Ikuwaatoraal Ginii 'yaalii fonqolcha hidhattootaa hambifte'

Suuraa man-kuusaa pirezidaantii Ikuwaataraal Giinii Te'oodoroo Obi'aang Ngu'eemaa Mbaasogoo wayita walgahii motummoota gamtomanii irratti haasaa taasisan, Niwoork Fulbaana 21, 2017 Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Te'oodoroo Obi'aang Ngu'eemaa erga bara 1979 kaasee taayitaarra jiru

Hidhatoonni biyya Afriikaa Lixaa Iquwaatoraal Giinii keessatti fonqolcha taasisuuf yaalu isaanii, motummaan biyyattii hime.

Yoo xinnaate namoonni hidhannoo qaban kan Chaad, Kaameruun fi Riipablikaa Jiddu gala Afriikaa irraa dhufan 30 baatii darbe keessa qabamaniiru, jedhu Ministrri.

Isaanis dhokaaftuu rookkeettii, qawweewwaniif xiyyiitii waliin daangaa Kaameeruun irratti qabaman, jedhaniiru.

Pirezidaantiin biyyattii Te'oodoroo Obi'aang Ngu'eemaa yeroo baayyee malaamaltummaa fi sarba mirga namoomaatiin himatamu.

Waraanni biyyattis tibba walitti bu'insa dhiheenya daangaa Kaameeruun irratti Roobii darbee taasifameen 'hidhattoota' ajjeesaniiru, jechuun TV motummaa gabaaseera. Itti dabaluunis, humnoonni nageenyaa ''dhukaasa qawweetti fayyadamuun kanneen biroo bosoona daangaa keessa turan bittinseera'' jedhe.

Mr Obii'aang erga wasiila isaanii Firaansiiskoo Maashiyaa Ngu'eemaa kan ajjeefame irraa fonqolchaan taayitaa qabataniin booda,waggoota 40 taayitaara turaniiru.

Ogganaan bara dheeraa kunis bara 2016tti yeroo shanaffaaf tajaajila waggaa torbaatiif filataman.

Erga Mugaabeetiin booda motummaawwan afriikaa kamitu hafee?

Ibsa raadiyoo ummataatiin dubbifameen, Ministirri Nageenyaa Nikolaas Obaamaa Nchamaan hidhattootaa fonqolchaaf kiyyeefachuun gareewwan mormitootaafi 'humnoota' maqaan hineeramiiniin deegaramu jechuun komataniiru.

Yaaliin fonqolchuu kunis deegarsa tajaajilawwan nageenyaa Kaameeruunin fashalaa'es jedhaniiru.

Ikuwaatoraal Giiniin kana duras yaaliin fonqolchoo irratti aga'amee ture.

Bara 2004tti, loltuun Biritishi kan duraanii, Simoon Maan yaalii fonqolcha Mr Obi'aang irratti taasifamee keessaa harka qaba jedhamee ture.

Loltuun Biritishi kan duraaniifi namni daldalaa kunis bara 2004tti Zimbaabwee keessatti qabamuun waggoota afuriin booda dabarfamee Ikuwaatoraal Giiniif kennameera.

Bara 2008tti, ammoo Mr Maan hidhaan waggoota 34 itti murtaa'uun waggaan booda garuu Mr Obi'aangiin dhiifamni taasifameefi gadhiifamee jira.

Biyyi Ikuwaatoraal Giinii, biyyoota saaraan gadii omishinni zayitaa olaanaa qaban keessa tokko yoo taatuu, lammiilee hedduu garuu amma illeen jireenya gadadoo jiraataa jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan