Hidhamtoota siyaasaa hiikuuf murteessuun maal hima?

Dura teessota paartilee Afraan ADWUI
Goodayyaa suuraa Hooggantoonni paartilee Afraan ADWUI walgahii torbee lamaa ol turee booda murteewwan jajjaboo waliin dabrasaniiru.

Hoggantoonni paartiilee miseensoota ADWUI Roobii kalleessa midiyaalee murtaawoof wayita ibsa kenanitti namoota siyaasaa fi kanneen biroo dhimmi isaanii ilaalamaa jirus ta'e murtoon itti kenname gadi dhiisuufi jiddugala qorannoo yakkaa Maa'ikalaawii jedhamu cufuuf murteessuu isaanii beeksisanii jiru.

Yeroo biroo irraa haala adda ta'een walitti aansuun suuraalee fi murtee kana fuula midiyaalee hawaasaa irratti gad dhisaa kan ture waajjirri ministira muummee akaataan dhimma kana itti ibsaa ture garuu shakkiin akka jiraatu godheera.

Jalqaba irrattiis ''Hidhamtoonni siyaasaa addaa addaa kan dhimmi isaanii abbaa alangaan qabamee mana hidhaatti argaman, waligaltee biyyummaa gaarii uumuufi akkasumas dirree dimookraasii bal'isuuf yaaduun himanni isaanii addaan citee gad akka dhifaman murtaa'eera," kan jedhu ture.

Kana booda garu yeroo torba jechoota jijjiiruufi itti-dabaluun fooyyessuf yaaliin tasiifameera.

Yeroo torbaffaaf fooya'ee isa bahe irratti ''sababa yakka hojjetaniin kan itti murtaa'eefi yakka hojjechuun shakkamanii kan hidhamanii fi dhimmi isaanii harka abba alangaatti kan argamu miseensoota dhaabilee siyaasaa addaa addaa fi namoonni dhuunfaa dabalatee, waligaltee biyyuumaa wayyaa'aa uumuufi dirree dimookraasii jiru bal'isuuf yaaduun himanni isaanii addaan cite yookaan dhiifama seeraa fi heerri biyyattii hayyamuun dhimmi isaanii siritti adda bahee hiikamu,'' jechuun barreefameera.

Murteen kun Oromoof maal jechuu dha?

Sirna mootummaa kana jalatti sabni yaada siyaasaa faallaa mootummaa qabaachuu isaatiin ajjeechaa fi dararaaf saaxilamee fi manneen hidhaa keessa hedduminaan jiru saba Oromooti, kun dhugaa ala jiru dha kan jedhan Yuniversitii Kiilitti baarsiisaa seeraa kan ta'an Dr. Awwal Qaasiim Aloo murtee kanaan eenyumaa ol kan fayyadamus uummata Oroomooti jedhu.

Mootummaan halkan tokkoon fedhasaan murtee kanarra hin geenye kan jedhan Dr. Awwal murteen kun bu'aa qabsoo uummata Oromoo ta'uus dubbatu.

''Jalqaba sochiin uummanni keenya waggoota hedduuf gochaa ture mootummaa naannoo Oromiyaa OPDO jijjiiruu danda'e jira. OPDOn Jijjiirame ammoo deeggarsa uummataatti fayyadamuun ADWUI keessaatti jijjiirama fiduu danda'eera. Paartiin uummata amaaraa bakka bu'us hangam akka ta'e beekamuu baatus yaada OPDO deeggaruun dhiibbaa uumeera waan jedhutu jira.'' Jechuunis haalota murtee ammaaf sababa ta'an himaniiru Dr. Awwal.

Murteewwan kunniin biyyittii dimookraatessuuf tarkaanfii gaariidha kan jedhan Dr. Awwal, ammas siyaasa biyyattii keessatti qaamni aangoo olaanaa qabu Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay waan ta'eef kan hidhus kan hiikus isaanii. Mootummaan naannoo Oromiyaas uummannis walii tumsuun murteewwan kunniin akka hojiirra oolaniifii gaafileen uummata Oromoo hedduun hafan akka deebi'an qabsoo nagaa itti fufuu qabus jedhan.

''Namoonni baayyeen murtee kana shaakkaa jiru shakkuun kuni sirrii dha. Amalli mootummaa kanaa waggoota 25 kan muli'su amanuu akka hin qabnee dha... mootummaan naannoo Oromiyaas wantoota jijijjiiran adda addaa argaa jira. Wantoota hojjetan kanaaf uummanni deeggaruu qaba, humna ta'uufi qaba humna biraa wajjin wal falmaa jiru waan ta'eef'' jedhu Dr. Awwal.

Jalqabbii gaarii

Dr. Awwal haalli ibsa kanaa gaarii fi kan jajjabeefamuudhaa jedhu.

Haa ta'u malee gaafii uumataafi akka deebii waligalaatti utuu hinta'in tarkaanfilee fudhatamuu qaban keessa akka isaa tokkootti yoo fudhatameef gaariidha jedhaniiru.

Falmaa mirga namummaa fi gazexeessaa kan ta'an Obbo Geetaachoo Shiifaraa ammo ADWUI walgahii isaa kan guyyoota 17 wayita xumuretti bakka tokkotti dhimma mirga namoomaa ilaalchisee tarkaanfii bu'uraa fudhanna jechuu isaaniin walqabatee hawaasa biratti gaaffii tarkaanfii akkamii fudhataa laata jedhu uumee ture jedha.

''Sababni kanaas mirgi namummaa baay'een isaa hidhamtoota waan ilaallatuufi. Kun ammo gaaffii siyaasaa kan bu'uuraa waan ta'eef akka amma jedhan kanatti hin eegne.''

Obbo Gabruu Asraat akka jedhanitti ammo duraanuu hidhamaan siyaasaa kan jedhamu jiraachuun irra hin turre. Eenyu iyyu ilaalcha siyaasaa qabuun hidhamuun akka irra hinjirre heera biyyatti tuquun dubbatu. ''Kanaafuu silumaa tarkaanfiin akkana namoota siyaasaa irratti kan xiyyefateedha. Maa'ikelaawwiin egaa qaamaafi meeshaa cunqursaa kanaatii,'' jechuun dubbataniiru.

Murtii kana akka tarkaanfii gaarii ta'e tokkootti haa fudhatan malee kan barfateefii badii hedduun erga qaqabee booda kan fudhatame ta'u isaas ni dubbatu.

Mootummaa kan kanaan ga'e maali?

Akka Dr. Awwal jedhanitti mootummaan ADWUI murtee kanarra akka ga'uuf dhiibbaan qabsoon ummanni bifa qindaa'aan taasisaa ture paartilee miseensa ta'an irraan ga'aa ture ga'ee qaba.

''Kun bu'aa qabsoon ummanni walitti fufiinsaan taasisaa tureeti'' jedhan.

Dr. Awwaliif hiikamuun hidhamtoota siyaasaa waan guddaadha,''Balleessaa tokko malee sababa mirga heerri mootummaa kenneef fayyadamanii heerri mootummaa akka kabajamu gaafataniif namoota hidhaman hiikuun kallattii gaaffii haqaa uummanni gaafachaa jiruun waan dursa argachuu qabu.''

''Namoota sagaleen ummataa dhagahamuu qaba jedhanii gaafatan seeraa fi heera mootummaa fayyadamanii hidhaniiru. Mootummaan sirna dimookiraasiin babal'isa yoo jedhe, mariidhaan carraa paartilee siyaasaa baayyeef kennuun yoo irra jiraate, duudhaawwan dimookiraasii akka dagaagan yoo barbaade tarkaanfiin jalqabaa hidhamtoota siyaasaa hiikuudha,''jedhan.

Obbo Geetaachoon ammoo dhiibbaa mormiin ummataa geessise caalaa mootummaan ADWUI waan ittiin ummata gowwoomsu mala of harkaa fixuusaa agarsiisa.

Kanaan dura waa'ee guyyaa alaabaa, barkumee fi abbaay jechuun gaaffii ummataa haguugaa turan.

Haalli amma jiruu fi gaaffiin ummataa hidhamtoonni siyaasaa haa hiikaman kan jedhu waan ta'eef' ''nan hiika'' jechuudhaan umurii siyaasa isaa dheereffachuuf waan kanatti fayyadamuu malas jedhaniiru.

Obbo Baqqalaa Garbaa, Profeesar Mararaa Guddinaa hanga Andaargaachoo Tsiggeefaai mana hidhaatti dararamaa jiru. Kanaafuu ummanni akka jarri kunneen hiikamaniif gaaffii gaafachaa turan ,gaaffiin isaanii deebii waan dhabeef ofiin deebifachuuf dirreetti ba'an. Sanatu kana fide,'' jedhan.

Kanaafuu hiikamuun namoota kunneenii haqa hidhamee ture hiikuu fi gaffilee hawaasaa biroos waan hordofsiisuuf gaaffiin ammas itti fufa jechuun yaada kennan.

Dhaabbileen Mirga namoomaf falman maal jedhan?

Dhaabbanni Aministii Internaashinaal qorataa isaa Fisehaa Taklee waabefachuun ibsa keenneen '' oduun kun barri hamaan cunqursaa darbaa jiraachuuf mallattoo ta'uu dandaa'a, dhimmaa siyaasaa fi ragaalee sobaan qiqinda'aananin namoota lubbuu isaanii dhabaniifii baroota hedduuf manneen hidhaa keessa warreen daraarmaniif garuu murteen kun barfataadha'' jedheera.

Hooggantooni mootummaa Itoophiyaa hidhamtoota kana hiikuuf murtee isaanii guutummaan guutuutti akka hojiirra oolchanis gaafateera. Dabalataaniis mootuummaan labsii farra shororkeessumaa dabalatee seeroota cunqursaaf namoota saaxilan akka hambisu yookan akka fooyyeessu gaafateera.

''Ma'aakalaawii cufuun yaakkoota gara jabinaa achitti raawwataman dhooksuuf yaalamuu hin qabu. Maa'ikalaawiin baroota dheeraaf bakka namoonni yaada mootummaa morman, gaazexesitootaa fi hoogantoota paartilee mormituu mootummaan gidduugalaa itti daraaraa qoratudhas '' Jedheera.

Seenaa haaraa kabaja mirga namoomaa kan jalaqabuun dand'amu yakkoonni gara-jabinaan raawwataman hundi qoratamanii raawwattoonni yakkichaa seera dura wayita dhihaatan qofa dha, Kan jedhu Amenistii Initernashinaal dhimmi namoota achibuuteen isaanii hin beekamnee osoo hin beekamiin namoota qabsoo nagaa gaggeesuu isaaniin hidhaman gadhiisuun qofti gahaa mitis jedheera.

''Yoomii fi akkamitti murteen kun akka raawwatamu mootummaan waan jedhe jiraachuu baatus cunqursaa siyaasaa barootaaf ture dhaabsisuuf tarkaanfii gaariidha'' kan jedhe ammoo Humaan raayits waachi.

Ma'aakalaawiin cufamee hidhamtoonni gara mana hidhaa biraatti dabarfamu yoo ta'eefi dararaan walfakkaatu isaan mudata yoo ta'e murtichi hiika hin qabu kan jedhu dhaabbatichi, mootummaan hooggantoota basaasaa hidhamtoota dararuun seeraan kan adabsiisu akka ta'e akkekachiisuu qaba jedheera.

Dhaabbatichi itti dabaluun mootummaan itti fuufuun hiriira nagaa hayyamuun seerota cunqursoo ta'an fooyyessun jijjirama fiduu qaba jedheera.

Odeessa kana irratti dabalata