Mariin faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu irratti mari'achuuf waamame hafe

Madda suuraa, Getty Images
Mariin dhimma faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa argatuu malu irratti koreen dhaabbii dhimma seeraa fi dhimma misooma magaalaa mana maree bakka bu'oota ummataan waamamee ture hafee jira.
Miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa kan ta'an Obbo Araggaa Suufaa BBC'tti akka himanitti, mariin kun kan hafe miseensonni naannoo Oromiyaa bakka bu'uun mana maree bakka bu'oota ummataa keessa jiraniifi namoonni dhimmichi na ilaallata jedhanii walgahii kana irratti argaman mormii dhageessisaniini.
Labsiin dhimma faayidaa addaa kun bara 2009 wayita mana mareef dhiyaatu, dursa bal'inaan abbaan dhimmaa kan ta'e ummanni Oromoo akka irratti mari'atu kallattii jedhutu ka'amee akka ture kan yaadatan Obbo Araggaan, ammas gaaffiilee hirmaattonni marichaa kaasaniin dhimmichi yeroo biraaf akka darbu murtaa'eera jedhu.
Gaaffileen hirmaattonni kaasanis, "ummanni keenya buqqa'ee jira. Ijoolleen beelaan harkatti rakkataa jirtii. Kuun dhumaa jira waan ta'eef sammuu tasgabbaa'een yeroo fudhannee ilaaluu qabna. Ammatti wanti nama ariifachiisu hin jiru," kan jedhu ta'uu dubbatu.
Manni guutuun ejjennoo kanaan waan mormeef koreen marii kana waamees marichi yeroo biraaf akka darbu murteesseera, jedhu Obbo Araggaan.
Marii kana hogganuuf Bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi kan biraa irraa qondaaltonni kan argaman yoo ta'u, aangawoonni mootummaa naannoo Oromiyaa bakka bu'uun marii kana hogganuuf dhufan hin turre jedhu.
Ajjeechaa raayyaan ittisa biyyaa Muddee 11 Calanqootti raawwate dabalatee rakkoolee nageenyaa biyyattii keessatti mul'achaa jiran irratti Ministirri Muummee biyyattii ibsa akka kennan gaaffii dhiyaateen booda manni marichaa hojiirra hin turre kan jedhan Obbo Araggaan mariin kun waamamuu isaa miidiyaa irraa akka dhagahaan dubbatu.
Dhimmoonni gurguddoo mariin kun akka hafu taasisan lama kan jedhan miseensi mana maree biraa BBC'n dubbise obbo Andaarsaa Magarsaa dha.
Akka isaan jedhanitti tokko ummanni dursee irratti mari'achuu dhabuu akkasumas ammatti dhimmoonni ariifachiisoo biroo jiraachuun isaanii mariin har'atti waamame akka hafu taasisaniiru.
Kanaaf koree irraa akka deebiitti kan kenname, marii kana booda ummata mariisisuu wanti dhorku hin jiru kan jedhu ta'us mormiin cimaa waan ka'eef marichi guyyaa hin murtoofneef dheerachuu isaa dubbatu.
Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa wayita ammaa kanatti dhimmi dantaa addaa Finfinnee dhimma mootummaan naannicha dursa kennuuf miti jechuun fuula fesbuukii isaanii irratti barreessanii turan.