Naannoo Amaaraa, Qobbootti hedduun hidhamaa jiraachuu dhagahame

Qoboon Magaalaa Waldiyaatti dhihootti argamtuudha

Walitti bu'iinsa Godina Walloo Kaabaa Magaalaa Qobbootti guyyoota sadan darbe keessa humnoota nageenyaa waliin taasifameen, lubbuu namootaafi qabeenya irra balaan qaqqabuu isaa gabaafnee turre.

Har'a ammoo magaalattiin tasgabbii kan qabdu akka fakkaattu ragaan nannichaa arganne ni mul'isa.

Guyyoota kalleessaafi hara'attis namoonni hedduun hidhamaa jiraachuu jiraattoonni magaalichaa bilbilaan dubbifne BBC'tti himan.

Abbaan warraa isaanii har'a ganama qabamuu kan dubbatan jiraattuun magaalichaa, namoonni gara 60 ta'an kan biraa gara buufata poolisii yoo geeffaman arguu isaanii dubbatu.

Namoonni har'aafi kaleessa hidhamanis gara 200 akka gahan kan dubbatan dubartiin kuni, abbaan warraa isaanii mormii kamiyyuu keessatti qooda akka hin fudhatin himanii, hidhamuu isaanitiif sababiin, abbaan warraa isaanii duraan miseensa Paartii Samaayaawii ta'uusaaniitiin akka ta'e himaniiru.

Jiraattuun akka maqaan isaanii hin eeramneef gaafatan kun, abbaa warraa isaaniif bishaan geessan illee, 'bishaan isaaniif hin barbaachisu' jechuun buufata poolisiitii deebiifamuu isaanii BBC'tti himaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata