Hawaasni atileetiksiifi maatiin ishee waa'ee atileet Zinnaash Gazmuu maal jedhu?

Zinnaash Gazmuu osoo fiigaa jirtuu
Goodayyaa suuraa Atileet Zinnaash Gazmuu Maaraatoonii Senaar biyya Faransaay si'a sadiif injifatteetti

Sirni awwaalcha atileetii Itoophiyaa kan torban lamaan dura Faransaay keessatti ajjeefamte, lafa dhalootashee Arsii Oromiyaatti har'a waaree booda raawwatame.

Zinaash Gazmuu kan Itoophiyaarraa baqatte Faransaayi manashee keessatti ajjeefamte. Wayita miidhamaan irra gaheettis gargaarsaaf waammachaa akka turte miidiyaaleen gabaasaniiru.

Maddi dhimmi kana qoratutti dhiyaatu tokko AFP'tti akka himetti, namni gocha ajjeechaa kana raawwatees kan maraatoonii fiiguudhaaf gara Faransaayi deemeedha.

IAAF'n ibsa gaafa Kibxata Sadaasa 28 baaseen, du'a umurii malee lammii Itoophiyaa fiigicha dheeraa fiigdu Zinaash Gazmuu kanatti gaddi cimaan akka itti dhagahame ibseera.

Isheen eenyu turtee?

Waa'ee atileetii fiigicha fageenya dheeraa kanaa odeeffannoo xiqqootu jira. Umurii waggaa 27 kan taate Zinnaash atileetikisii fageenya gara garaa fiigdee jirti.

Akka leenjisaa ishee duraanii Intendentii Ol-aanaa Huseen Shibootti, Kilabii Atileetiksii Mana Sirreessaa Federaalaatti A.L.I bara 2000'tti makamte. Yeroo achi jirtuttis Maraatoonii Yaadannoo Atileetii beekamaa Abbabaa Biqilaa bara 2001 A. L.I mo'atte jirti.

Kunis tarii dorgommii sadarkaa ol-aanaa Itoophiyaa keessatti taasifte ta'a. Yeroo Itoophiyaa turte maaraatooniin ala dorgommiiwwan adda addaa irratti hirmaataa turteetti.

Egaa boodarra dorgommiidhaaf gara Awurooppaa deemtee kolu galtummaa gaafatte.

Faransaayitti, Kilabii Atileetiksii 'Neuilly sur Marne' jedhamutti hanga Kilabii Atileetiksii 'Stade Francais' seentutti dorgommiiwwan idila-addunyaa hedduu irratti hirmaattee jirti.

Zinnaash Maraatoonii Senaar (Marathon de Senart ) si'a sadii mo'achuun beekamti. Qabxiin ol-aanaa isheen jireenya ishee keessatti maaraatooniin galmeessites 2:32:48 bara darbe Amestardaamitti yeroo ja'affaa baatee xumurtedha.

Baroota dhiyoo keessattis fiigicha kiloo meetira 10, maraatoonii walakkaafi qaxxaamura biyyaa Faransaay keessatti mo'atteetti.

Akka namoonni ishee beekan dubbatanitti, hoteela Faransaay keessa jiru tokko keessa hojii qulqulleessuu hojjechaa shaakala atileetiksiis ni taasifti.

Baqattuu taatee hojii akkanaa hojjechuun ishee kunis obboleessa ishee atileet Dajanee UK keessa jiraatuuf akka cimina guddaatti ilaalama ture.

''Isheen haadha keenya turte''

Akka namoota ishee waliin jiraataniifi ishee beekaniitti, ishee dhabuun miidhaa guddaadha.

Leenjisaan ishee kan jalqaba dirreerratti ishee bare akkas jedha, "Naamuusa gaarii qabdi. Intala qonnaan bulaa kan taateefi rakkoo jireenyaa Finfinneetti dabarsite turte. Tajaajila bakka konkolaataa dhaabachiisanii (parking) kennaa turte."

Atileetiin ishee beektu Mastaawut Tufaa akkas jetti: "Baayyee nama jaallatti ture. Maatiishee baayyee gargaarti ture. Du'a isheetti baayyeen gadde."

Namoonni hedduun BBC'n waa'ee ishee gaafatees gaarummaa ishee dubbatu. Mudannoon akkasii kun miseensota maatiisheetiif gadda guddaadha.

Obboleessi quxisuushee Dajanee Gazmuu akka jedhutti, isheen adda durummaan kan maatii gargaartudha. "Hanga dandeessuun olitti gargaarti. Maatii qofa osoo hin taane godaantotaa fi atileetota biroo gargaaruutiin beekamti."

"Erga isheen as geessee (gargaaruu eegalte as), maatiin keenya miidhan qotanillee gurguruu dhiisaniiru. Isheen hiiroo mana keenyaati. Karoora guddaa qabdi ture garuu ganamaan dhabamte. Baayyee gaddisiisaadha," jedheera.

Innumtilleen bakka amma jiru kana gahuu kan danda'e gargaarsasheetiin akka ta'e dubbata. Akka maatiin isheefi waarri ishee waliin hojjetan jedhanitti, Zinnaash maatiishee qofa osoo hin taane, baqattoota hedduufi atileetotallee gargaaraa turte.

Lammiin Itiyoophiyaa biroos Beeljiyeemirraa baqqatoota gargaaruusheetiin beekamtuu akka taate dhugaa ba'a.

Leenjisaan ishee kan kilaba haarawaa 'Frederic Belouze' bakka kabaja sirna amantaa bataskaana Saint-Vincent-de-Paul'tti Paariis argaman akkas jechuun 'Leparisien'tti, "Isheen obboleettii keenyadha. Hedduu isaaniif ammo intalasaaniiti. Baayyee ishee jaallanna ture," dubbatan.

Obboleessi ishee angafti Ballaxxaa jedhamu akka isheen dhakaadhaan rukkutamtetti waan itti himameef maatiinshee torban lamaa booda hanga gaafa Kibxata darbe itti himameetti hin barre ture. Kun isaaniif gadda guddaadha.

"Ani gaddeera. Isheen obboleettiikoo qofaa miti. Haadha keenyadha. Isheen maatiishee akka dhalaatti osoo hin taane akka haadhatti gargaarti ture."

Obboleessishee quxisuun akka jedhutti, obboleettiin isaanii kan biraan isheen atileetiksiitin gargaartee baafte Dirribee Gazmuu erga Zinnaash ajjeefamte jedhanii miidiyaalee hawaasummaarratti odeeffamee torban tokkoo booda walakkaa Maaraatoonii Idil-addunyaa Pune irratti hirmaatteetti.

Kunis obboleessishee oduun miidiyaalee hawwaasaa sun soba waan ittiin jedheef ture.

Gadda tasa dhalate

Namicha Ertiraa ajjeechaa atileetii kanaa raawwachuu amanu isaa kan dubbatame yoo ta'u, maaliif gocha kana akka raawwate garuu wanti barame hin jiruu. Gabaasawwan miidiyaa namichi lammii Ertiraatii jedhanillee, kuun garuu lakkii kan ajjeesse lammii Itoophiyaatii jedhu.

Akka Gizaachoo Bushuu, Imbaasii Itoophiyaa Faransaay argamutti Gaggeessaan Dhimma Diyaasporaafi Qonitsilaa, Imbaasichi dhimmicha hordofaa waan jiruuf akkuma poolisiin gabaasa isaaniin ga'een ifa goona jedhaniiru.

Obboleessi ishee garuu waan isheen osoo maqaa hin dha'iin itti himte ni yaadata ture.

Innis namni ta'e namoota koluu galtummaa gaafatan sobee maallaqa guddaa akka kaffalaniif gaafatu irratti waan barteef ishee sodaachisaa akka turedha.

Maatiin Zinnaash ijoollee saddeet qaban keessaa sadaffaa dhalatte. Bultiillee akka hin ijaarranne maatiin ishee dubbatu.

Reeffi atileet ijoollummaan lubbuu dhabde kaleessa galgala buufata xiyyaaraa Boole gahu atileetonni kanneen akka , Daraartuu, Ibraahiim, Mastaawut, Silashii, Maarqoos, akkasumas atileetonnii fi leenjistoonni kaan argamaniiru.

Sirni awwaalcha Atileeti Zinnaash Gazmuu bakka dhalootashee magaalaa Xijjoo bataskaana Igzaaber Aabitti har'a raawwateera. Atileetonnii, leenjistoonnii, firaafi namoonni ishee beekan argamani ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan