Bishaan tulaa saglanii bonaa ganna hin gogne
Bishaan tulaa saglanii bonaa ganna hin gogne
Godina Booranaa Aanaa Dubuluq keessatti kan argamu bishaan tulaa saglanii, bona cimaa looniif bishaan argachuuf rakkisutti kan jiraattotaaf qaqqabudha. Bishaan kun bonni dabalee hanga gadi fagaachaa deemeen hanga namoota 13'tu waraabuuf irratti hirmaata.
Waraabbii Viidiyoo: Habtaamuu Xibabuu
Gulaallii: Yaadataa Birhaanuu

Waa’ee tulaa saglan Booranaa maal beektu?
Bishaanii fi jireenyi horsiisee bulaa yoomiyyuu adda bahee hinbeeku. Walitti hidhamni Tulaa saglan Booranaa fi ummatichi qabu ammoo kana caalaadha.