Haramaan imboocci ammallee Haroo Xaanaaf yaaddoodha

Qonnaan bulaan yemmu imbooccii buqisan
Goodayyaa suuraa Haroon Xaanaa waggoota darbaniif rakkoolee garaa garaatu mudataa jira

Yaaliin taasifamaa jiraatulleen haramaa 'Imboocci, akka biyyaa alaatii galee amanamuu, waggoota dhiyoo asitti baballachuun Haroo Xaanaa dhaaluuf yaaddoo cimaa uumeera. Haramicha dhabamsiisuufis carraqqiiwwan tasifamanis jijjiiramni guddaan akka hin galmaa'iin dubbatama. Sirriiyyuu harichi haramaa gosa gara biraatiif saaxilamaa jiras jedhameera.

Piroofeesarri gargaaraa Ayyaalewu Wandee Yunvarsiitii Baahirdaaritti barsiisaa saayinsii bishaaniifi qorataadha. Naannawa Baahirdaaritti akka dhalatan kan dubbatan Piroofeesarri kun, waggoota 15n darban keessa Haroo Xaanaa irratti dhuunfaafi barattoota isaa waliin qorannoowwan garaa garaa gaggeesaniiru.

Digirii isaanii sadaffaa dhimma Haroo Xaanaarratti hojjechuun alattis faalama haroo kanaa, lafawwan naannichaa bishaan qaban, lubbu qabeeyyii Haroo kana keessa jiraniifi walumaa galattis dhimma Xaanaarratti qorannoowwan gaggeessaniiru.

"Waggoota darban keessa Haroo kana rakkoowwan gara garaatu mudachaa jira. Itti jigiinsa biyyoo, kuufama dalalii, itti fayyadama lubbu-qabeeyyii sirnaan hin taane, dheediinsa hinto'atamneefi qonnaa qarqara bishaanii akka fakkeenyaatti kan heeramaniidha. Keessattuu haramaan waggoota muraasa darban keessa karaa Kaaba Haroo kanaatiin mul'ate 'Imboocci' yaaddoo cimaa uumeera," jedhu Pirofeesarri gargaaraa Ayyaalewu.

Goodayyaa suuraa Haroo kanarratti imbocciin alattis haramaawwan Azoolaa fi Ippaamaa jedhaman uumamaa jiru

Haramaan Imboocci Itoophiyaa keessatti bara 1965 keessa Haroo Qooqaa irratti mul'atee akka ture dubbatu Pirofeesarri kun.

Bakki ka'umsa haramaa kanaa irra jireessaan Ameerikaa Kibbaa, Biraazili. Osoo Haroo Xaanaarratti hin mul'atiin dura bara 2004 laga Magaci jedhamurraatti mul'achuusaa qorataan kun BBC'tti hmaniiru.

Haramaan baayyee hamaa ta'e kun jirmaafi hidhasaa dabalatee kan wal horu ta'uunsaa saffisaan akka baballatu taasiseera. Waggoota muraasa darban keessa laga Magacirraa ka'ee km 100 deemuun Haroon Xaanaa haramaa kanaan akka haguugamu taasiseera jedha.

Kanaaf jijjiirama haala qilleensaafi beekumsi haramaa Imboocci ilaalchisee jiru gadaanaa ta'uusaa akka sababaatti ibsu. Rakkoon kana caalu garuu qonnaan bultoota naannootiin kan lubbu qabeeyyii irra ga'aa jiruudha.

Jiraattuu naannawaa Horoo kanaa kan ta'an Aadde Dastaa Birihaana "Haroo loon keenya obaafachuuf, uffata itti miiccachuufi hojii biroo hedduuf itti gargaaramnu kana dhabuuf," jechuun miira gaaddaasaanii dubbatu. "Horiin haramaa kana dheedan fayya qabeessaa hinta'an, fooniifi aannan isaaniis hin miyaa'u," jechuun dubbatu.

Qonnaan bulaa Mitikkeen gama isaaniin "haramaan kun horii keeenya ajjeessaa jira," jedhan. Xaanaan qabeenya biyyaatis jedhaniiru.

Hojii bidiruun kan jiraatu Obbo Abbaayinah Minaalee ammoo haramaan kun adeemsa bidiruuf kan hinmijanne waan ta'eef, sochii turiizimiirratti dhiibbaa geessisaa jira jedhu. Omishi qurxummiis baayyinaan hir'ateera. "Dur bidiruu tokkoon hanga qurxummii 80 qabama ture. Amma garuu qurxummii 15 ol argachuun hin danda'amu," jechuun rakkoo hojiisaarra gahaa jiru ibsu.

Dhimmoota Xaanaa hawwata turizimii taasisan keessaa tokko gadaamoota 20 ol ta'an qabaachuu isaati. Gadaamooti kanneen keessaa tokko kan ta'e gara Gadaamii Hinxoos Iyyesuus yeroo deemnetti Ayyoo Walattemaariyaam "Xaanaan kan gadaamichaa qofaa osoo hin taane qabeenya biyyattiitis," jedhan.

Ayyoo Walattemaariyaam haramaan kun naannawaa Gadaamii Hinxoos Iyyesuus jira jedhamuusaa yaaddoo ittii uumeera. "Haramaan kun Haroo kana nu jalaa gogsa kan jedhu yaaddoo nutti uumeera," jedhu.

"Qormaata attamiitu nutti dhufe jedheen gadde" kan jedhan tajaajilaan gadaamichaa Abbaa Waldasanbat bakka qonnaa kan qabatu taanaan uummatichi rakkachuu danda'a. Kunimmoo rakkoo keenyadhas jechuun dubbatu.

Akka Piroofeser Ayyaalewu jedhanitti kennaa qabeenya uumama kan ta'e Imboci kennaa qabeenya uumamaa kan ta'e Xaanaarra dhiibbaa geessisaa jira. Kanaaf sababiin ijoon Imboci bakka sirrii isaaf ta'utti argamuu dhabuusaati. "Biqiltoonni akka biqiltootaatti kan lakkaa'aman biyya itti uumaman keessa yoommuu ta'u achitti akka kennaa uumamaatti lakkaa'amu. Fakkeenyaaf 'Dengel' (baballiiin) nuuf kennaa uumamaati," jechuun ibsu.

"Kan bakka biraatii dhufe hundinuu waan gadhee miti. Imbociin garuu faallaa kanaan bishaaniifi lubbu qabeeyyii akkasumas biqiltoota birorraan miidhaa qaqqabsiisaa jira jedhu.

"Xaanaan sadarkaa yaaddessaarra jira."

Rakkoowwan kana maqsuudhaaf tooftaawwan sadii hojiirraa oolu jedhu Pirofeeser Ayyaalewu.Humna namaa ykn maashinaa fayyadamuun, akka haramaa kamiiyyu keemikaala fayyadamuu ykn ammoo biqiltoota Imbociin balleessan biroo baballisuu ta'uu heeru. Biyyoonni tooftaawwan kanneen qophaa qophaaan ykn waliigalaan akka sadarkaa rakkoo isaatti itti fayyadamu.

Warri akka aadde Dastaafaas haramaa kana balleessuuf carraaqaa jiru. "Hojii dhuunfaa keenyaa dhiisnee Roobiifi Jimaata haramaa kana buqqaasuuf gara Haroo kanaa dhufnee hojjenna," jedhu. "Abbootiifi haadhotiin addunyaaf kadhatu. Haramaan Imboci akka baduufis kadhachaa jirra," jechuun Aayyo Walatteemaariyaam BBC tti himaniiru.

Bulchaan Naannawaa Gondar Obbo Azmaachuu Birhaanuu akka jedhanitti haramaa kana balleessuudhaaf gandoonni naannawaa Xaanaatti argaman shan tumsaa jiru. Rakkoon kun ballina waan qabuuf gandoota kudhan hirmaachisuuf hojjetamaa jira," jedhu. "Kun ga'aa miti deggersi maachinaa yoo hin jiraanne, Xaanaan sadarkaa yaaddessaarra jira," jedhu.

"Qindoominaan hin gaggeeffamne"

Haramaa kana balleessuudhaaf waggoota afran darban keessa hojjetamaa akka ture kan heeran Bulchaan Giddu-galaa Gondar Obbo Birhaanuu Temaaloo gama isaaniitiin naannaawwan tokko tokkotti bu'a qabeessa ta'uun akka danda'ame ibsu. Gandoonni warra akka Mixiraa Waarkaa bilisa ta'uu isaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Rakkoo kana furuudhaaf hojiin humnaan taasifamu maashinaan yoo hin deggeramiin bu'aan hanga barbaadame hin ta'u. Kana gochuudhaaf yuunvarsiitonniifi namoonni dhuunfaa hojjechaa jiru kan jedhan Pirofeeser Ayyaalewu bishaan kun dhimma gara garaaf waan ooluuf keemikaalli filatamaa hin ta'u jedhu. Biqiltoota biroo Imbociin balleessan fayyadamuunis isaanis rakkoo biraa qaqqabsiisan jiraachuu waan danda'uuf qorannoon irratti gaggeeffamaa jira jedhu.

Carraaqqii haramaa kana balleessuuf taasifamuu jiruun lubbun namaa darbeeefi bofaan ciniinamanii kan rakkoon irra ga'e akka jiran kan ibsan Piroofeeser Ayyaalewu "Qindoominaan hin gaggeeffamne," amantaa jedhu qabu.

Hunda caalaa kan isaan yaaddessu gaaruu rakkoon ammaa osoo hin furaamiin haramaa Imbociitti dabalataan haramoonni Azoonaafi Ippoomaa jedhaman mullachaa jiraachuu isaaniiti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata