Tiraampi gargaarsa gama Jarusaaleemitti taasifamu akka dhaaban akeekachise

Mr Tiraampi haasaa osoo taasisanii alatti Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Yaadni Mr Tiraampi akka deegarsa paalistinootaa dhaabu barbaade agarsiisa

Ameerikaan kanfaltii gargaarsaa Paalisitinootaa 'nagaadhaan mari'achuuf fedha hinqabnee' f taasiftuakka dhaabdu, Pirezidaant Tiraamp dubbatan.

Karaa Tiwiitariitiin akka ibsanitti, Mr Tiraamp fi Ameerikaan gargaarsa taasisaniif 'leelliisaa ykn kabaja omaatiiyyu hin arganne,' jedhaniiru.

Akkasumas Magaalaan Jarusaalem akka magaalaa guddoo Israa'elitti beekamtii kennuun isaa marii nageenyaa haaraaf akka dhumma badaa marii irraa kaafamee ta'eera jadhaniiru.

Paalistinoonnis Ameerikaan haraarsituu loogii malee ta'u hindandeessu jedhaniiru.

Image copyright EPA

Murtichis Muddee keessa oggantootaa biyyoota gamtoomanii kan miseensoota 128 qabuun akka dulli waadaa Mr Tiraampi hingutamneef mormamee ture.

Odeessa kana irratti dabalata