Baqattoota Isiraa'el keessatti ari'amuun ykn hidhaan isaan eeggatu

Baqattoota Isiraa'el keessatti hiriira ba'an Image copyright Getty Images

Israa'el namoota baqattoota diinagdeeti jettu kunneen baqattoota dhiibbaa bulchiinsa biyya isaanii keessa jiru baqatanii, du'aafi jireenya keessaan Gammoojjii Sahaaraafi Galaana Mediteraniyaanii qaxxaamuranii kolu galtummaa siyaasaa warra gaafatan akka ta'an BBC'tti himaniiru.

Baqattoonni kunneen hawaasni addunyaa rakkoo yaachisaa isaan mudate kana akka irraa oolchuufis gaafataniiru.

"Murteen kun baqattootaaf cittoorratti fanxoodha"

Lammiin Eritiraa kolu galtummaa gaafachuun waggoota torbaaf Isiraa'el keessa jiraate Hayilee Mengiste'aab, biyyattii keessatti qabannaan namaa jiru rakkisaa akka ta'eefi abdiin mul'atu akka hin jirre dubbata.

Inni akka jedhutti jireenyi baqattumaa rakkisaadha. "Jireenyi 2006 irraa kaasnee jiraachaa jirru kan waa'ee hin baafne ture. Yeroo kolu galtummaa gaafachuu eegallerraa kaasnee hanga ammaatti namoota 10 qofatu eyyama jireenyaa argate," jedha.

Isiraa'el waggoota darban keessa baqattoota Afriikaa baasuudhaaf yeroo dhaadatterraa kaastee 'Holoot' kan jedhamu bakka baqattoonni tursiifaman ijaaruun baqattoota hedduu ji'oota 20 tursisteetti.

Waggaa tokkoon booda garuu manni murtii biyyattii bakki tursiisuu sana waan cufsiiseef, baqattoota Afriikaa Isiraa'el keessaa baasuuf murteesseera.

Baqattoota Afriikaa kuma 38 ta'an Isiraa'el seeraan ala galan jettu keessaa walakkaa ol Ertiraanota yommuu ta'an kuma sadetitti kan dhiyaatan ammoo Sudaanotadha.

Yeroo ammaa kana rakkoo cimaa keessa akka jiru kan dubbatu Hayileen "jireenyi baqataaf cittoorratti fanxoo ta'eera jedha.

Waan foyyaa'e waan hin argineef kolu galtummaa osoo hin gaafatiin tureera, "warri gaafatanillee gaaffii isaaniitiif deebii waan hin arganneef waan abdadhu hin jiru," jedha.

Image copyright Haile Mengsteab

Fayyaa sirna Wal-hormaataa irratti barumsa kan kennitu Asmaayit Merihatsiyon Isiraa'el seera biyyashee barsiisuuf waan hojjette hin qabdu. Kanaaf, baqattoonni abdii kutatanii rakkoof saaxilamaniiru jetti.

"Baqattoonni Afrikaa abdii kutatanii biyyattii keessaa akka ba'aniif irra deddeebiyanii seerota isaanii jijjiruun dhiphisaa turan. Baqataan guyyaa Isiraa'el seenerraa eegalee akka of jibbee ba'u taasifna jedhu".

Kana hundumaaf sababiin gurraacha jaallachuu dhabuu isaaniiti jetti. "Sababii biraa hin qaban: garraacha jaallachuu dhabuu isaaniiti malee baqqatoota adii kuma 80 ol ta'anitu jiru. Tokkoo isaaniillee hin xuqne," jechuudhaan nuuf ibsiteetti.

Yeroo ammaa kanatti baqattoonni Isiraa'el keessatti argaman qaama du'aafi dararama baqattummaa lammaffaarraa isaan oolchu barbaadaa jiru.

Carraan isaanii maal ta'a?

Baqattoota Isiraa'el qarshii muraasa kennuun baasuuf barbaaddu keessaa warri gaa'ela qabaniifi daa'imman qaban carraa turuu qabu.

Baqattoonni akka ba'an jedhaman fedhii isaaniitiin karaa mirgi namummaa isaanii eegameefiin akka deebiyan anga'oonni biyyattii kan ibsan.

Haa ta'u malee haalli jiru kana miti jechuudhaan baqattoonniifi dhaabbileen mirga namoomaa ni dubbatu.

Daa'immaniifi warri gaa'ela qaban carraa turuu qabu jedhamullee biyyoota baqattoota fudhatu jedhamutti erguu waan hin dandeenyeef suuta suutaan baasuudhaaf karoora qabu jedhu.

