Poolisoonni jiddugala leenjii Somaaliyaa keessatti ajjeefaman

Hidhattoota Al-shabaab Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Al-shabaab mootummaa Somaaliyaa 'UN'n deeggaramu waraanaa jira

Haleellaan boombii nama ergama ofii du'ee ajjeesuu qabuun jiddugala leenjii poolisoota Somaaliyaa, Moqaadiishuu keessatti raawwatame yoo xiqqaate poolisoota 18 ajjeese.

Namoonni biroo 15 ammoo madaa'anii jiru, jedhu qondaaltonni.

Namichi haleellaa kana raawwate miseensa poolisii fakkaatee gara mooraa jiddugala leenjii poolisii Jeneraal Kaahiiyee erga seenee booda kan boombicha dhukaase.

Gareen hidhattoota Al-shabaab haleellaa kana akka raawwate himeera. Gareen kun irra daddeebiin magaalaa Moqadiishuu keessatti haleellaa raawwata.

Namoonni haleellaan kun yoo raawwatu ijaan argan, wayita boombiin kun dhukaafamu sanatti poolisoonni agarsiisa hiriiraaf dirree mooraa sana keessa jiru irratti wal gahanii turan jedhu.

"Wayita namni uffannaa poolisii uffate kun boombii ofitti dhukaasu, poolisoonni tokko tokko hiriiranii turan, kaan ammoo reefu walitti qabamaa jiru." jedha Huseen Alii.

Osoo silaa namtichi poolisoota walitti qabaman gidduu lixeera ta'ee lakkoofsi poolisoota du'anii kana ol ta'uu danda'a ture jedha qondaalli poolisii, Ibraahiim Mohaammad.

Dubbi himaan poolisii biyyatti Meejar Mohammad Huseen, poolisoonni agarsiisa guyyaa poolisii biyyaalessaaf shaakalaa akka turan himaniiru.

Onkoloolessa darbes Al-shabaab haleellaa boombii hoteelaa magaalattii tokko irratti raawwateen namoota 20 ol ajjesee ture.

Haa ta'u malee haleellaa boombii konkolaataa fe'umsaa irratti baatiidhuma sana keessa raawwatame kan lubbuu lammiilee biyyattii 500 ol galaafate keessaa harka hin qabu jedhe.

Loltoonni Gamtaa Afriikaa 22,000 ol mootummaan Somaaliyaa biyyattii to'annaa hidhattoota kanaa jalaa baasuuf deeggarsa gochaa jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata