Walitti dhufeenyi Itiiyoo-Eritiraa maaliirratti argama?

Waltajjii marii biyyoota lamaanii Image copyright Abreham
Goodayyaa suuraa Dargaggoonni waltajjii marii uumaa jiru

Akka lakkoofsa awuropaanotaa, bara 1998- 2000 biyyoota hiyyeeyyii gaanfaa Afriikaa lama gidduutti waraana tureen gama lamaniinirraayyuu lubbuun namoota kuma 70 darbus waranichi naannoo daangaa biyyoota lamaaniirratti jijjiirama muraasa fideen alatti bu'aa addaa gama lamaaniifuu hin argamsiifne.

Waggoota 15'nan darban nageenyis waraannis osoo hin jiraatiin turuu hambisuuf tattaafiiwan taasifaman hundu hin milkoofne.

Rakkoo biyyoota lamaan kana gidduu jiru guutummaatti furuun rakkisaa ta'uus dhimmoota tokko tokko irraatti waliigaltee uumuun hariiroo lammiilee biyyota lameenii fooyyeesssuuf yaliin taasifaman hedduun turaniiru.

Dargaggoonni tokko tokko miidiyaa hawasummaa irratti yaada araara kaasaa turan qalbii hayyootaa hateera.

Waltajjiin marii araaraa lammiilee biyyoota lameenii gidduutti nageenya uumuu irratti xiyyefate uumameera.

Miseensi Jaarsolii nageenyaa fi araaraa gama Eertiraa obbo Yiisaaq Yooseef nageenya mirkaneessuuf rakkoo bu'uuraa lola biyyoota lameeniirratti hubannoo hawaasaa cimsuun barbaachisaa dha jedhu.

''Seenaa dudduubee walitti bu'iinsa biyyoota lameenii gidduu jiru irratti haayyuulee hubannoo hawaasichaa cimsanii fi dargaggeeyyii gidduutti mariyachuuf waltajjiiwwan eegalamaniiru,'' jedhan.

Rakkoon mootummoota lameen gidduutti dhalate uummattoota naannoo daangaa jiran irraatti dhiibbaa guddaa geesisuu kan himan obbo Yisaaq, rakkoo biyyoota lameen gidduu jiru furuuf tattaaffiin hawaasni idila addunyaa taasisaa turan akka hin milkoofnes dubbataniiru.

Uummata biyyoota lameenii gidduu hariiroo jiru cimsuun kaayyoo waltajjii kanaa ta'uu kan himan Piroofesar Madihaanee Taaddesee hariiroo lammiilee biyyoota lameenii jidduu jiru bakka duraaniitti deebisuun galma kaawwatan ta'uu himaniiru.

''Nagaan hundaa oli. Yaaddoowwan amma dhiibbaa uumaa jiran akka nu hin kuffisneef uummata gidduutti nagaa uumuun barbaachisaa dha,'' jedhu Piroofeesar Madiihaaneen.

'Osoo mootummaan lolarra jiruu araara'

''Uummatni lamaanuu rakkoo keessa jiruu'' kan jedhan hayyuu seenaa kan ta'an obbo Gabra Kidaan Dastaan uummanni lola walirraa hin qabne siyaasaan qabamuu hin qabu jedhu.

Wal-dhabdeen kan jiru abbootii siyaasaa gidduutti. Uummatichi nagaa argatee jireenya hawaasummaa fi diinagdeen walitti dhufuu qaba. Gatiin nagaa mi'aa waan ta'eef mootummaa haaloo hin qabanne jiraachuu qaba jechuunis dubbatu.

Image copyright Abreham
Goodayyaa suuraa Rakkoon mootummoota biyyoota lamaanii bira jira

Waan hunduu hafee uummattoonni aadaa, daangaa fi seenaadhaan walfakkaatan kun gamaa gamana ta'aanii wal ilaaluu hin qaban yaadni jedhu yaada namoota hedduuti.

Rakkoo kana furuuf waan danda'an gumachaa kana jiran lammiileen biyyoota lameenii mootummoota gidduu fedhiin osoo jiraatee haaloonni dafanii sirratu jedhaniiru.

Hariiroon daldalaa, sagantaaleen muuziqaa fi Ispoortii qaama diipiloomaasii hawaasaati. Isportiin fakkkeenya guddaa dha. Waltajjiiwwan Ispoortii garaagaraarratti walitti dhufeenyi hawaasaa cimee yeroo itti mul'atutu jira. Nu gidduu wanti hin mul'anne isa kanadha jedhu Piroofeesar Madihaaneen.

Xiinxalaa Siyaasaa kana ta'an obbo Zarihuun Tashoomee ammoo ''dallansuudhaan hiree uummataa irratti murteessuu fi murtee sana itti fufsiisuun waan hin deemsifnef dhiibbaan hawaasaa yoo jiraate mootummoonni dhaabbatanii akka of ilaalan gargaara.

Uummanni daallansuudhaan hidhamee jiraachuu waan hin qabneef dallaansuun dhaabachuu qaba jedhuun barbaachisaa dha,''jedhu.

Lolli biyyoota lameen gidduu jiru dhaabateera jedhamus mootummoonni lameen akkuma ija walitti babaasanitti jiru. Haalli kun ammoo uummaticha yaaddoo fi sodaa keessa galcheera.

''Wantoonni hamaan nutti dhufaa jiru, akkasumatti itti fufuu hin qabnu. Jalqabumarraahuu haala amma jiru kanarra gahuun nurra hin turre yaada jedhu qabannee gara uummataatti baanes'' jedhu Proofesar Madihaaneen.

Maaliif amma?

Hojiin kuun dursee eegaluu qaba ture kan jedhan obbo Zarihuun haalli biyyoonni lameen lollis nagaanis hin jiru jedhan kun uummata lameeniif kan hin fayyadne dha jedhaniiru.

''Mootummoonniifii hawaasni idil addunyaa rakkoo kana furuuf abdiin irra kaahamee ture abdii kutachiisoo ta'aa jiru'' kan jedhan Proofesoor Madihaaneen ''fedhii fii dandeeettiin biyyoonnii gurguddoon rakkoo biyyoota lameenii furuuf qaban du'aa jira, rakoon siyaasaa uummatoota balleesuu dhufaa waan jiruuf amma akka durii mootummoota hin eegnu'' jechuun gaaffii maaliif amma jedhu deebisaniiru.

Image copyright Abreham

Rakkoon kun dhiibbaa hariiroo hawaasaarran gahuun dabalatee bu'aa diinagdee argamuu danda'u heddu dhabsiiseera kana jedhan obbo Zarihuun hariiroo daldalaa fii hojiilee inveestimeentii naannoo daangaarra jiruu dadhabsiisuuf sabab waan ta'eef uummati miidhameera. kana baannee itti fufu waan hin dandeenyeef mootummoonnis kana hubatanii gara waliigaltee irree uummataa cimsuutti dhufuu qabus jedhan.

''Sirnii fii mootummaan nidarba''

''Uummanni dhiimmichi dhimma kooti jechuun mariiwwan kanaa booda jiran irratti hirmaachuu qaba. Uummanni dursaa ta'ee yoo dhufe haalli mootummaan sagalee uummataa itti dhagahuu diduuf hin jiru'' jedhu obbo Yisaaq.

Sagaleen uummata buu'uureffate yeroo dhihaatu carraan mootummaan hin fudhadhu jedhuuf akka hin jirre ibsuun uummanni yaadaan wal ta'ee tokkuummaasaa cimsachuu qaba jedhaniiru.

Mootummoonni ni darbu, uummannii fi biyyi garuu itti fufu. kanaaf haaloo fii dallansuun dhaabachuu qaba. Rakkolee hiree keenya hegeree balleessu hiikuun hariiroon biyyoota lameenii jijjiiramuu qaba jechuun obbo Zarihuun ibsaniiru.

Yaada dhimma kana irratti qaban wayita goolaban obbo Zarihuun ''maal na dhibee fii tarsiimoo dogongoraan qaroominni hedduun badeera, ammaa booda garuu uummanni aadaa, diinagdee fii seenaa eeguuf dursa fudhachuu qaba'' jechuun dhaamaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan