Osoo muganuu konkolaachisuun danda'ama laata?

Jackie in car

Osoo muganuu yoo deemamuu balaan bishaanii, daandiin muddamaa ta'e ykn waanti foxxoqu dhiyeenyatti yoo jiraate balaan nama mudatu jiraatu danda'a.

Osoo rafanii hirriba keessa ta'anii konkolaachisuun garuu kana caalaa balaa sadarkaa olaanaatiif nama saaxiluu danda'a.

Maamiltoota wallaansa kennan keessaa Jaakii, kan hirriba keessa taatee konkolaataa gosa garaa garaa konkolaachiftu kaasee ibsa Gorsaan Ogeessa Narvii Gaay Leshuzinar waan dubbatan qabu.

Jaakiin Kanaadaarraa gara UK akkuma dhufteen, dubartii maanguddoo tokko waliin jiraachuu eegalte.

"Ganama gaaf tokkoo 'Eda eessa deemtee turte? jettee na gaafatte'" jetti Jaakiin.

Jaakiin eesayyu hin deemne jette.

Dubartiin mana kireessiteef sun, "Motora/doqdoqqee keetiin deemtee turte," jetteen.

Jaakiin baayyee rifatte. Achumaan yoo helmeetii/aguuggii mataa uffatteetti ta'e gaafatte.

"Eyyeen, darbiiiirraa gadi buutee helmeetii kee fudhattee baate, achumaan naannoo daqiiqaa 20 deemtee," ittiin jette kireessituunshee kun.

Jaakiin ifa ji'aa sanaan oofuushaa hin yaadatu sababiinsaas yeroo sana rafaa turte. Mallattoon biraa akka isheen baatee motora oofaa turtee deebite mul'atu hin jiru.

Sababiinsaas motora sana bakkuma duraan ture sanatti deebistee waan dhaabdeef.

Image copyright Getty Images

Yeroo ijoollummaa Kanaadaa keessatti, Jaakiin garee Browine keessatti intala baayye beekamtuu hin turre.

"Halkan hirriba koorraa ka'een gara laga bishaaniitti deemee beeka. Akkan osoo namni na hin qaqqabiin boson hin seennes qabanii manatti na deebisan."

Jaakiin osoo gara kan hin dhufiin duras hirriba keessa osoo jirtuu rafti.

"Ka'ee darbiirraa gadi bu'een gara laawonjii deemuudhaan karra bakka maatiin koo jiran baneen dhaabadha, " jetti.

"Haadha koo baayyee sodaachisa ture, abbaan koo garuu arka koo qabee ol na deebisee sireekoorraan na ga'ee deeba."

Amalli akkasii kun yeroo ijoollummaa baramaa ture.

Amaloonni kana fakkaatan biroon kan akka osoo rafanii odeessuu, osoo rafanii nyaachuufi alkan wareeruun- yeroo daa'imni doorsifamtu, iyyituufi akka addaatti caraantu garuu maaltu akka ta'e hin yaadanes turan . Kun maatiidhaaf baayyee sodaachisaadha.

Jaakiin muuxannoo hirriba irra ta'anii motora offuu kana furtuu kireessituu manasheetti kennuudhaan adda baafatte. Akkas gochuudhaanis rakkoon sun akka furame dubbatti.

Waggoota dheeraan booda, amma yeroo Siifoordi Biraayiten cinaa jiraattu, saatii 01:30 ykn 02:00 manasheetii baatee yeroo deemtu ollaan ishee barii sana eessa akka deemtu gaafatu. Isheenis akka raftu itti himte.

"Isaanis, 'lakki, lakki, yeroo nuti dhufaa turretti ati oofaa turte.' Anis, 'Ani kana hin beeku…' Akkuman motora oofaa ture, ammas konokolaataan oofa."

Ammallee, Jaakiin konkolaataa ishee bakkuma duraan dhaabde deebistee dhaabbbatti. Mallattoon tokkollee akka alkan kaatee deemtu kan agarsiisu tokkollee hin jiru.

Alkan hirribaa kaatee konkolaataa oofuun ishee waan haaraa miti. Osoo raftuu motora oofuun waggoota dheeraa dura ta'e, yeroo dhiyootti ammoo alkan walakkaa osoo doonii imalaa imaluu eegalte.

Yeroo kanatti balaa ittisuudhaaf furtuushee miseensota keessumsiisanitti galgala kennitee isaan ammoo itti cufanii bariisaa deebisuuf. Ganama osoo saatiin hin ga'iin Siifoordi keessatti osoo daandii ittiin koranirra deemtuu argamte.

Osoo raftuu magaalaa keessa oofuun ishee isheefi warra kaan waan balaadhaaf saaxiluu danda'uuf baayyee ishee yaaddesseera. Yeroo kanatti kan gorsaaf dokorashee gaafatte.

Amala walxaxaa, irriba gadi fagoo ta'e kana keessatti uumamu kana maaltu bira ga'a?

Qorannoon osoo rafanii deemuurratti taasifaman akka mullisanitti qaamni sammuu agartuu, sochiifi miira to'atu dammaqaa fakkaata, qaamni sammuu hojii yaadachuu, murtee kennuufi qajeelaatti yaaduu hirriba gadi fagoo keessa ta'uu danda'a.

Argannoon kun amma tokko namoonni maaliif hirriba keessa ta'anii akka dammaqoo fakkaatan iji isaanii banamee, dubbachuuf hojiiwwan ciccimaa akka motora oofuu hojjetaniifi waan hojjetan yaadachuu hin dandeenye agarsiisa.

Akka dhimma hirribaa biroo waliin walqabatu kunis sanyii waliin walqabachuu danda'a.

Maamiltoonni na biratti Hospitaala Gaay Wiirtuu Jeeqamuu Hirribaa keessatti wallaansa argatan keessaa gabaasni seenaan cimaan maatiin 'non-REM parasomnias' irratti akkasumas xiinxalli salphaanis sanyii kanaan walqabatu adda baaseen agarsiiseera.

Jaakiin dhumarratti ofiimashee Hospitaala Gaay dhiiste, karaa ofiisheetiin ittiin rakkoo kana to'attu garuu ni hojjetti.

Yaalii isheen jalqabarra taasifte kan akka siibiila sagalee qabu karra irratti hidhachuun hin milkoofne- abbaan warraa Jaakiis, Iidi, nama hirriba jaallatu wan ta'eef hirriba keessaa hin dammaqu.

Sibiila sagalee qabu sana caalaa fayyadamuun ammoo ollaa hunda hirribarraa jeeqa.

Kanaaf, Jaakiin mala waanta saatii eegee cufutti fayyadamuu kalaqatte. Yeroo hundaa galgalgala, furtuuwwan ishee achi keessa keewwatti eegduun kunis hanga 06:00 tti hin banu. Yeroo rakkoon jiraates meeshaa kana ollaa bira keessi.

Malli kun akka alkan walakkaa mana isheetii baatee hin deemne ykn hin oofne dhowwuudhaan hojjeteef.

Yeroo baayyee, amala akkasii agarsiisuun akka sirrii hin taaneefi nama qaanessuutti ilaalama.

Namoonni baayyeen halkan walakkaa hirriba keessaa namatti bilbiluu ykn ergaa namatti barrreessuu, osoo wayyaa sirriitti hin uffatiin bakkee deemaa of arguu, ykn rafaa osoo jiranii nyaata qopheessu.

"Ani nama alkan yeroo hundaa ka'ee faaruu alaabaa faarfatee deebiyaa rafu nan beeka," jedha Prof Meyiir Kiryiger, Yunvarsiitiirraa.

Namoota tokko tokkoof garuu, 'non-REM parasomnias' baayyaa hamaa ta'a. Darbee darbees balaa hamaa qabsiisa.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Lammii Jarman osoo rafuu 'tuba' taphachaa adeemu, gaazexaa Xaaliyaanii (1932) irraa kan fudhatame

"Namni amala akkasii qabu yeroo konkolaataa seeenu ni yaaddofna, namni akkas yoo diida keessa adeemuu jalqabeefi meeshaa kan akka billaafaa fayyadame baayyee hamaa ta'a," jedhu Kiryigeer.

Haala hirriba gaarii ittiin rafan fayyeeffachuufi wantoota hirriba keessaa nama jeeqanitti fala barbaadachuun foyyeefachuun ni danda'ama.

Yeroo baayyee, rakkoo baayyee hamaa ta'eef wallaansi fayyaa barbaachisaadha. Akkuma Jaakii kana kalaqi isheen rakkoo ishee furachuuf argatte kun, furtuu saatii eegee banu, jijjiirama guddaa fida.

Isin rakkoon kana fakkaatu isin mudatee beekaa? Muuxannoo attamii qabdu?

Odeessa kana irratti dabalata