillee carraa gatii gabaa omishaa, raaga haala qilleensaafi gorsa biroo waggoota dheeraaf ittiin argachaa jiru.

Kampaaniin WiiFaarmi jedhu, qonnaan bultoonni akka gaaffii gaafatan gochuudhaan karaa ergaa gabaabaa tajaajila beekumsa hiriyaan ittiin waljijjiiran hojjeta.

Image copyright WeFarm
Goodayyaa suuraa Tajaajilli ergaa gababaa WiiFaarmi qonnaan bultootaaf qonnaarratti gorsa dhiyeessa

"Qonna keessatti, omisha sirriitti argachuudhaaf qonnaan bulttoota biroorraa beekumsa ni barbaadda," jedhe.

Hanga ammaatti, yoo midhaan omishuurra ykn horii horiisuurra rakkoo qabaatan gargaarsaaf hojjetoota mootumaa qofaarratti hundaa'u ture. Hojjetoonni kun ji'atti takkaa ganda baadiyyaa deemanii daawwachuun dhumaatii horii ykn manca'insa midhaanii anbisuu hin danda'an.

"Tekinooloojiin carraa hedduu fidee jira, rakkoo qonnaa isaanirra jiru, omisha isaaniif gabaa barbaaduuf, ykn rakkoo jijjiirama haala qilleensaa akkaataa ittiin dandamatan dandeessisa," jedha hundeessaafi gaggeessaan WiiFaarmi Kennii Ewaan.

"Jijjiiramni xiqqaa fakkaatu kun jireenya qonnaan bultoota lafa xiqqaarratti omishan irratti jijjiirama guddaa fida."

Qonnaaf maallaqa

Carraa qonnaan bultoonni ittiin tajaajila maallaqaa argachuu danda'an, akkasumas wabii maallaqaa akka qabaatan gochuunis kalaqa tekinikaa dursi kennamuuf qabu, jedha Rooz Bayiirdi ogganaan Vileejji Kaappitaal.

Guutummaa bu'aa qonnaa Afirikaa keessatti qonnaan bultoonni lafa xiqqaarratti omishan miliyoona 33 ta'aniitu %90 bakka gumaachanitti qonnaan bultoonni akka qabeenya horataniifi wabii maallaqaa qabaatan gargaaruun barbaachisaadha, jedhu Obbo Baayiirdi.

Uummanni baadiyyaa Sahaaraa Afirikaa gadi jiran sadii keessaa lama galii guyyaa $1.25 (95p) gadi qabu.

Image copyright WeFarm
Goodayyaa suuraa The majority of people in Africa earn money from farming

"Ismaarti-fooniin bilbilli (harkaa ammayaa) gatiin isaa gadi aanaa ta'e kun carraa tajaajilawwan maallaqaa isaan duraan argachaa hin turre kenneef. Haata'u malee, garuu warreen akka carraa liqaa, qusannoo, invastimantiifi haala madda galii ittiin sirreeffatan yeroo ammaa karoora qonnaan bultoonni yeroo ammaa qaban caalaa gatii jabeessa akka ta'e dubbatu Bayiirdi.

Yoo qonnaan bultoonni tekinooloojii haarawaa kanarraa guutummaatti haa fayyadaman jedhame, Afirikaan bu'uuraaleen misoomaa kan akka interneetii bilisaa barbaaddi jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan