Humni waraanaa Sudaan baqattoota Eritiiriyaa baraare

Godaantota Eritiriyaa Image copyright ASHRAF SHAZLY
Goodayyaa suuraa Lammiileen Eritiriyaa gara biyyoota Awroopaa galuuf hedduminaan lammilee goodaansa seeraan alaa geggeessan keessaa yoomuu ta'an suurri kun suura bakka fi yeroo biraatti fudhatamee dha.

Baha Sudaan bosona naannoo Girboo jedhamutti baqattoonni Eertiriyaa 98 to'annoo daddabarsitoota seeraan alaa jala turan mudde 30 bilisa bahuu saanii hoogganaan dhimma yakkaa naannoo Kasalaa Birgaadeer Janaraal Abdullaahii Ali Sayiq ibsa tajaajila oduu Sudaaniif kennaniin beeksisaniiru.

Duulaa baqattoota kana gadhiisisuuf godhameen lola walitti banameen lubbuun darbe jiraachuu baatus warren seeraan ala namoota daddabarsan irraa namoonni baayyeen qabamaniiru.

Komishiinii baqattotaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dubbii himaa itti aanaa damee Sudaan kan ta'an Mohammada Ali Faayiz Na'iim ibsa BBC f kennaniin namoonni baraarfaman kunniin dangaa ce'aa kan jiran seeraan ala ta'uu fi ta'uu dhiisuun hin mirkanoofne jedhaniiru.

Akka qondaalli kun jedhanitti haalli fayyaa baqattoota dhiiraa 57, dubartii 41 fi daa'imman 25 ammaaf kan hin beekamne akka ta'eefii wayita kaampii baqattootaa Shirifaay jedhamu gahan haalli isaanii ni qoratama.

Image copyright ASHRAF SHAZLY
Goodayyaa suuraa Lammiileen Eritiriyaa gara biyyoota Awroopaa galuuf hedduminaan lammilee goodaansa seeraan alaa geggeessan keessaa yoomuu ta'an suurri kun suura bakka fi yeroo biraatti fudhatamee dha.

Haalli nageenyaa isaanii waliigalaa yaaddessaa miti, dhimmi isaanii qaama olaanaa baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Komishinii Baqattootaa Sudaaniin hordofamaa jiras jedhaniiru.

Hooggantoonni naannoo kasalaa bara 2018 kanatti daddaabarsa namootaa seeraan alaa fi butamuu baqattootaa habisuuf akka hojjetan beeksisaniiru.

Bara faranjootaa darbe kana baqattootaa Eritiriyaa butaman baraaruudhaan galateefamaa kan ture mootummaan Sudaan hanguma galateefame ammo baqattoota Eritiriyaa Sudaanii gara biyyaatti dirqiin deebisuu isaatiin qabsaa'oota mirga dhala namaan qeeqameera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan