Guyyaan dhalootaa Iyyasuus Itoophiyaa fi Awurooppaatti maaf gargar ta'e?

Kadhannaa Image copyright MARCO LONGARI

Akkaataa lakkoofsa baraa Awurooppaatiin guyyaan dhaloota Iyyasuus Kiristoos Mudde 25 yoo kabajamu, Itoophiyaa dabalatee biyyoota 10 ol keessatti ammoo guyyoota 12 booda Amajjii 7 kabajama. Kun attamiin uumamuu akka danda'e hayyootni amantaa ni ibsu.

Lakkoobsi baraa warra giriigooriyaanii godaansa inni fide

Lakkoobsi baraa kan warri mana amantaa ortodoksii ittiin lakkaawan kan warra Awurooppaatiin addadha.

Tokkoffaa addaddummaa waggaa torbaa fi ji'a saddeetii fi sa'atii kudhanii qaba. Lammaffaa tokkoon tokkoon ji'ootaa guyyaan isaan qabaatan addaddummaa qabaata. Tokkoon tokkoon ji'ootaa keessa addaddummaan guyyoota 6 hanga kudhanii ni jiraatu jedhan Luba Tibeb Ba'imnet Mitiku.

Lakkoobsi warra Giriigooriyaan utuu hin jalqabin duraan addunyaan haala walfakkaataadhaan bara lakkaawaa akka turte ni amanama akka Luba Xibebitti.

Haa ta'u malee bara 1382tti phaaphaasii mana amantaa kaatoolikii kan ture Gorgoriwoos barri rakkoo godhate jechuun irra deebiidhaan akka lakkaawamu murteessan.

Ergasiis waggaa tokko keessa guyyaan 365 fi sa'atiin 6 ni jiraata yaada jedhu kaasuun waggaa waggaan sa'atiin tokko tokko nutti dabalameera jedhu.

Kanaafuu sa'atoonni sunniin walirratti dabalamanii ida'amuu qabu yaada jedhuun gumii niiqiyaarraa jalqabee kan jiru itti herregamuun guyyaa 10 guutee onkoloolessa 5 kan ture onkoloolessa 15 akka ta'u labsame.

Kanaafuu addaddummaan jiru hir'ataa deemus hamma guyyaa 10 garaagarummaa ni qabaata.

Egaan Itoophiyaan bara Nooh irraa eegalee lakkoobsa baraa jiru utuu hin jijjiirin itti fayyadamaa jirti.

Kun garuu mana amantaa kiristaanaa Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane manni amantaa Masiriis fooyya'iinsa tokkollee otoo irratti hin taasisin itti fayyadamaati jiru.

Barri geengoo tokkorra tuqaa tokkorraa ka'uun adeemsa lakkaa'uuti kan jedhanimmoo Luba Salamoon Abebe G/Madhiin.

Bara lakkaawu kan jalqabe kirstanummaa sana miti kan jedhan Lubni Solomoon, Kiristanummaan erga dhufee booda garuu bu'ura amantiichaa isaa ta'e Iyesuus kiristoos dhaloota isaa ka'umsa godhatanii jedhu.

Sababni isaas waan akka geengoo tookko irratti tuqaa kam irraa jalqabne lakkoofna akka jechuutii. Naana'anii kan walargan haala uumamaatu naana'uu dachee irratti hundaa'uun bara gegeedaru waan ta'eef lakkoofna.

Kanaafuu lakkoofsi juuliyees, lakkoofsaaf akka tolufiif jecha gara daqiiqaa 44 fi mayikroo sekoondii 56 akkasumaan itti dabaleeraa kan jedhuudha.

Booda irra Girigooriin wayita kana sirreessu, wagoota heeddu boodaa daqiiqoonni sun walitti dabalamuun guyyoota dabalataa 10 ta'anii argaman. Girigooriinis guyyoonni kurnan kun citanii haba'aniif ejjenno fudhate.

Sirreessuun kun wayita geggeefamutti, waggoota kudhanitti mikroo sekondoonni yookaan daqiiqonni kun gara guyyaa guutu ta'uun garaagarummaan kun dhalate.

Nus lakkoofsa Juuliyees isa utuu hin sirreefamiin hafe sana qabanne deemuun ji'oota kessatti sirna aduu hordoofne guyyota irratti kudhanis sadeetis akkasumas waggoota irrattis garaagarummaa uumaa dhufee. Kanaafuu, garaagarummaan jalqaba wayita sirreefamu, isa sirreefame bakka buusu dhiisuu keenyaani.

Dhalachuu Iyyasuus Kiristoos

Akka luba Xibebitti, lakkoofsi guyyaa kan Awuuroopppaa kan inni bu'ura godhate gubachuu room kan bara 735 B.A ti. Kana irraa ka'uun egaa barri kakuu haaraa kan lakkoofsa bara isaaniin kan heregan.

Waldaan kiristiyaana Itoophiyaa garuu kana bu'ura godhachuun hinturre. Sababni isaas waanti akkana kun garagarummaa waggaa fiduu waan danda'uuf.

Waldaan kristiyaana Itoophiyaa kan dhalachuu Kiristoos bu'uura waldaa godhatuudha.

Kunis wangeela Luuqaas boqonnaa tokko irratti Gabreel qulqulluun ji'a ja'affa irratti gara durbee Maariyaam ishee dhiira hinbeekne ergamee deeme jedha. Ji'a ja'a jechuun isa dura seenaan tokko jiraa jechuudha.

Boqonaa sana irratti Gabreel qulqulluun gara Zakaariyaas deemuun Yoohaannis akka dhalatuuf misiraachoo itti himee ture.

Garaa haadhasaatti hafuun Yoohaannis erga ta'e ji'a ja'a booda Gabreel qulqulluun gara giiftii keenyaa Maariyaam durbaa deemee jechuudha.

Kanaafuu bu'uurri/jalqabni dhalachuu Gooftaa Keenyaa kan ta'e garaatti hafuu Yoohaannis yookaan dhalachuu isaa turee Jechuudha.

Yeroo sana beekuuf ammo Kakuu moofaa keessatti Zakkaariyaas gara mana qulqullummaatti galuun yeroo inni itti ixaana aarse ji'a torbaffaa keessa guyyaa kurnaffaa irra (Seera Leewwotaa 16:29, 23:27) jedhamuun seeroonni kennaman turan.

Lakkoobsi guyyaa kan Yuhuudoota ammo Bitootessatti jalqaba.

Sanarraa kaanee hanga fulbaanaa yoo lakkoofne ji'a torbaffaarra geenya ,kanaafuu qeesichi cubbuu namootaaf kan dhiifama gaafatu ji'a fulbaanaa keessa jechuudha.

Kanaafuu akka dhaabbata amantaa kiristaanaatti guyyaan ifatti bahuu fulbaana 27. Sana boodammoo guyyoota sadi booda haadha manaasaatti dhaqee himee yohaannis garaatti baatame.

Ergasii ji'oota ja'a booda Gabreel gara maariyaam deemuusaa yoo itti lakkoofnu Bitootessa 29 ta'a. Ergaa sanaammoo kaanee Ji'a sagalii fi guyyaa shan yoo itti idaane muddee 29 irra geenya.

Dhalooti gooftaa yoom kabajamuu akka qabu kan jedhuuf deebii kennuuf ammoo manni amantaa yoom ifatti kabajauu eegale kan jedhu ilaaluutu barbaachisa jedha Lubni salamoon ammoo.

Macaafa qulqulluu keessatti Iyyasuus dhalachuusaa malee yoom akka dhalate hin ibsu. Seenaa jalqaba ifatti ba'e kan argannu jaarraa 4ffaa keessa.

Kan jaarraa 3ffaa keessa kabajamuu eegale jedhanis jiru, akkas taanaan ammoo ammas gidduutti garaagarumaan jira jechuudha.

Lakkoobsi baraa beektonni wayita lakkaawan akka dhaha Itiyoophiyaattis ta'ee akka warra Giriigooriyaaniitti wayita duuba deebi'amee lakkaawamu dogoggorri uumamaa akka ture kan lafa kaa'an Lubni Salamoon sanarra guyyaa dhaloota Iyyasuus adda baasuuf jecha Macaafa qulqulluu ilaaluun gaaruma jedhu.

Mallattoowwan yeroo Iyyasuus dhalate akka agarsiisan jiraachuu qeesaar ,lakkoobsi ummataa akka geggeeffamu ajajuusaa, urjiin mul'achuu(qorattoonni urjii duubatti deebi'anii akka qoratan waan dandeessisuuf),mootiin heerdoos jedhamu yahuudaarratti jiraachuusaa, Pheenxenaawwii Philaaxoos Room irratti bulchaa ta'ee filatamuusaa, taateewwan seenaa kunneen warren macaafa qulqulluun ala jiraniin wal bira qabnee yoo ilaalle haalli lakkoobsaa kan lameenuu boodatti deebi'anii yoo ilaalaman dogoggora uumaniiru.

Akka Giriigooriyaaniiitti waggaa torba boodatti kan itoophiyaammoo waggaa 15 boodatti deebi'uuni kan taateewwan seenaa ta'an qorannoowwan jedhanis ba'aniiru.

Warra wongeelaa fi kaatoolikootaa Itoophiyaa

Kiristaanonni warra Wongeelaa Itoophiyaa guyyaa dhalootaa, du'aa fi du'aa ka'uu akka ayyaana guddaatti kabaju.

Akka Luba Salamoonitti duraan kiristaanumaa biraatu waggoota 2000f ture.

Amantiiwwan kiristaanaa Itoophiyaa keessa jiran haala barsiisaa fi hordooffii akkasumas akkaataa waaqeffannaa gargaraa qabaatanis guyyaa dhalootaa ilaalchisuun kanuma duraan kaa'ame hordofuu filataniiru.

Manni amantaa kaatoolikii Itoophiyaa biyya deemtu hundatti aadaa fi adeemsa jiru hunda hordofteeti kan lallabbii amantaa geggeessitu kan jedhan Lubni Xibab kanarraa ka'uudhaanis manni amantaa kun lakkoobsa addatti akka hin qabne hubachiisaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan