Erga gareen Islaamaa IS ofiin jedhu injifatamee booda ayyaanni Qillee Moosulitti kabajame

Luboonni mana waaqeffennaa qulqulluu Phaawloos wayita kadhata ayyaana Qillee taasisan. Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Sagantaa ayyaana Qillee mana Kiristaanaa qulqulluu Phaawloos magaalaa Moosul keessatti waggootaan booda yeroo duraaf kabajame.

Erga milishoonni garee Isilaamtummaa IS jedhamu naannicha ari'atamanii booda, ayyaanni Qillee Iraaq magaalaa Moosul keessatti yeroo duraaf mana waaqeffannaatti kabajameera.

Wayita naannichi to'annoo hidhattoota kana jala tureetti, sagantaan hordoftoota amantaa kiristaanaan gaggeefamu hunduu hamaaf kan isaan saaxiluufi ulfaataa ture.

Hordoftooti amantaa Kiristaanaa akka amantaa isaanii jijjiiran, gibira akka gabbarani yookan akka ajjeefaman ISn dirqisiifamuu isaaniin walqabatee Kiristaanonni hedduun biyya gadhiisanii baqataniiru.

Loltoonni mootummaa Iiraaq IS'n Moosulitti kan injifatan Ebila darbe ture.

Ministirri muummee Iiraaq Haayidar Al Abaadii duulli waggaa sadiif IS'n Iiraaq keessaa balleesuuf duulame milka'uu jalqaba ji'a kanaatti ibsaniiru.

kabajni ayyaan Qillee mana Kiristaanaa qulqulluu Phaawloos magaala Moosulitti eegumsa cimaan kabajame.

Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Bulchiinsi IS xumura argatus magaalittii keessatti haalli nageenyaa tasgabba'aa miti

Paatiriyaarkiin mana kiristaanaa Kaatoolikii Iraaq Luwiis Raafa'eel Saakii amantoonni hundi ''nagaafii tasgabbii Moosul, Iraaqii fi addunyaaf akka kadhatan'' gaafataniiru.

Farkaada Maalkoo Kiristaannii baqaa booda ariyatamuu IS sababeefachuun gara magaalittitti deebi'e akka jedhutti sagantaan ayyaan Qillee kun 'jireenya kiristaanummaa deebisanii eegalsiisuuf barbaachisaadha'.

Akka gabaasa AFPtti qulqulluun Phaawloos mana Kiristaanaa magaalaa Moosuul keessatti tajaajila kennaa jira isa ko'eessadha.

Bara 2014 dhufaatii IS'n dura magaalaa Moosul keessa kiristaanonni 35,000 akka jiran dura buutonni amantichaa ni himu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata