Beengaaziitti yooxiqqaate namoonni 27 dhoyiinsa boombiitiin du'an

Danaa argama Beengaazii kan BBCn kaase ,magaalaa kaaba baha liibiyaa, mul'isu

Liibiyaa, magaalaa Beengaazii naannoo mazgiidaatti boombii konkolaattota lama irratti dhoyeen namoonni 27 yoo du'an hedduun ammoo madaa'aniiru.

Namoota 20 hanga 30 ta'an irra miidhaa cimaan ga'eera.

Balaa hamaa daqiiqaawwan muraasa keessatti lubbuu fi qaama namaa miidheen yaaddoon nageenyaa Liibiyaa keessatti daranuu hammaateera.

Konkolaataan inni tokko ollaa mazgiida Al-seleimaanitti wayita namoonni salaatanii ba'anitti daaraa ta'e.

Yeroo xiqqoo booda konkolaataan biraan dandiirratti gubatee namoota hedduu miidhe.

Balaa kanaan jiraattonni magaalattii fi humnoonni waraanaas miidhamniiru.

Dubbi himaan Hospitaala naannoo Al-Jalaa jedhamuu tokko lakkoobsi namoota miidhamnii dabaluu danda'a jechuun Ejensii Oduu AFPtti himan.

Haleellaa boommbii kana eenyu akka raawwate wanti beekame hin jiru.

Liibiyaan erga bara 2011 goolama siyaasaa keessa galtee hoogganaan biyyattii Muhammad Gaadaafiin ajjeefamanii as nagaa hin arganne.

Biyyattii keessatti gareewwan paarlaamaa lama kan waliif diina ta'antu jiru, humnoonni waraanaas gareen wal qooduun qabiyyee aangoo fi biyyaatiif wal waraanaatti jiru. Kunimmoo biyyattiin salphaatti akka shororkeessitootaan haleelamtuuf haala mijeesseera.

Magaalaan Beengaazii ammoo dirree waraanaa kan warri Garee humna waraana Islaamaa ofiin jedhanii fi Humni waraanaa biyyaalessaa kan Kaliifaa Haftaariin hoogganamu yeroo hunda irratti irratti wal waraananiidha.

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Suuraa wayita Humni Waraanaa Biyaalessaa Liibiyaa fooqiiwwan caccaban qulqulleessan agarsiisu