Yaaddoon kaansarii dabalaa jira

Qorannoo Kaansarii irratti gaggeeffamaa jiru Image copyright ANNE-CHRISTINE POUJOULAT

Waggoota 14'n darbaniif maqaa ilma isaaniin kan hundeessan karaa 'Waldaa Kaansarii Itoophiyaa Maatiwoos Wanduu' dhukkubsattoota kansariif kunuunsaa gochuufi waa'ee dhukkuba kaansarii hubannoo kennuukan turan Obbo Wanduu Baqqalaa duuti ilma isaanii kallattii jireenya isaanii jijjiiruu dubbatu.

Maatiwoos ilma osoo hin eegamiin bara dullumaa keessa argatan akka ta'e kan dubbatan obbo Wanduun, "dhalachuun isaa hedduu jireenya keenya jijjiiree ture," jedhu.

Dhalatee ganna lamatti dhukkubsate gara mana yaalaa yoo geessan, kaansarii dhiigaa akka qabu itti himamee hospitaala Xiqur Ambassaatti yaala eegaluu isaa dubbatu.

Qorichi dhukkubichaa biyya keessa wan hin jirreef biyya alaa fichisiisaa turuu dubbatu. Baatilee muraasa keessatti fayya jedhanii osoo eegaa jiranii, itti cimee sadarkaa biyya keessatti wal'aanuun hin danda'amne irra waan gaheef "biyya alaa geessaa yaalchisaa jedhamuu isaanii" himu.

Yaalaa Keemooteeraappii jedhamuun daran laafee waan tureef xiyyaara koruu hin dandeenye jedhu.

"Maatiin yaala fooyyee argachuu osoo danda'uu waan biyya keessa hin jirreef osoo ijji keenya arguu lubbuun isaa dabarte," jedhu.

Dhibeen isaa ulfaataa akka ture kan dubbatan Obbo Wanduun, ilmi isaanii afaaniin dhiiga tufaa akka ture dubbatu.

Abdii kutuu isaaniirraa kan ka'e, "yeroon of ajjeesuuf yaade jira" jedhu Obbo Wanduun.

Waggoota kudhan booda, yaaliin dhukkuba kaansarii biyyattii foyyee agarsiisuu kan dubbatan Obbo Wanduun, akka biyyaatti mootummaan karoora to'annoo kaansarii baasee hojjechaa jiraachuu, akkasumas magaalota gurguddoo akka Jimmaa, Gondar fi Maqalee keessatti jiddugalli kaansarii gurguddaan ijaaramaa jiraachuu himu.

Kunis ta'ee qorichi gahaa fi ogeeyyii hanga barbaadamu waan hin jirreef hanqinni jiraachuu dubbatu.

Hojii amma hojjetaa jiranitti gammadoo ta'uufi "yeroo nama gargaarre akka ilma gargaarre yookan yaadaan ilm keenyatti kaloofne nutti dhagaahama," jedhu.

Kaansarii Itoophiyaa keessatti

Akka ragaan ministeera fayyaa agarsiisutti dhukkubni kaansarii dhukkuba daddarboo hin taane namoota hedduu du'aaf saaxilan afran keessaa isa tokko.

Galmeen waan hin jirreef lakkoofsa dhukkubsattoota kaansari Itoophiyaa keessa jiranii baruun rakkisaadha jedhu, hospitaala Xiqur Ambassaatti ispeeshaaliistiin kaansarii Dr. Maatiwoos Asaffaa.

Galmee Finfinnee keessatti taasifameen waggaatti dhukkubsattoonni haaraa 8500 akka dhufaniifi kanneen keessaa harki 2/3ffaa dubartoota ta'uu dubbatu Dr. Maatewoos.

Gosti dhukkuba kaansarii heddumminaan dubartoota miidhu kaansarii harmaa yoo ta'u, kan fiixee gadameessaafi kan mar'umaanii sadarkaa lammataafi sadaffaarra jiraachuu dubbatu.

Dhiirota irratti ammoo sadarkaa duraa irratti kaansarii mar'umaanii yoo ta'u itti aansuun kaansarii Piroosteetii ta'uu himu Dr. Maatiwoos.

Dulluma, haala jireenyaa rakkisaa, haala nyaataa, tamboo haarsuu, dhugaatii aalkoolii dhuguu akkasumas infeekshiniifi vaayirasiiwwan garagaraa dhukkuba kaansariif nama saaxiluu danda'u jedhu Dr. Maatiwoos

Kaansarii ittisuuf tarkaanfiin jalqabaa osoo hin qabamiin dura wantoota dhukkubichaaf nama saaxilan irraa fagaachuu yookan 'dursanii ittisuu' ta'uu kan dubbatan Dr. Maatiwoos erga qabamanii booda, osoo sadarkaa cimaatti hin ce'iin qorannoo gochuufi yaalamuu gorsu.

Erga sadarkaa cimaarra gahee booda baqaqsanii yaaluu, keemooteeraappii fi yaaliiwwan rakkisoo ta'an biroon jiraachuus ni dubbatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan