Biyyoota kamtu ammayyu Kooriyaa Kaabaa waliin qunnamtii qabaa?

Kiim Joong-un bakka hiriira loltootaatti Image copyright Getty Images

Koriyaan Kaabaa gutummaa guutuutti adduunyaa biroo irraa kan qofaatti loogiifamte fakkeefamtuus, dhugaansaa garuu hidhata diploomaasii biyyoota 50 olii wajjin akka qabduudha.

Biyyoonni kuun eenyuu, walitti dhufeenyi fi hidhanni isaaniis hagami?

Kooriyaan Kaabaa haali qollifannaa adduunyaan irra gahaa jiru guyyaa guyyaatti guddataa jira.

Haaluma ifatti irra gahaa jiru kanaa bifa wal hinfakkaanneen ammoo, hidhanni diplomaasii ishee babal'achaa jira.

Erga Kooriyaan Kaabaa bara 1948 akka biyyaatti uumamte as, biyyoota 150 waliin hidhata diplomaasii kan hundeesite wayita ta'u, hanga ammaatti embaasootaafi qoonsiloota 55 biyyoota 48 keessa qabdi.

Akkasumas lakkoobsi tufatamuu hindanda'amne kan biyyoota 25 ta'an - Inglizii, jarmanii fi Swiidinii dabalatee hojjetoota diploomaasii Kooriyaa Kaaba keessaa qabu.

Biyyoota koministii kan ollaa ishee ta'an Chaayina fi Raashiyaan ammoo erga biyyattiin Demokraatoftu Repoblika Kooriyaa Kaabaa jedhamtu ifatti hundooftee booda turuun gara boodanaa hidhata diplomaasii biyyoota uuman keessaa warra tokko.

Wayita ammaatti Ameerikaan biyyoonni adduunyaa marti Pyoongyaang waliin diplomaasii isaanii akka hammeessan dhiibba godhaa jirti. Mootummoota Gamtooman keessatti bakka bu'a Ameerikaa kan ta'aan Niikii Haaleey ''biyyoonni hidhata qaban hunda biyyatti Kooriyaa Kaabaa waliin akka kutan'' gaafachaa jiru.

Biyyoota tarkaanfii kana fudhatan jedhamanii eegaman keessa Ispeen, Kuweet, Peeruu, Meksikoo, Xaliyaanii fi Burmaa jedhamuun kan beekamtu Myaanmaar ji'ootan muraasa darban keessaa ambaasadarootaa fi hojjetoota diplomaasii isaanii hunda baasaniiru.

Portugaal, Yugaandaa, Singaapoor, biyyoota Arabaa Emireet Gamtoomanii fi Filipiins hidhataa fi walitti dhufeenya qaban hundaa addan kutaniiru.

Haa ta'u malee Kooriyaan Kaabaa biyyoota hidhata diplomaasii keessa qabduu fi - kanneen biyya ishee keessaa wajjira qabaniis - hojii isaanii itti fufu.

Biyyoonni tokko tokkos hidhata waliin qaban daran kan cimsan fakkaata; pyaangyaang biyyoonni ardii Afriikaa hanga tokko waliin projektii ijaarsaa irratti tumsa gochuuf akkasumas anisaa fi qonnaa irrattis warra biroo waliin haasa qabatte jirti.

Ta'us hidhanni diplomaasii biyyoonni Kooriyaa Kaabaa waliin qaban guddo hubamee jira.

Biyyoota 35 miseensoota Dhaabatta Tumsaa Dinagdee fi Misooma - dhaabbata idla adduunyaa kan biyyoota dinagdeen gurguddoo ta'an of keessa qabu keessa - biyyoota Ja'a qofatu hanga yoonaatti hidhata diplomaasii isaanii Pyoongyaang waliin tursaniiru.

Ameerikaan, Jaapaaniifi Kooriyaan kibbaa takkaayyu Kooriyaa Kaabaa waliin walitti dhuufeenya diplomaasii uumanii hinbeekan.

Kana jechuun Ameerikaa fi biyyoonni michuwwan ishee Eshiyaa keessa jiran odeefanno muraasa Pyoongyoon keessa bahan kan argatan biyyoota biroo kan akka Jarmanii, Inglizii fi Swiiden irratti irkachuun ture.

Biyyoonni kun biyya Kooriyaa Kaabaa keessaa hojjetoota diplomaasii qaban gara biyyaatti akka deebi'aniif ammayyu kan hinwaamin wayita ta'u wajjira biyyatti kan biyya isaanii keessa jirus hincufsiifne.

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Kooriyaan Kaabaa yaalii misaayila ishee chaappaa itti godhuun ayyaanefateetti.

Koriyaan Kaabaa ergaa walitti dhufeenya Eshiyaa, Awurooppaa fi Giddu Galeessa Afriikaa keessatti qabdu biyyattiif galii seeraan akkasumas seeraan alatti argamsiisu irrattis ta'e babal'achaa dhufuun uggurra Mootummoota Gamtoomanii fi biyyoota giddu hambisuu irratti shoora gudda qaba.

Embaasonni kunneen irra caalaan mataa isaanii danda'anii kan hojjetu, akkasumas galii isaanii hojii seeraa alaa bal'inaan hojjechuun ta'usaas ni dubbatama.

Biyyoonni Awurooppaa , embaasonni Kooriyaan Kaabaa biyya isaanii keessa jiran seeraan alatti embaasoota isaanii kanneen hnga tokko hiranii akka kiraa kennaa jiru jechuun mufi isaanii dubbatu.

Biyyatti michuu Pyoongyaang taate Paakistaan keessatti hojiin saamichaa mana jireenyaa diplomaatii tokko keessatti geggeefamaa ture bal'inaan dhugaatii alkoolii walfakkeessanii dhiheessurratti boba'ee hin oolle jedhae shakkama.

Hojjettoonni dhabbilee nageenyaa kallatti lachuun jiranis guddoo wal shakku.

Kanaafu diploomatonni ni to'atamu akkasumas bakki deemuu danda'anis murta'aadha.

Koriyaan Kaabaas diplomaatoota mataa ishee ganuu ni danda'u yaada jedhuun ni basaasti.

Rakkooleen kun akkuma jiranitti ta'anii, gaafiin jiru egaa diplomaasiin kun maaliif fayyada kan jedhudha?

Biyyoota koministii kan akka Kuubaa, Venuzuweellaa fi laa'osiif, walitti dhufeenyi jiruu irra caalaa kan inni irra dhaabbatu ilaalcha walfakkaata qabaachuu isaanii irratti.

Garu bara kana keessa hidhanni diplomaasii irra caalaa jibba Ameerikaaf qaban irratti malee ilaalcha walfakkaata miti - akkuma Siriyaa fi Iraan.

Biyyoota dhihaa keessa Kooriyaa Kaabaa keessatti kan hafte Jarmaniin, toora diploomaasii biyyatti waliin banaa godhanii tursuun gatii qaba, sababni isaas diplomaasiin rakko Kooriyaaf furmaata cimaadha jette amanti.

Ambaasadarri Inglizii duraanis, biyyatti keessaatti embaasii qabaachuun gatii guddaa qaba, baasiin isaas xiqqaadha ''biyyatti haala sodaachisaa keessa jirtu kana keessatti ija fi gurra adduunyaa nu taasisu mala,'' jechuun falmu.

Barreessaa dhimma dantaa alaa (Secretary of State) Reeks Tilleersan, wayita ammaatti Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa waliin haasa'uuf fedhii qabdi tarii ''yoo gara mareetti deebi'uuf barbaadu ta'e''.

Bulchiinsi Tiraamp - biyyoota ''adduunyaa irraa achi of baasan'' yookaan biyyoota adduunyaa biroo waliin godhu keessatti gatii diplomaasiin qabu ilaalchisee sarara diplomaasii kamiyyu haa hordofan malee - haalli qunamtii diplomaasii kooriyaan Kaabaa keessa jiru bara amma keessa jirru kanatti adda kan ta'eedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata