Buufanni waraanaa Kaabul Haleelame

Sirna Awwaalchaa
Goodayyaa suuraa Sirni awwaalchaa namoota haleellaa boombii Sanbata darbeen ajjeefamanii raawwatameera

Haleellaan kun buufata humna waraanaa Afgaanistaan mana barnootaa waraanaa magaalaa Kaabuul maddiitti argamuutti raawwatame.

Haleellaa kanaan miseensonni waraana biyyatti lama yoo ajjeefaman kudhan madaawuu isaanii dubbii himaan Ministeera humna ittisa biyyatti BBCtti himaniiru.

Hidhattoonni shan haleella kana irratti hirmaachuu himuun, isaan keessaa sadi ajjeefamaniiru jedhan.

Haleellaan alanaa kun guyyoota muraasa dura boombiin ambulaansii irrratti hidhame dhowuun lubbuu namoota 100 gaaga'ee booda isa jalqabaati.

Erga yeroo dhiiyoo as Taalibaanii fi IS bakka haleelaman filachuun balaan magaalittii keeessatti geesisaa jiran dabalee jira.

Dhohiinsi gurguddaa fi sagaleen dhukaasaa wixata ganama dhagahamaa akka ture gabaasaan BBC Mahafuuz Zubiyeed Kaabuul irraa gabaaseera.

Miidiyaan Afgaan Tooloo jedhamu humnoonni nageenyaa daandiiwwan naannoo sana jiran hunda cufuu saanii beeksiseera.

Akka gabaasa Toolootti dubbii himaan pireesidentichaa haleellaan kun rawwatamuu amanuun namoonni balaa kana raawwatan balbala isa jalqabaa darbanii fagoo hin deman jechuun akka muliquu hin dandeenye eeruu gabaseera.

Boombiin Ambuulaansi irratti Sanbata darbe dhohe haleellaa kan biraa torbee tokko dura Hoteela Kaabuul irratti raawwatee lubbuu namoota 22 galaafate booda isa hamaa ture.

Balaa lameenuu Taalibaan raawwachuu isaa amaneera. Dhaabileen Waraanaa Afgaanistaan qaamoolee haleellaan irratti aggaamamaa jiru keesssaati.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan