Miidiyaa maxxansaa Itoophiyaa 'balaaf saaxilame'

Miidiyaa maxxansaa Itoophiyaa 'balaaf saaxilame' Image copyright MARCO LONGARI

Magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessa kan jiraattu Albaab Hayiluu yeroo mara ganama ganama gara hojii ishee yoo deemtu waa taajjabdi. Jiraattonni magaalattii sochii tiraafikaa rakkisaa ta'e keessattis konkolaataa dhunfaas ta'e kan uummataa keessatti Gaazexaa dubbisu.

"Jiraattonni magaalaa Naayiroobii odeeffannoo gaazexaa irraa argataniin jiruufi jireenya isaanii gaafa gaggeessan yoon argu, hedduun hinaaffa," jetti.

Bara 1902 A.L.I gaazexaa jalqabaa 'Aa'imiroo' jedhamtuu maxxanfamuu erga eegaltee as, mootummoonni Itoophiyaa bulchaa turan damee miidiyaa maxxansaa irratti dhiibbaa gaariifi badaa mataa mataa isaanii uumanii jiru.

"Miidiyaan maxxansaa erga ADWUI'n aangootti dhufee as yeroo murtaa'eef guddina gaarii agarsiisee ture, amma garuu rakkoo cimaaf saaxilamee jira," jedhu Yuunivarsiitii Finfinnee muummee Gaazexeessummaafi Komunikeeshinii hogganaa kan turanifi wayita ammaa Yuunivarsiitii Niiwu Meksiikoo biyya Ameerikaatti piroofeesarummaan tajaajilaa kan turan Dr. Abdiisaa Zara'aay.

Filannoo bara 1997

Yeroo gara garaatti qopheessaa barruulee adda addaa ta'ee kan hojjetaa tureefi dhiheenya kana mana hidhaatii kan gadi dhiifame gaazexeessaa Tamasgen Dassaaleny, "miidiyaan maxxansaa filannoo A.L.I bara 1997 booda jiru du'aadha" jedha.

"Filannoo sanaan booda, dhiibbaan mootummaan keessattuu pireesii dhunfaarra geesisaa ture hamaa waan tureef gaazexoonni dhunfaa hedduun cufamanii jiru," jedha Tamasgen.

"Bara 1997 booda seerota farra shororkeessummaa, hawaasa siivikii fi sabaa himaalee ilaalchisuun mootummaan baaseen miidiyaa irraa rakkoon cimaan gaheera" kan jedhan DR. Abdiisaan, "ergasii as miidiyaan maxxansaa dandamachuu hin dandeenye," jedhu.

"Seeronni mootummaan baase kunneen sodaa nurratti uuman irraa kan ka'e yeroo tokko tokko maal maxxansiifne maal akka dhiisnullee hin beeknu turre," kan jette ammoo gulaaltuu barruu 'Addis Standard' kantaate gazexeessituu Tsedaale Lammaati.

Barruun Addis Standard' waggoota shaniif osoo adda hin citiin erga maxxanfamaa turee booda sababa labsii hatattamaa bara darbe labsamee tureen maxxansi isaa adda cite.

Dhiibbaa Teeknooloojii

Gama biraan, teeknooloojiin dagagaa dhufuun miidiyaa maxxansaa irratti dhiibbaa uumeera kan jedhanis jiru.

Albaab garuu kanarratti walii hin galtu.

"Namni teeknooloojiitti fayyadamee bilbila harkaa isaatiin odeeffannoo barbaachisaa argachuu danda'uun isaa miidiyaa maxxansaa irratti rakkoo uumeera jedhee hin yaadu, Naayiroobii yoo fudhanne, teeknooloojiinis ta'e itti fayyadama intarneetiin hedduu nu caalu kun garuu jiraattota ishee gaazexaa dubbisuu hin dhorkine," jetti.

Tamasgen fi Tsedalenis yaada kanarratti waliigalu. Miidiyaan maxxansaa laaffatuu isaatu namoonni gara marsaariitii fi marsaalee hawaasaa akka deebi'an godhe malee miidiyaan maxxansaa cimaan osoo jiraate, ammayyuu namni dubbisuu danuu ta'uu dubbatu.

"Qabiyyeen marsariitii irraa argatan waan gahaa ta'eef namni gaazexaa fi barruulee bituu dhiise yaada jedhu hin qabu, haalli mijatee miidiyaan maxxansaa qabiyyee namni dubbisuu fedhu osoo qabatee bahee nama dubbisu dhaba jedhee hin yaadu," kan jedhu abbaa marsariitii 'Horn Affairs' Daani'eel Birhaanee dha.

"Xiyyeeffannaan mootummaan damee kanaaf kenne gadi aanaadha, serri farra shororkeessummaas hanga murtaa'e dhiibbaa irraan gaheera garuu seerichi barbaachisaa miti jedhee hin yaadu," jedha Daani'eel.

Image copyright MARCO LONGARI

'Ofiin of sakaaluu'

Rakkoo miidiyaa hawaasaa amma mudateef sababootni biroos hedduutu jiru jedhu Dr, Abdiisaan.

"Rakkoon keessoo inni tokko, gaazexeessitoonni damee kanarra jiran naamusa ogumichi barbaadu dhabuu isaaniiti, wantoonni barreeffaman sirna biyya bulchu balaalleffachuuf jecha arrabsoofi walitti bu'iinsaaf kan kakaasan, maqa balleessiifi wantoota akkasii hedduu qabu, kunis miidiyaan dhunfaa ofiin akka of sakaalu gochuu qofa osoo hin taane mootummaanis akka irratti xiyyeeffatu taasiseera," jedhu.

"Gama biraan mootummaan amala miidiyaa maxxansaa hubachuu irraa kan ka'e dameen kun akka guddatu gochuu caalaa, faallaa kanaatiin akka quucaruu taasisee jira," jedhu.

"Miidiyaan maxxansaa of sakaaluun akkuma jirutti ta'ee, silaa mootummaan irree itti jabeeffachuu caalaa akka biyyoota kaani, kaawonsilii pireesiin akka ilaalamu osoo ta'ee silaa fagoo imaluu dandeenya turre," jetti Tsadalen.

"Tamasgen gama isaatiin, dameen miidiyaa maxxansaa balleessaa irraa bilisa ta'uu baatullee kun mootummaan irree itti jabeeffachuu isaaf sababa hin ta'u," jedha.

Egeree...

Barruuleefi gaazexaawwan dhunfaa afaanota gara garaan biyyattii keessatti yeroo gara garaatti maxxanfamaa turan erga cufamanii booda, keessumaa miidiyaan maxxansaa dhunfaa dhimma siyaasaa irratti xiyyeeffatee hojjetu dhibeera.

Foorchuun, Rippoortar, Addis aadmaas fi kanneen biroo hojiitti jiranis dhimmoonni siyaasaa ciccimoo irratti hin xiinxalaman jetti Tsadaalen.

"Biyya gaazexeessitoonni namoota yakka shororkeessummaa hojjetan jedhamanii shakkaman waliin qixa ilaalaman keessa jirra," kan jettu Tsadaalen, seerota damee kana sakaalanii qaban mootummaan fooyyessuu qaba, kun taanaan 'Addis Standard' wanti maxxansatti hin deebineef hin jirus jetti.

"Mootummaaf heddummina jechuun sabaaf sab-lammii qofaan kan wal-qabatedha, haa ta'u garuu heddumminni wanta yaadaa fi faalasama waliin wal-qabatudha. Miidiyaa akka diinaatti ilaaluurra, gahee isaa akka bahu jajjabeessuu wayya," jedhu.

"Yoomi laata namoonni biyya kootiis akka garaa isaaniitti gaazexaa gaggaragalchanii dubbisaa gara jiruu isaanii yoo deeman kanan argu," jettee of gaafatti Albaab.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan