Qubsuma Koo 18: Awustiraliyaa dhufee wayitan nama qullaa deemu arge guddaan rifadhe

Aadde Qananiituu bakka hojje isheetti Image copyright Qananiitu G Butuchaa
Goodayyaa suuraa Hojiin oggummaa fayyaa kan ittiin uumata garggaaran waan ta'eef kan nama boonsuudha

Qananiituu Butuchaan jedhama, waggoota 17'n darban keessa as biyya Awustiraaliyaa magaalaa Melboorn keessan jiraadha. Biyya kana ergan dhufees baradhee narsii ta'uun kanan hojjechaa jiru wayita ta'u hojii cidha karoorsu hojjechuunis galii dabalata argachaan jira.

Seenaan biyya kana dhufukoo dheeraadha. Jalqabarratti bara 1992 keessa abbaan warraakoo ammaa fi wayita sana kaadhimaa kiyya kan ture hiraara irra gahaa ture irraa kan ka'e biyyaa bahee Keeniyaatti baqate.

An garuu barumsa kiyya itti fufee hanga xumurutti baradhee koolejii galus, kadhimaan kiyyaa haala rakkisaan Keeniyaa keessa waggoota dheeraa waan tureef isa bira dhufuuf jecha baruumsa kiyya adda kute.

Kanumaan biyya abbaa kiyyaa gadi dhiisuun rakkina kamiin iyyuu kaadhimaa kiyyaa waliin ta'ee simachuuf qophii ta'uun gara Keeniyaatti imale.

Jaalalli gatii guddaa nama kaffalchiisullee waaqayyo ammoo nu milkeessee waggaa tokkoof walakkaa booda walqabanne gara Awustiraaliyaa dhufuu dandeenye.

Image copyright Qananiituu G Butuchaa

Garaagarummaan Itoophiyaa fi Awustiraaliyaa gidduu jiruu jechaan himuun rakkisaadha. Kun biyya haalaan guddate qofa utuu hin ta'iin kan mirgi dhala namaa keessatti eegamuu, diimokiraasii fi bilisummaan kan keessatti mirkana ta'eedha.

Nyaata biyya kanaa kan jedhamu hin jiru, sababni isaas namoota biyyoota addaa addaaa irraa dhufantu keessa jiraata waan ta'eef akkuma aadaa isaaniitti nyaata gosa baay'eetu asitti argama.

Kanas ta'ee wayita bashannanaafis ta'u nyaataaf yeroo gadi baanu kanan yeroo baay'ee nyaachuuf filadhu keessa inni tokko 'Burger chiips' kan jedhamuudha.

Image copyright Qananiituu G Butuchaa

Biyya koo irraa waantan yeroo baay'ee yaaduu yoo jiraate aadaa boonsaa nuti qabnuudha. Aadaa waliin jiraachuu fi keessattu aadaa fuudhaaf heerumaa isa baadiyyaa keessatti godhamu sana baay'een yaada.

Cidha fardaan raawwatamu, uffata aadaa bareedeen geggeeffamu sana baay'een jaaladha. Anis carraan na qaqqabee utuun akka aadaa keenyaatti fardaan heerumeera ta'e guddoo natti tola ture.

Magaalaa Melboorn, Awustraaliyaa keessa bakki daawwadhuu fi dhaqee itti bashannanuu jaalladhu inni guddaan bakka qarqara galaanaa 'Seeyint Kiildaa' jedhamuudha. Keessattu yeroo biiftuun galaanicha duubaan lixxu ilaaluun guddoo na gamachiisa.

Image copyright Qananiituu G Butuchaa

Biyya Awustiraliyaa dhufuukootiin nagaa argachuutti aanee wanti guddaan argadhe biroon carraa barumsaa fi isan baradheen ammoo uummata tajaajiluu danda'u kooti.

Biyya kana keessatti hojii fayyaa hojjechuun waan nama boonsuu fi kan haawaasa ittiin gargaaran waan ta'eef kabajaa guddaa namaaf argamsiisa, kanaafu carraa kana argachuukootti guddaan gammada.

Utuun aangoo addaa tokko qabaadhee biyya kana keessatti waantan jijjiiruu barbaadu ni jira, innis dhiheenyatti saala walfakkaataan wal fuudhuu akka danda'aniif seera haaraa bahe sana haquudha.

Kun seera uumaamaa fi amantii kiyyaan kan wal-faalleessu waan ta'eef utuu dhorkame natti tola.

Haalli biyya kanaa biyya keenyarraa heddu addaa, kanaafuu biyyikoos utuu akkas naa taatee jedhee akkaan hawwu wantii nagodhan baay'eetu jiru.

Keessattu akkaata hojiileen tajaajila hawaasaa saffisaan namoota akka qaqqabu itti godhamu biyyi keenyaas utuu bartee jedheen hawwa.

Karaa biroo ammoo yeroo hawaasni Oromoo asitti walgahi fi cidha qabaannu namoonni keenya walitti dhufuun sirna aadaa akki itti geggeefamu sun biyya kiyya akkan guddise yaadu na taasisa.

Jalqaba biyya kana wayitan dhufe rakkoo na qunname keessa inni guddaan rakkoo aadaa fi afaan beekuu dhabuu ture.

Biyya kana safuun hinjiru, namni xiqqoomaaf qullaa hin adeemiin jira, qaama saala isaaani waan dhoksu huccu xiqqoo uffatanii deemu.

Kun nama biyya kanatti haaraa ta'eef guddaa waan nama naasisudha. Anaanis yeroon biyya kana dhufe kanumatu na mudate, namoota akkanatti deeman wayitan arge guddoon rifadhe.

Image copyright Qananiituu G Butuchalaa

Afaan isaanii qajeelchee hamman baruttis rakkoon na qunname xiqqodha hin jedhamu.

Kanaafu namoonni keenya bakka jiran hundatti afaan Inglizii kana jabaatanii yoo baratan bakka dhaqanitti guddoo waan isaan fayyaduuf kana dhaamuufiin barbaada.

Waanti na butee biyyakoo nabuusu utuu jiraatee bakka itti dhaladhee fi haadhaaf abbaan kiyya itti argaman Kuyyaraa Shashamanne keessatti of arguun gamachuu olaanaa naaf kenna.