Haala qabiinsa mirga namoomaa Itoophiyaarratti ibsa quuqamtoota mirgaa

Mormitootaaf poolisii Image copyright AHRE
Goodayyaa suuraa Humnoonni nageenyaa, mormitoota irratti tarkaanfii wal hin madaalle fudhatu

Dhaabbanni mirgoota namoomaa Itoophiyaaf jedhamu teessumni isaa Siwiizerlaandi Jenevaa ta'e haala qabiinsa mirga namoomaa biyyattii keessa jiru irratti ibsa gadi fageenya qabu baase.

Gabaasichi haala mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiruufi dhiibbaa warra mirga namoomaaf falmanirra ga'aa jiru gamaggamuun akka mullisetti, keessattuu erga seeronnii hacuucoo jedhaman ba'anii booda Itoophiyaa keessatti qabannaan mirga namoomaafi sochiin warra mirga namoomaaf quuqamanii dhiphachaa dhufuu irratti xiyyeeffateera.

Gabaasichi warreen mirga namoomaaf falman heddun hidhaaf, gidiraafi hiraarfama hedduuf akka saaxilamanii akkasumas kan biroon hedduunis miidhaa biyya keessatti irra ga'u baqatanii lubbuun jiraachuuf jireenya baqaattuummaa akka filatan gabaasichi mulliseera.

Mootummaan Itoophiyaaa guddina dinagdeetiin tarkaanfii gaarii agarsiisullee sochii mirga qabinsa mirga namoomaaf taasifamuun garuu akka dadhabaa dhufes gabaasni kun agarsiiseera.

Gabaasicha ilaalchisee BBC'n dura ta'aa dhaabbatichaa kan ta'an Obbo Yaared Hayilemaariyaam kan dubbise biyyattii keessatti mirgoonni yaada ofii bilisaan ibsachuufi gurmaa'uun rakkoo keessa waan jiruuf lammileen maal akka yaadan beekuun haala rakkisaa keessa akka jiru ibsuun mormiiwwan kutaa biyyatii gara garaa keessatti mullachaa jiranis rakkaa kanarraa akka ta'e mullisaniiru.

Ittidabaluun ''á‹­Gufuuwwan kan hunda darbanii lammileefi dhaabbileen dhimma mirga namoomaaf dubbatan, gaazexeessitoonniifi waldaaleen hawwaasaa gara garaa yeroo gara garaatti miidhaan waan irra ga'aa jiruuf rakkoo waliigalaa qaqqabaa jiruufi haala qabiinsa mirga namoomaa biyyattii keessa jiru agarsiisuuf gabaasa qophaa'edha," jedhu.

Murteen dhiyeenya kana irra ga'ame "Jajjabeessaa ta'ushanga ammaatti gaazexessitoonniifi warraan mirga namoomaaf falman hiikamanii hin argine. Kana waan ta'eef, mootummaan abbootii siyaasaa beekamoo muraasa qofa osoo hin taane kanneen biraa mirga isaanii gaafachuun hidhaman hunda hiikuu qaba," jedhan.

Filannoo walmormisiisaa kana 1997 booda seeronni ba'an haala baayyee rakkisaa ta'een gaazexesssitoota, warra mirga namoomaaf dhaabbataniifi dhaabbileen miti mootummaa sochuu akka dhowwes gabaasni kun agarsiiseera.

Itoophiyaa keessatti dhaabbileen hawwaasaaf, gaazexeessitootaaf, warra mirga namoomaaf dhaabbataniif akkasumas warra yaada isaanii bifa gara gara garaan ibsataniif haalli mijataan hin jiru kan jedhan Obbo Yaared, kun kan ta'e mootummaan wan hunda ukkaamsaa wan dhufeef jedhu.

Waggoota lamaan darban keessaa sochiiwwan mormii kutaa biyyattii gara garaa keessatti taasifamaa ture irratti humnoonni nageenyaa tarkaanfii humna hanga barbaachisuu ol fudhataniin nomoonni hedduun lubbuub isaanii kan darbeefi kumaatamaan kan lakkaa'am ammoo hidhaaf saaxilamuu gabaasichi dabalee ibseera.

Obbo Yaared, ''Torban lamaan darban keessa magaalaawwan Kaaba Walloo keessatti argaman keessatti namoota mormii isaanii dhageessisan irratti tarkaanfiin humnaa fudhatama baayyee yaachisaa akka ta'e," heeraniiru.

Akka Obbo Yaared jedhanitti, gabaasichi mootummaafis ta'e hawwaasni addunyaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessaa foyyeessuuf maal gochuu akka qabanis yaada furmaataa lafa kaa'uusaa heeraniiru.

Haaluma kanaan gabaasichi rakkoowwan jiran furuudhaaf seeronni ukkaamsoo ta'an akkasumas mirga lammilee heera mootummaan kennameef dabalatee kan danqu atattamaan akka jijjiiramu yaada jedhus kaaseera.

Dabalataanis gaazexeessitoota, warra mirga namoomaaf dhaabbatan, namoota siyaasaafi hiriira ngaa irratti qabamanii warra hidhaman hunda haal-duree tokko malee akka hiikuu qabus gabaasni kn gaafateera.

Rakkoo siyaasaa biyyattii furuudhaafis mootummaan garaa qulqulluudhaan qaamota dhimmi ilaallatu hunda waliin maree walii galtee akka biyyaatti fiduu dandeessisu taasisuu akka qabu yaada dhiyeesseera.

Keessumattuu kutaawwan biyyattii keessatti namoota hiriira nagaa ba'anirratti tarkaanfii seeraan ala rasaas itti dhukaasuu attattamaan akka dhaabu gabaasichi akka cimsee akeekkachiise Obbo Yaared dubbataniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata