Afriikaa suuraadhaan: Muddee 30,2017 - Amajjii 4,2018

Suuraawwan babbareedoo Afriikaa torban kanaa.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Doo'attoonni sirna ayyaana bara haaraa Zimbaabwee naannawa Fincaawaa Viktooriyaatti kabajameen wayita qalbiinsaanii booji'amu.
Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Bara haaraatti ce'uuf wayita lakkoobsi lakkaawamu lammiileen Keenyaa magaalaa Naaroobii galma guddicha Keenyaataatti wal gahan gammachuusaanii ibsan.
Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Lammiileen Afriikaa Kibbaa magaalaa Darbanitti walgahuun bishaan daakuudhaan bara haaraa 2018 simatan.
Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Daa'imman Naayijeeriyaa magaalaa Abujaa guyyaa Wiixataa sirna tapha ijoolleetiin wayita bara haaraa simatan.
Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Roobii darbe , keesummeessitoonni geejjibni baaburaa Finfinnee irraa Jibuutii geessuu inni haarawaan eebbifamu buufata baaburaa Jibuutii Nagaad jedhamutti kan ka'an.
Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Guyyuma kana, baqattoonni Eritiiriyaa gammoojjii Israa'elii fi Ijipti daangessu keessa taa'anii wayita dhuguu fi shiishaa bishaanii xuuxuun bashannanan.
Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Dilbata darbe, Pirezidaantiin Sudaan, Omar al-Bashir, kabaja waggaa 62ffaa guyyaa walabummaasaanii itti gonfatanii magaalaa Kaartumitti geggeeffame irratti argamuun haasawa wayita taasisan.
Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Guyyuma kana, tikeen loonii muraasni wayita lafa dhoqqaawaa Taanzaaniyaa oddoola Zaanzibaar keessatti argamu keessatti aara galfatan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan