Har'a guyyaan godaantota addunyaa yaadatame oola

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dhaabbanni Godaantotaa Idiladdunyaa (IMO) Libiyaatti garbummaan akka jiru odeeffannoo sassaabeera jedha

Addunyaarra namoonni sababii adda addaatiif eddoodhaa eddootti ni godaanu. Kuun sababii siyaasaa, dhabiinsa tasgabbii fi dhiibbaa jijirama qilleensaatiin, kaan ammoo sababii jireenya gaarii barbaachaatiin biyyaa gara biyyaa adeemu.

Bara kana keessa garuu baqattuummaan kan baayyate fakkaata.

Kanaaf fakaatas dhaabbanni motummoota gamtomanii 'Unite Nations' bara 2000 irraa keesse Muddee 18 akka guyyaa baqattootaatti yaadatamu kan murteesse.

Guyyichis baayyina lakkoofsa baqattoota addunyaa dabalaa dhufeen walqabatee, dhaabbata motummoota gamtoomaniin kan murtaa'eedha.

Yaadannoo guyyaa bara kanaatiifis hundi keenyaa dhimma baqattootaa irratti hojachuu waadaa haa galu jechuun ture barreessaa Mummeen dhaabbatichaa ergaa kan dabarsan.

Guyyaa baqattoota addunyaa yoo yaadannu, gumaataa fi barbaachisummaa baqattooota addunyaa million 258 'tiif beekumsa ni kennina, jedhaniiru Barreessichi Antoniyii Guteraa ergaa guyyicha ilaalchisuun dabarsaniin.

Itti aansuunis baqattoonni bakka hundattuu bu'aalee dinagdee, hawaasaa fi aadaa buusaa jiraachusaanii ragaan ni mul'isu. Haa ta'u malee, addunyaa irratti jibbi baqattoota dabalaa jira. Baqattootaaf gadduun gonkumaa muddaa ta'ee hinbeekus jedhaniiru.

Jechuma kana kan dhugomsu, baqattoonni afriikaa kumaatamaan lakkaa'aman osoo ardii isaanii keessaa hinbahiin daldala garbumaatiif saaxilamaa jiraachuun kan dhagahamees baruma kana keessa ture.

Irra caalaan balaa baqattummaa kanaaf saaxilamaa kan jiranis Itoophiyaa dabalatee lammiilee biyyoota afriikaati.

''Dhimma baqatummaa kana to'achuuf qondomina addunyaa sirriitu barbaachisa kan jedhan barreessichi, yoo akkas ta'ee malee haala ajandaa misooma walitti fuufaa 2030'tti mirga namoomaa kamiyyuu kabachiisuun hin danda'amus'', jedhaniiru.

Waa'eedhuma jireenya baqatummaa kana ilaalchisee dhiheenya kana seenaa dargaggoota Oromoo lama isiin dubbisiisuun keenya ni yaadatama.

Har'as guyyaa baqattoota addunyaa kana sababeefachuun barreefama BBC Afaan Oromoo Haaruun Ahimad waliin taasisee ture irra deebiin akka dubbiftan isiin affeerre jirra.

Haaruun Ahimad Image copyright Harun Ahmed

Haaruun Ahimad dargaggoota kumaatama biyya itti dhalatan Itoophiyaa irraa Sahaaraa qaxxaamuruun gara Liibiyaatti - achii gara Awurooppaatti baqatan keessaa isa tokko.

Dargaggeessi ganna 27 fi wayita ammaa biyya Jarmanii jiraatu Haaruun, osoo achi hin gahiin akkamiin yeroo sadi akka gurgurame, reebichaa fi dararaa irra gahe BBC'tti himee jira.

Seenaan isaa kunooti.

Godina Baalee aanaa Agaarfaatti dhaladhee guddadhe. Kanan biyyaa bahe bara 2013 ture, akkuman biyyaa baheen gara Sudaanittan imale.

Sudaan waggaa tokkoof baatilee muraasa ergan turee booda, namoota kaan waliin dallaalaaf doolaara dhibba jaha mata mataatti kaffallee Sudaan irraa kaane.

Hanga daangaa Liibiyaa, Masirii fi Chaad, bakka itti namoota wal jijjiiraniitti guyyaa jaha deemne.

Konkolaataa tokko nama 98 taanetu yaabbanne.

Sahaaraa keessatti warra karaarra dhaabatee meesha ati qabattee deemtu si sakatta'utu jira. Kan qarshii qabu, kan warqii qabu mara ni saaman.

Nyaata kan qabannee baanee waan qabnuuf fayyadamaadhuma turre garuu dhiphiina guddaatu ture, namni walirra taa'a, aduun isaas hamaa ture.

'Kan ilmaan namaa hin fakkaanne'

Akka kanaan Sudaanii baanee daangaa bakka itti nama wal jijjiiran yoo geenyu shiftaan nu butte. Warra Liibiyaa nu fuudhuu dhufanis nus nu qabanii nuun kutan gara Chaad.

Guyyaa lama Sahaaraa keessa nuun deemanii bakka kaampii isaaniitti nu geessan. Warri kuni meeshaallee ni qabanii, afaan arabaas afaan biroos ni dubbatu, warruma Sahaaraati shiftaa dha.

Sana booda konkolaataa fidanii warri doolaara kuma 4 kafaltan qofti koraa, warri kaan asumatti hafaa nuun jedhan.

Sahaaraa keessa, bitaa mirga waa takka hin agartu. Amma waluma mari'annee bakka fedhaniin nu haa deeman jennee, ni kafalla jennee konkolaataa korre.

Ammas Sahaaraa guyyaa sadii erga deemnee booda kaampii bakka itti nama gurguratan geenye. Nyaataa waan of harkaa fixneef, bishaan kubbaayyaa takka takka waliin gahaatuma achi geenye.

Bakka itti nu gurguratan gaafa geenyu, warri Sahaaraa nu qabee dhufe jara achiitti nu gurguratee isaan kaampii waan qabaniif, nama biraa barbaaddatuu of duuba deebi'an.

Achi ilmaan Sumaalee kan ji'a shan ji'a jaha achi taa'etu jira; kan ilmaan namaa hin fakkaanne. Warri shiftaa irraa nu bite sun doolaara kuma afur afuriin isin binne qarshii kana kafaltan malee asii hin baatan nuun jedhan.

Achitti bishaan ho'aa gaaza itti naqanii sitti kennan, akka garaan si gubatee daftee maallaqa kafaltu. Nyaata guyyatti al takka si dhamdhamsiisan. Sanirraan kan hafe halkan halkan si tuman.

'Tun Kaleeyyuu hin qabdu'

Kan waliin achi turre Somalee fi Eertiraalleen ni jiru, jarri dalaallallee waan qabaniif qarshii san kafalanii bahan. Ilmaan Oromoo achi turre nama 32, nuyi silkiin illee nuu bahuu diddee, qarshiis waan dhabneef ji'a lamaafi guyyaa 20 achi turre.

San booda isin nama maallaqa kafaluu miti isin gurguranna jedhanii gabaa biraa nutti yaaman. Nuyi ji'a lamaa ol waa hin nyaanne, namni foon hin qabu lafeetti waan deebii'eef, warri bitu hin barbaannu tuni kaleeyyuu hin qabdu jedhee nu dide.

Achii booda namni biraa magaalaa Liibiyaa Sabaa jedhamturraa dhufe, konkolaataa dhaabee anatu isin bitaa doolaara kuma sadi sadiin sin bita nuun jedhe. Achi turuu caalaa wanti hammaatu hin jiru jennee konkolaataa isaa korre. Achitti nama hedduutu nu biraa du'e, namni bakkuma ciisetti hafa.

Guyyaa afur erga nuun deemee booda magaalaa Sabaa nu galche. Sabaa sana keessatti waan ilma namaa irra hin geenyetu nurra gahe.

Feestaala fuulatti nu hidhanii harka duubatti nu hidhanii hanga hafuura baafachuu dadhabnuutti nu tuman. Barmeelatti bishaan guutanii harka duubatti nu hidhanii ol fuudhanii keessa nu buusan. Uffata nurraa baasanii shiboon dugda keessa nu tuman.

Akka kanaan ji'a tokkof osoo nu tumanii, silkiis maatiitti bilbillee, kan maallaqa argates walitti boonyee doolaara kuma sadi sadi sana kafallee achii baane.

Achii baanee gaafa jennu akkasuma tokko ammo qabee magaazanatti nu naqee kuma tokko tokko kafaltan malee hin baatan nuun jedhe. Achittis akuma duraatitti nu tuman, albee qabatanii albeen nu eegan.

Achii booda kuma takka sanallee akkasuma ijoolleetti boonyeetuma, maatiinillee lafas waan qabu mara gurguree qarshii nuuf erganii kafallee achii baane.

'Baqattummaa'

San booda magaalaa Tiraabiloos jedhamtu galle. Sun magaalaan xiqqoo fooyyee ni qabdii, bakka baqattoonni itti galtu takkatu jiraa, achi gallee waa daddalaganneetuma sana booda bahaara ofuma kafalannee ceene.

Bahara irra wayita deemtullee yoo si qaban mana hidhaa si geessanii, achii abbaan qabeenyaa dhibba shaniinillee taatu poolisoota irraa si bitata.

Bahara irraan Italii galee, achii booda Jarmanii gale. Amma erga Jarman galee waggaa lama. Waraqaallee argadhee. Galata rabbi akka gaariitti jira garuu wantin keessa darbe daran na gaddisiisa.

Image copyright Harun Ahmed

Yoo dhugaa dubbanne ani biyyaa kanan bahe, qabeenya illee dhabee osoo hin taane sammuuma dhabiinsatu na baase.

Barannus bakka tana gahuu ni dandeenyaa. Osoo dalagannees bakka tana gahuu ni dandeenyaa garuu yeroo sana namni deddeeme jedhaniituma, siyaasi biyyaalleen mataa akka ol qabattu sin godhu, cinqamatu biyyaa na baase.

Ijoollee waliin turre keessa tokko achitti awwaalle, lama magaalaa Sabaatti gargar baane lubbuun jiraachuu isaanii hin beeku. Mucattii takka bishaantu nyaatee. Kaawwan inuma quba wal-qabna.

Odeessa kana irratti dabalata