"Murtee isaanii kanaan duraan dursa warra kolu galtummaa hin gaafatiinirratti xiyyeeffatu. Isa gaafatus ni dhowwatu. Hojiifi kiraa manaa akka hin arganne taasisu. Carraan nu eeggatu kanadha," jechuun dubbata Hayileen.

"Miidhaan nurra ga'u guddaadha, Isiraa'eloonni nun qacaran, gibira dhibbentaa 16 akka kaffalan waan taasifamaniif nama Ertiraa ta'e tokko qacaruurra adii lama qacaruu filatu," jechuudhaan carraan baqataa maal akka ta'e tilmaamuu dubbata Hayileen.

Asmaayitis, ''daa'immaniifi ijoollee durbaa maal gochuuf?'' jechuun gaafatti.

"Yeroo booda warra hafanis akka dirqamaan ba'aniif ni mallatteessisu ta'uu baannaan mana hidhaa galchu. Haala Kanaan baqattoonni gara du'aafi gidiraatti deemaa waan jiraniif qaama sagalee isaanii dhageessisuufi isaan dhaga'u barbaadu," jetti.

Image copyright Asmite Merhatsyon

Mirga namoomaaf warra dhaabbatan

Dhaabbileen mirga namoomaaf dhaabbataniifi dhaabbileen hawwaasummaa biroo Israa'el keessa jiran murtee mootummaa Isiraa'el mormuudhaan tarkaanfichi jireenya baqattootaa balaaf kan saaxiluufi hojii namummaa miti jechuudhaan mormu.

Gareen Asaaf jedhamu mirga namoomaaf dhaabbatu murtichi carraa baqattootaa balaadhaaf kan saaxilu jechuudhaan mormeera.

Adii Diroorii Asaafirraa BBC'ttii akka himtetti baqattoota fudhachuudhaaf Isiraa'el waliin walii galtee mallateessaniru kan jedhaman Ugaandaafi Ruwaandaan Isiraa'el waliin waliif galanii baqattoota dirqisiifamanii dhufan fudhatuu? Gaaffii jedhu guddaa gaafachuu qabna jetti.

"Baqattoota waggaa 60 ol ta'an, qormaata guddaa keessa darban, yaaddoo keessa kan jiraniifi kan dhukkubsatanitu jiru. Afriikaan itti dabalees addunyaan maal gochuu yaadu kan jedhu gaaffii qabna."

"Ba'aa kan jedhaman baqattoota Afrikaadha, Afrikaa Afrikaatti erguun jijjiirama hin fidu," jechuun dhimmichi qabsoo cimaa barbaada jetti Adiin.

"Baayyeen isaanii Ertiraanota waan ta'aniif waa'ee jireenya isaanii gaafanna. Biyya Afrikaa biraatti ergamuun nageenyi isaanii ammam kan eegame ta'a? Waggoota dhiyoo keessa haala kanaan warri deebi'an baqattoonni karaa Ruwaandaa, Ugaandaa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, Liibiyaa, Mediteraaniyaanirraan goranii gara jireenya baqattummaa hamaatti deeman. Asirratti lubbuu meeqatu darbaa?' jechuudhaan gaafatti.

Hayilee Mengiste'aab baqattoonni Eertiraa garri caalan baqattoota siyaasaa akka ta'an Isiraa'el hubachuu qabdi jedha.

"Namni damma dhiisee damma barbaacha deemu hin jiru. Eenyummaan keenya akka baduufi addaan faffacaanee akka hafnu haala siyaasaa taasisutu jiraaf biyya keenya dhiisnee dhufne," jedha.

''Mootummaan Ruwaandaa nu bitataa jira" kan jettu Asmaayiti "dhaabbileen mirga namoomaafi biyyoonni callisuu filatan mootummaa Isiraa'el kadhachuudhaan amansiisuu qabu" jetti.

Ugaandaafi Ruwaandaan maal jedhu?

Torban darbe Ugaandaan baqattoota Isiraa'elirraa dhufan akka hin fudhanne ibsiteetti. Yeroo darbe Asaaf kan keessatti argamu dhaabbileen mirga namoomaa torba dhima kana irratti mootummaa Ruwaandaaf xalayaa barreessaniiru.

Mootummaan Ruwaandaa deebiin kenne jiraachuu baatullee, ministeerri dhimma alaa waliin akka dubbachaa jiran Adii Diroorii dubbattee jirti.

Muummichi ministeeraa Isiraa'el gara mana hidhaatti ykn dirqamaan xiyyaaraan isin feena yeroo jedhutti Ugaandaafi Ruwaandaarraa waan biraa dhaga'aa jirra jetti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata