Baqattoonni Itoophiyaa fi Ertiraa Yamanitti gargaarsa dhabne jedhan

Godaantoota lammii Itoophiyaa Yamanitti sababii waraanaatiin miidhaman keessaa tokko Image copyright Jemal Jeilan
Goodayyaa suuraa Godaantoota lammii Itoophiyaa Yamanitti sababii waraanaatiin miidhaman keessaa tokko

Godaantoonnii fi baqattoonni lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraa sababiiwwan garaa garaatiif biyyaa isaanitii bahuun Yamanitti argaman qaama nugargaaruu dhabuun waraanaaf saaxilamne jechuun dubbatan.

Baqattoonni irra caalaan isaanii lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraa ta'an kunneenis sababii walwaraansa biyyi Yaman keessatti argamtuun walqabatee qaama isaan bira dhaabbatu dhabuun rakkachaa jiraachuu BBC'tti himaniiru.

Baqattonni akka jedhanitti, biyya namni biraa baqaturraa itti baqatanii rakkachaa jiraachuu himu. Lammiileen biyyattii baay'een magaalaa Sana'aa gadhiisuun gara baadiyyaa fi bakkeewwan adda addaatti baqataa kan jiran yoo ta'u, baqattoonni garuu bakka dhaqan dhabuu dubbatu.

Baqataan Oromoo Jamaal Jeeyilaan ALA bara 2001 biyyaa bahee turees, amma biyyattiin lolaan waan marfamteefuu gargaarsi nubira gahaa hinjiru jedheera.

''Kanaafuu, dhaabbanni dhaqnee rakkoo keenya itti iyyannu hin jiru. Yoo dhibamne bakki itti yaalamnu hinjiru. Warreen ijoollee hedduu qabutu jiru. Dararaa guddaa keessa jirra. ''

Kana malees sababiidhuma waraanaatiin, ''Miindaanis ta'e hojiin hin jiru. Miindaan hin kennamu, yoo kanfalamees baayyee gadi bu'aadha. Gatiin nyaataa immoo dabalee jira, '' jechuun haala keessatti argaman ibsa.

Lammiin Ertiraa biraa waggaa 17'f biyyattii keessa jiraateefi maqaan isaa akka hin ibsamne gaafatee tokkos, hojii fi yaaliin fayyaa dhabamu dubbata.

Rakkoon waldiiddaa guddaa mootummaan Yamaniifi qaamolee akka finciltotaatti ilaalamaa jiran Huutii jidduu uumameen, baqattoonni biyyattii keessa jiran miidhamaa jiraachuu dubbatu.

Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yamanitti Itti gaafatamaa koree qunnamti hajaa alaa kan ta'an Abduulgani Sulxii, ''haalli baayyee nutti hammaate jira,'' jedhu.

Image copyright MOHAMMED HUWAIS
Goodayyaa suuraa Magaalaa Yaman Sana'aa

''Biyyattiin dur yeroo nagaa qabduyyuu baqataa hedduu fudhataa hin turre. Erga jeeqamuu eegaltee baqataa haaraa galmeessuu dhiiftemmoo waggaa lama ta'eera.''

Kanaafuu, baqattoonni gara Yamanitti yaa'an hedduun isaanii waraqaa baqataa dhabuu qofaa osoo hin taane, warri kanaan dura qabanillee haaromsifachuu hin dandeenyee jedhu, Abduulgannin.

Loltoonni Huutii akka isaan hin galmoofne dhorkuu isaanii kan himu Abduulganniin, baqattoonni haaraa rakkoo nageenyaa biyyaatii sodaachuun karaa qaxxaamuraan yoo deemaan loltuuf saaxilamaa akka jiran dubbata.

Dhiheenya kanas lammiileen Itoophiyaa lama magaalaa Sana'aatiin alatti karaaratti rukutamuun amma hospitaala guddaa Sana'aa keessatti miillisaanii akka citu ta'u Jamaal ragaa baha.

Kana malees, naannoo Hudeyidaa jedhamutti namoonni lammummaan isaanii kan gaanfa Afrikaa irraa ta'ee 100 ol ta'aan hidhaa keessa jiraachuusaanii himu, Obbo Abduulganniin.

''Hidhuun maallaqi akka ergamuuf taasisuu. Hunduu hidhataa waan ta'aniif kanuma argeetu itti taphata. Erga mootummaan Sa'uudiifi warri Huutii waldhabanii asi immoo sirumaa haalichi hammaateera,'' jedhu.

Rakkoo hammaate

Baqattoonni rakkoolee akka karaatti saamamuu, hidhamuu, qabamanii maatiin qarshii biyyaa akka ergan dirquu fi kan biraa hedduu duraanu baransaanii himu.

Haa ta'u malee, booda kana keessa lola biyyattiitti cime kan ka'ee dirqiin loltuu akka ta'anif butamaa jiraachuu dubbatu.

Roobii darbe ganama sa'aatii saditti polisoonni Haawuti sagal karaatti akka isa qaban kan dubbatu Amiin Mohaammad hanga sa'aatii torbaa miidhaa irraan geessisaa turuu BBC'f ibseera.

Waraqaa eenyummaa manatti dagatee bahu itti himu illeen, mana hidhaa si geessina jechuun magaalaa sana'aan ala baadiyyaatti geessuun reebicha irratti raawwatamu hima.

Amiin baqataan waaggaa jahaan dura karaa Basaasootiin Yaman galee ture, reebicha irra gaheen alattis qarshii Yaman Riyaala kuma 30 irraa fudhatamu saa dubbata.

''Nama sagal nama tokkoof jechuun baay'ee ulfaataadha. Rukuttaa saree na godhani. Akka ani of wallaaluuf konkolaatatti na buusani. Isa boodas bakka lolaa na geessuuf yaadanii turan. Garuu booda loltuu Haawuti mormuun lubbunkoo baraarame,'' jedha Amiin.

Abdulganinillee loltoonni kaan maallaqa isiiniif kenninaa kaaniin ammoo dirqiin erga fudhatanii booda jaraaf qoricha sammuu haadochuu kennuun akka hojataniif taasisan jedha.

Waamicha gargaarsaa houthi

Hawaasni baqattoota Oromoo, Somaalee, Ogaaden fi Ertiraa waliin ta'uun, Biyyoota Gamtoomanitti Komishinii Olaanaa Baqattootaa (UNHCR) damee Yaman fala akka kennaniif gaafatanis fala dhabuu dubbatu.

Sababii walwaraanaatiin dalagaan waan dhabameefi isaan mindeessaniis fafaca'aa waan jiraniif baqattoonni jiraachu rakkataa jiru.

Keessattuu yeroo pirezidaantiin duraanii biyyattii ajjeefaman rakkoo nageenyaa baqattoota qunnameef dhaabbatichi gargaarsaaf gaafatamnaan, itti hinqophoofne jedheenii akka ture dubbatu. Dhiheenya kanas odeefannoo qaban qabachuun qophiin balaa nageenyaa mudachu danda'auuf yoo jiraateef gaafatanii, dhaabbaticha irraa deebii dhabne jedhu.

Deebii namni waajira dhaabbatichaatti arguun dubbisan tokko kenneefiniis, ''Wanti nuti isiingargaarru tokkolleen hinjiru. Yoo baqataa qaama hir'u ta'e malee, baajata haaraa hin qabnu,'' jedhamaniiru.

Dhaabbanni Fannoo Diimaas, ''Gaheen keenya yoo lolli ka'ee namoonni baqachuu dadhaban fuunee gara lafa nagaatti geessuudha,'' jechuu isaanii himu baqattoonni.

Haa ta'u malee dhaabilee gargaaraa yaman keesstti argamanis sababii garaa garaa eeruun baqattoota kanneen gargaaruu akka hindandeeny itti himamu, baqataan lammii Ertitaa BBC'n dubbisee hirmeera.

Hawaasani baqattootaa nuti dubbifnees, UNHCR haala isaan amma keessatti argaman addunyaatti akka ibsuuf ykn karaa ittiin Yanam keessaa bahuu danda'an akka mijessuuf gaafataniiru.

Dubbii himaan Dhaabbata Godaantota Addunyaa(IOM) Liyonaardoo Dooyil akka jedhanitti, godaansi durumaa qabee kan ture ta'us, lammiileen gaanfa Afrikaarraa biyya wayita ammaa mataasheetiinu rakkoo cimaa keessatti argamtu Yamanitti of arguu jedhu.

''Dallaalonni karaatti isaan qaban dararaa irraan ga'uun maatiin maallaqa akka erganiif gaafatu.''

''Lammiileen akka hinbaqanne hin gorsinu, garuu hanga isaanii danda'ametti yakkamtootaafi dallaalotarraa akka of eeguun godaansa naga-qabeessa akka taasisan barbaanna,'' jechuun dubbataniiru.

Godaantoonni biyyoota gaanfa Afrikaarraa gara Yaman imalan hedduunis karaa Jibuutii, Basaasoo fi galaana diimaatiin qaxxaamuruun.

Lammiilee Itoophiyaa sababii garaa garaatiin gara biyyoota biryaatti yaa baqatan malee, biyyattiin mataan ishee lammiilee Yaman dabalate godaantoota biyyoota 19'n kuma dhibba saddeeti ol ta'aniif dahoo taatee jirti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata