Rakkolee biyyaattiifi magaalaa Finfinnee

Image copyright Sean Gallup

Walitti bu'iinsiwwan erga yeroo dhihootiin asi biyyattii keesatti umamanis, gama hedduun rakkoolee siyaasa, hawaasummaa fi dinadgeetiif gumaataniiru.

Haaluma walfakkaatunis walitti bu'insa dhaabbilee barnoota olaanoo adda addaa keessatti umamee tureenis haalli baru barsiisuu akka gufatu taasifamun alattis, balaan lubbu namoota gahee ture.

Waggoota lamaan darbaniif haalli mormiiwwan sadarkaa biyyaatti gaggeefamaa turan illeen, kan ammaa sadarkaa olaanaa irra gahu dubbatama.

Waliqollifannaan sanyii lammiilee jidduutti argamus, gaaffiin eegereen biyyattii maal laataa jedhu akka ka'uuf madda ta'aa jira.

Du'aatiin lammiilee sababii walitti bu'insa naannoo Oromiyaa fi Somaalee jiddutti tureen maddittis kumaatamni hedduun qe'eefi qabeenyaa isaanii irraa buqa'uun kanneen hirina qaamaatiif saaxilamaniiru. Ajjeechaan namoota 16 dhiheenya kana keessa humna waraanaa biyyaatiin raawwatame jedhame ammo dhimmicha caalaa kan cimse tire.

Rakkooleen hawasi dainagdee fi siyaasaa balinaan biyyattii keessatti umamaa jiraaniifi turan kunneen wayi magaalaa gudditti biyyattii Finfinnee irratti dhiibbaa taasisee laata?

Finfinneen maal keessa jirtii?

Haaluma kan hubachuufis namoota BBCn dubbise keessaa, Finfinneetti jiraataan naannoo Bolee ta'e Obbo Alamaayoo TagaNnya, ''nuti maal beekna. Namoota biyya alaatii dhufanitu waan biyyattii bakka garaa garaatti ta'aa jiru nuttu hima,'' jedhaniiru.

Oduu yaa dhagahan malees, haalli naannoolee adda addaatti ta'aa jiru baay'ee dhiibbaa akka qabaachaa hinjire amanu.

"Hundumtu haaluma barameen deemaa jira. Barataanis ni barata; daldalaanis ni akkasuma hojiisaa gaggeessaa jira.''

Namni biraa BBC dubbisees Yunivarsitii Yuniitiitti barattuu waggaa lammaffaa kan taate Hiyiwot Adaana, yaada Obbo Alamaayoo kan qoodatti. ''Tarii kan duraarra wanti adda taasisu yoo jiraate, haala jiru namoonni tokko tokko taaksii keessatti yoo haasa'an nan dhagaha,'' jette jirti.

Isheen kan yaa jettu malees, haalli naannoollee adda addaa keessatti ta'aa jiru kunis yaaddoo itti ta'usaa jiraattoonni hindhoksine jiru.

Jiraattuun naannoo kilo shanii Addee Warqinashi Damisse, namoonni gara mana kadhannaa yoo deeman nageenyaa fi tasgabbiif akka kadhatamu ni dubbatu.

Gaaffiilee naannoolee adda addaatiin sirnicha irratti ka'aa jiran jiraattoonni magaalaa Finfinnee hedduun ni qooddatu jedhan illeen, walitti bu'insa sanyiin taasifamuus ''kan akka keenyaa waliirraa dhalatee, walitti firoomee fi ummata tokko ta'ee birratti umamuun baayyee kan nama gaddisiisudha,'' jedhuun dubbatu Aadde Warqinash.

Image copyright MIGUEL MEDINA

Yaaddoo

Tibba filannoo bara 1997tti haala olaanaan kan ummta Finfinnee sochose ture Paartii walta'insaa duraanitti miseensa kan ture Obbo Lidatu Ayaalew gama isaanitiin, ''Finfinnee keessatti walitti bu'insi hinjiru ta'a, dhokaasin hindhagahamu ta'a, namoonni hinajjeefamne ta'a, garuu keessoon namootaa nagaa kan qabu hinsee'u,'' jedhu.

Yaaddoon haala olaanaadhaan jiraachusaa kan dubbatan Obbo Lidatuun, magaalaan Finfinnee lafa jireenyaa sanyii garaa garaa waan ta'eefu walitti bu'insa akka amma dhagahamu kun ta'unsaa baayyee gadaanaa dha jedhu.

"Garuu yoo eegalame baayyee balaa qaba. To'achuufis rakkisaa ta'a,'' jechuun yaaddoo isaanii dubbatu.

Afriikaatti hayyuu falaasamaa siyaasa kan ta'an Dr. Yooseef Mulugeetaa Baabaa, walitti bu'insii kunneen naannoolee garaa garaatti umamuusaanitiin, kanas jiraattoonni magaalaa baranis rakkinichi sadarkaa yaachiisaa irra gahu akka hinhubatiin ibsu.

Jiraattoonni magaalattii gosa garaa garaa irraa ta'unsaa, walitti bu'insa amma jiru akka ofiirraa fageesse ilaalu ta'eera jechuun yaada Obbo Lidatu qoodatu.

"Jecha barame tokkoo jira. 'Ijoolleen Finfinnee safara malee sanyii hingaafata,' kan jedhu. Waa'een sanyii fi siyaasaa baroota dheeraa lakkofsisu illeen, jiraattoonni magaalatti garuu lammuummaa biyyattiin ala sanyiin ofi ibsuu hinqabu ture. Kanaafu walitti bu'iinsa sanyii amma ta'aa jiruu xiyyeefannaa dhorkeera,'' jedhu Dr Yooseefi.

Walitti bu'insi wayita ammaa kanatti ta'aa jiruun gaaffiin eenyummaatiin kan walqabatee dubbatamuleen, gaaffiilee akka dhabiinsa haqaa, hojii dhabiinsa, qa'a'iinsa jireenyaa fi kan kana fakkaatan sirnicha irratti kaafamaa jiru.

To'annaa Cimaa

Mootummaan gaaffilee kan'aniif deebii kennuurra ukkaamsuu akkasumas deebii faallaa ta'e kennaa akka jiru baayyeen ni dubbatu. Keessattuu magaalaawwan akka Finfinnee fa'iitti to'annoon mootummaa baayyee jabaataa akka ta'e himama.

"Humni nageenyaa baayyeen Finfinnee jira. Caasaan mootummaa magaalattiitti kan hundee gadi faggeefate waan ta'eef sirnichi sadarkaa cimaadhaan hordofuu ni danda'a," jechuun dubbatu Obbo Lidetuun.

Naannolee biroo caalaa ijaarsi tokko shanee jedhamu caasaa mootummaan bulchaa jiru diriirse kan hundee gadi fageeffateefi socho'uuf hin dandeessifne ta'ullee dubbatu Obbo Lidetuun.

Finfinneen barootaaf ka'umsa sochii mormii magaalotaa kan turte yommuu taatu achiin booda amala gara naannolee birootti baballachuutu ture.

Bara 1993 mormiin barattoota Yunvarsiitii Finfinneetiin jalqabame akkasumas bara 1997 filannoo waliin walqabatee mormiin ka'e kanaaf akka fakkeenyaatti kan heeramudha.

Waggoota muraasa durarraa eegalee garuu mormiiwwan gara garaa naannoleen gara garaatti ka'anillee Finfinneetti sochiin qindaa'aa ta'e hin mullatu. Obbo Lidetuun kanaaf akka fakkeenyaatti kan heeran muuxannoowwan duraan turaniin sochiiwwan uummata keessa turan kan qindeessaniifi gaggeessan mormitoota turan.

"Magaalonni biroon kan socho'aa turan Finfinneef degersa kennuuf ture. Amma garuu faallaa kanaati," jechuun dubbatu Lidetuun.

Mormii uummataa filannoo 1997 waliin walqabatee ture akka fakkeenyaatti kan kaasan Obbo Lidetuun, yeroo sanaan booda, "paartiileen mormitoonni biyyattii keessa jiran akka hin jirreetti lakkaa'uun ni danda'ama," kan jedhan Obbo Lidetuun waa'een Finfinnee kana waliin walqabate ta'uu akka danda'u heeru.

Finfinnee Image copyright MIGUEL MEDINA

Haaluma kanaan itti fufuu laata?

Gaaga'umsi biyyattii keessatti mullataa jiran gara Finfinneetti akka hin baballanneef waanti wabii ta'u tokkollee hin jiru kan jedhan Obbo Lidetuun Finfinnee keessatti yoo baballatemmoo baayyee sodaachisaa ta'uu akka danda'u dubbatu.

"Walitti bu'insi saboota gidduutti mullachaa jiran kun kan to'annaa jalaa hin ba'iin jiraniifis rakkoon kun Finfinneetti waan hin mullatiiniif," jedhu Obbo Lidetuun.

Kana malees mormiiwwan Finfineetti uumamaa turan sirnicha qofaarratti kan turan yommuu ta'an, amma bakkeeewwan gara garaatti walitti bu'insi mullachaa jiran bifaafi qabiyyeen isaanii jijjiirameera.

"Uummataafi mootummaa gidduutti qofaa osoo hin taane uummataafi uummata gidduutti akkasumas mootummoota federaalaafi naannolee gidduutti walitti bu'insi mullachaa jira. Amma tarreen aangoo jijjiirameera," jedhu Obbo Lidetuun.

Obbo Lidetuun uummanni jijjiirama akka barbaadu dubbatanillee aadaan siyaasaa bifa qindaa'een jijjiirama fidu akka hin jirre kanObbo Lidetuun dubbatan.

"Ummatichi jijjiirama barbaada garuu jijjiirama kana qaama ta'erraa eega. Amma ta'e tokkos adooduun jira. Kan balaa qaba. Kan jijjiirama barbaadus kan sodaatus tokkuma. Hundumtinuu xis xinbisi hin jedhu, calliseetuma taa'aa jira," jechuudhaan ibsa Obbo Lidetuun.

Dr. Yoseefiif magaalattii keessatti qaala'insi jireenyaa akka malee baballatee, akkasumas gaaffileen sabummaafi eenyummaa waliin walqabatnii ka'an irratti uummanni Finfinnee akkaata adda ta'een ilaala.

Dabalataanis Obbo Lidetuu waliin yaada walfakkaatu kan irratti mullisan bara 1997 irraa kaasee dirreen siyaasaa dhiphachuufi haalli magaalaa Finfinnee hunda-galeessummaa (cosmopolitan) qabaataa dhufuun isaa dhiibbaa akka qabu ammanu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata